< 歷代志上 28 >
1 大衛招聚以色列各支派的首領和輪班服事王的軍長,與千夫長、百夫長,掌管王和王子產業牲畜的,並太監,以及大能的勇士,都到耶路撒冷來。
Daawit akka isaan Yerusaalemitti walitti qabamaniif hangafoota Israaʼel hunda ni waame; isaanis: Geggeessitoota gosootaa, tajaajila mootummaa keessatti ajajjoota kutaawwan loltootaa, ajajjoota kumaatii fi ajajjoota dhibbaa, warra qabeenyaa fi horii mootichaatii fi kan ilmaan isaa irratti itti gaafatamtoota taʼan, qondaaltota masaraa mootummaa, namoota jajjaboo fi gootota waraanaa hunda.
2 大衛王就站起來,說:「我的弟兄,我的百姓啊,你們當聽我言,我心裏本想建造殿宇,安放耶和華的約櫃,作為我上帝的腳凳;我已經預備建造的材料。
Ergasii Daawit Mootichi kaʼee dhaabatee akkana jedhe: “Yaa obboloota koo fi yaa saba ko, mee na dhagaʼaa. Ani taabota kakuu Waaqayyootiif iddoo inni boqotu, Waaqa keenyaaf immoo iddoo inni miilla dhaabatu ijaaruu yaadee qophaaʼeera.
3 只是上帝對我說:『你不可為我的名建造殿宇;因你是戰士,流了人的血。』
Waaqni garuu, ‘Ati sababii lola hedduu loltee dhiiga baayʼee dhangalaafteef maqaa kootiif mana hin ijaartu’ naan jedhe.
4 然而,耶和華-以色列的上帝在我父的全家揀選我作以色列的王,直到永遠。因他揀選猶大為首領;在猶大支派中揀選我父家,在我父的眾子裏喜悅我,立我作以色列眾人的王。
“Taʼus Waaqayyo, Waaqni Israaʼel akka ani bara baraan Israaʼel irratti mootii taʼuuf mana abbaa koo keessaa na filate. Akka inni dura buʼaa taʼuufis Yihuudaa filate; mana Yihuudaa keessaa maatii koo filate; ilmaan abbaa kootii keessaa immoo akka ani guutummaa Israaʼel irratti mootii taʼu jaallate.
5 耶和華賜我許多兒子,在我兒子中揀選所羅門坐耶和華的國位,治理以色列人。
Waaqayyo ilmaan baayʼee naa kenneera; ilmaan koo hunda keessaa immoo akka inni teessoo mootummaa Waaqayyoo irra taaʼee saba Israaʼel bulchuuf ilma koo Solomoonin filate.
6 耶和華對我說:『你兒子所羅門必建造我的殿和院宇;因為我揀選他作我的子,我也必作他的父。
Akkanas naan jedhe; ‘Kan mana koo fi oobdiiwwan koo naaf ijaaru ilma kee Solomoonii dha; ani akka inni ilma naa taʼuuf isa filadheeraatii; anis abbaa isaa nan taʼa.
7 他若恆久遵行我的誡命典章如今日一樣,我就必堅定他的國位,直到永遠。』
Yoo inni akkuma ammaa kanatti ittuma fufee ajaja koo fi seera koo eege ani bara baraan mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’
8 現今在耶和華的會中,以色列眾人眼前所說的,我們的上帝也聽見了。你們應當尋求耶和華-你們上帝的一切誡命,謹守遵行,如此你們可以承受這美地,遺留給你們的子孫,永遠為業。
“Kanaafuu akka isin lafa gaarii kana dhaaltanii ilmaan keessaniif dhaala bara baraa dabarsitaniif, akka isin ajaja Waaqayyo Waaqa keessanii hunda eegdanii fi isa duukaa buutaniif ani amma fuula Israaʼeloota hundaa duratti, waldaa Waaqayyoo duratti, akkasumas utuu Waaqni keenya dhagaʼuu isinin ajaja.
9 「我兒所羅門哪,你當認識耶和華-你父的上帝,誠心樂意地事奉他;因為他鑒察眾人的心,知道一切心思意念。你若尋求他,他必使你尋見;你若離棄他,他必永遠丟棄你。
“Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.
10 你當謹慎,因耶和華揀選你建造殿宇作為聖所。你當剛強去行。」
Amma qalbeeffadhu; Waaqayyo akka ati mana iddoo qulqulluu taʼu tokko ijaartuuf si filateeraatii. Jajjabaadhuu hojjedhu.”
11 大衛將殿的遊廊、旁屋、府庫、樓房、內殿,和施恩所的樣式指示他兒子所羅門,
Ergasii Daawit karoora gardaafoo mana qulqullummaa, kan ijaarsa isaa, kutaawwan miʼi keessa kaaʼamu, kan kutaawwan ol aananiitii fi kutaawwan keessaa, akkasumas karoora iddoo teessoo araaraa ilma isaa Solomoonitti kenne.
12 又將被靈感動所得的樣式,就是耶和華上帝殿的院子、周圍的房屋、殿的府庫,和聖物府庫的一切樣式都指示他;
Akkasumas karoora waan Hafuurri qulqulluun isa yaachisee kan oobdii mana qulqullummaa Waaqayyoo, kan kutaawwan naannoo isaa jiranii, kutaawwan mana miʼa mana qulqullummaa Waaqaatii fi kan mankuusaa miʼoota Waaqaatiif addaan baafamanii hunda itti kenne.
13 又指示他祭司和利未人的班次與耶和華殿裏各樣的工作,並耶和華殿裏一切器皿的樣式,
Karoora ramaddii hojii lubootaatii fi Lewwotaa, tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti kennamuu maluu hunda, miʼoota mana qulqullummaa keessatti tajaajilaaf oolan irrattis qajeelfama ni kenneef.
14 以及各樣應用金器的分兩和各樣應用銀器的分兩,
Ulfina warqee miʼoota warqee irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaatii fi ulfina meetii miʼoota meetii irraa hojjetamanii tajaajila garaa garaatiif oolan hundaas isa beeksise:
15 金燈臺和金燈的分兩,銀燈臺和銀燈的分兩,輕重各都合宜;
Kunis ulfina baattuuwwan ibsaa kanneen warqee irraa hojjetamaniitii fi ibsaawwan isaanii, ulfina warqee tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaa isaanii wajjin, akkasumas akkuma hojii tokkoo tokkoo baattuu ibsaa sanaatti ulfina meetii tokkoo tokkoo baattuu ibsaatii fi ibsaawwan isaa,
ulfina warqee tokkoo tokkoo minjaala buddeenni qulqulluun irra kaaʼamuu, ulfina meetii minjaalli irraa hojjetame,
17 精金的肉叉子、盤子,和爵的分兩,各金碗與各銀碗的分兩,
ulfina warqee qulqulluu falʼaana, waciitii fi kubbaayyaa, ulfina warqee tokkoo tokkoo caabii warqee irraa hojjetame; ulfina meetii tokkoo tokkoo caabii meetii irraa hojjetame;
18 精金香壇的分兩,並用金子做基路伯;基路伯張開翅膀,遮掩耶和華的約櫃。
akkasumas ulfina warqee qulqulleeffame kan iddoo aarsaa ixaanaatiif qopheeffame. Karoora gaarii jechuunis kiirubeelii warqee irraa hojjetaman kanneen qoochoo isaanii babalʼisanii taabota kakuu Waaqayyoo haguugan itti kenne.
19 大衛說:「這一切工作的樣式都是耶和華用手劃出來使我明白的。」
Daawitis, “Ani waan kana hunda harka Waaqayyoo kan narra jiru sanaan barreeffamaan argadhe; innis karoora hojii kanaa hunda irratti hubannaa naaf kenne” jedhe.
20 大衛又對他兒子所羅門說:「你當剛強壯膽去行!不要懼怕,也不要驚惶。因為耶和華上帝就是我的上帝,與你同在;他必不撇下你,也不丟棄你,直到耶和華殿的工作都完畢了。
Daawit ilma isaa Solomooniin akkana jedhe; “Cimi; jajjabaadhus; hojii sanas hojjedhu. Hin sodaatin; abdiis hin kutatin; Waaqayyo Gooftaan Waaqni koo si wajjin jiraatii. Inni hamma hojiin tajaajila mana qulqullummaa Waaqayyoo dhumutti si hin dhiisu yookaan si hin gatu.
21 有祭司和利未人的各班,為要辦理上帝殿各樣的事,又有靈巧的人在各樣的工作上樂意幫助你;並有眾首領和眾民一心聽從你的命令。」
Gareen lubootaatii fi Lewwotaa ijaarsa mana qulqullummaa Waaqaatiif qophaaʼoo dha. Namni fedhii qabu kan ogummaa hojii gosa kamii iyyuu qabu hundii hojii hunda si gargaara. Qondaaltonnii fi namoonni hundii ajaja kee hunda ni fudhatu.”