< 诗篇 86 >
1 大卫的祈祷。 耶和华啊,求你侧耳应允我, 因我是困苦穷乏的。
Kadhannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, na dhagaʼiitii deebii naa kenni.
2 求你保存我的性命,因我是虔诚人。 我的 神啊,求你拯救这倚靠你的仆人!
Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. Ati Waaqa koo ti; garbicha kee kan si amanatu oolchi.
Yaa Gooftaa na maari; ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii.
4 主啊,求你使仆人心里欢喜, 因为我的心仰望你。
Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii.
5 主啊,你本为良善,乐意饶恕人, 有丰盛的慈爱赐给凡求告你的人。
Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha.
6 耶和华啊,求你留心听我的祷告, 垂听我恳求的声音。
Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; iyya waammata koos dhaggeeffadhu.
Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; ati deebii naa kennitaatii.
8 主啊,诸神之中没有可比你的; 你的作为也无可比。
Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru.
9 主啊,你所造的万民都要来敬拜你; 他们也要荣耀你的名。
Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, fuula kee duratti ni sagadu; maqaa keetiifis ulfina fidu.
Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; Waaqni suma qofa.
11 耶和华啊,求你将你的道指教我; 我要照你的真理行; 求你使我专心敬畏你的名!
Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; anis dhugaa keetiin nan bula; akka ani maqaa kee sodaadhuuf, garaa gargar hin qoodamne naa kenni.
12 主—我的 神啊,我要一心称赞你; 我要荣耀你的名,直到永远。
Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa.
13 因为,你向我发的慈爱是大的; 你救了我的灵魂免入极深的阴间。 (Sheol )
Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. (Sheol )
14 神啊,骄傲的人起来攻击我, 又有一党强横的人寻索我的命; 他们没有将你放在眼中。
Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne lubbuu koo galaafachuu barbaadu.
15 主啊,你是有怜悯有恩典的 神, 不轻易发怒,并有丰盛的慈爱和诚实。
Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu.
16 求你向我转脸,怜恤我, 将你的力量赐给仆人,救你婢女的儿子。
Gara kootti deebiʼiitii na maari; jabina kee tajaajilaa keetii kenni; ilma garbittii keetiis oolchi.
17 求你向我显出恩待我的凭据, 叫恨我的人看见便羞愧, 因为你—耶和华帮助我,安慰我。
Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.