< 诗篇 69 >
1 大卫的诗,交与伶长。调用百合花。 神啊,求你救我! 因为众水要淹没我。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Daraaraatiin.” Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqi, ati na baasi; bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.
2 我陷在深淤泥中,没有立脚之地; 我到了深水中,大水漫过我身。
Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan hin jirre keessa seeneera. Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera; lolaanis narra garagaleera.
3 我因呼求困乏,喉咙发干; 我因等候 神,眼睛失明。
Ani iyyuudhaan dadhabeera; laagaan koo babbaqaqeera; iji koo, Waaqa koo eeggachuudhaan dadhabeera.
4 无故恨我的,比我头发还多; 无理与我为仇、要把我剪除的,甚为强盛。 我没有抢夺的,要叫我偿还。
Warri lafumaa kaʼanii na jibban rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu; warri na ajjeesuu barbaadan, warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha. Ani akkan waan hin hatin deebisu dirqameera.
5 神啊,我的愚昧,你原知道; 我的罪愆不能隐瞒。
Yaa Waaqi, ati gowwummaa koo ni beekta; yakki koos si duraa hin dhokatu.
6 万军的主—耶和华啊, 求你叫那等候你的,不要因我蒙羞! 以色列的 神啊, 求你叫那寻求你的,不要因我受辱!
Yaa Gooftaa, Waaqayyo Waan Hunda Dandeessu, warri abdii sirra kaaʼatan, sababii kootiif hin qaanaʼin; yaa Waaqa Israaʼel, warri si barbaadan, sababii kootiif hin qaaneffamin.
Ani siif jedhee tuffii obseeraatii; qaaniinis fuula koo haguugeera.
8 我的弟兄看我为外路人; 我的同胞看我为外邦人。
Ani obboloota kootti keessummaa, ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;
9 因我为你的殿心里焦急,如同火烧, 并且辱骂你人的辱骂都落在我身上。
Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii; arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.
10 我哭泣,以禁食刻苦我心; 这倒算为我的羞辱。
Booʼuu fi soomuun koo, arrabsoo natti taʼe.
Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti, namoonni natti qoosu.
Warri karra dura tataaʼan natti qoosu; machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.
13 但我在悦纳的时候向你—耶和华祈祷。 神啊,求你按你丰盛的慈爱, 凭你拯救的诚实应允我!
Ani garuu yaa Waaqayyo, yeroo ati filattutti sin kadhadha; yaa Waaqi, jaalala kee guddichaan fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.
14 求你搭救我出离淤泥, 不叫我陷在其中; 求你使我脱离那些恨我的人, 使我出离深水。
Akka ani hin liqimfamneef, raaree keessaa na baasi; warra na jibban jalaa, bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.
15 求你不容大水漫过我, 不容深渊吞灭我, 不容坑坎在我以上合口。
Ati akka lolaan na hin fudhanne, akka tuujubni na hin liqimsine, akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.
16 耶和华啊,求你应允我! 因为你的慈爱本为美好; 求你按你丰盛的慈悲回转眷顾我!
Yaa Waaqayyo, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni; araara kee guddichaanis natti garagali.
17 不要掩面不顾你的仆人; 我是在急难之中,求你速速地应允我!
Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin; waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.
18 求你亲近我,救赎我! 求你因我的仇敌把我赎回!
Natti dhiʼaadhuutii na furi; xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.
19 你知道我受的辱骂、欺凌、羞辱; 我的敌人都在你面前。
Ati akka ani hammam tuffatamee, salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta; diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.
20 辱骂伤破了我的心, 我又满了忧愁。 我指望有人体恤,却没有一个; 我指望有人安慰,却找不着一个。
Arrabsoon garaa koo cabse; anis abdii kutadheera. Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe; nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.
21 他们拿苦胆给我当食物; 我渴了,他们拿醋给我喝。
Nyaata kootti hadhooftuu makan; akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.
22 愿他们的筵席在他们面前变为网罗, 在他们平安的时候变为机槛。
Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu; adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.
23 愿他们的眼睛昏蒙,不得看见; 愿你使他们的腰常常战抖。
Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu; dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.
24 求你将你的恼恨倒在他们身上, 叫你的烈怒追上他们。
Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi; aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.
25 愿他们的住处变为荒场; 愿他们的帐棚无人居住。
Qeʼeen isaanii haa onu; namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.
26 因为,你所击打的,他们就逼迫; 你所击伤的,他们戏说他的愁苦。
Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii; waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.
27 愿你在他们的罪上加罪, 不容他们在你面前称义。
Yakka irratti yakka isaanitti dabali; isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.
28 愿他们从生命册上被涂抹, 不得记录在义人之中。
Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu; qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.
29 但我是困苦忧伤的; 神啊,愿你的救恩将我安置在高处。
Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira; yaa Waaqi, fayyinni kee ol na haa qabu.
Ani faarfannaadhaan maqaa Waaqaa nan galateeffadha; galataanis ulfina nan kennaaf.
31 这便叫耶和华喜悦,胜似献牛, 或是献有角有蹄的公牛。
Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Waaqayyoon gammachiisa.
32 谦卑的人看见了就喜乐; 寻求 神的人,愿你们的心苏醒。
Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu; isin warri Waaqa barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!
Waaqayyo rakkattoota ni dhagaʼa; namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.
Samii fi lafti, galaanonnii fi wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.
35 因为 神要拯救锡安,建造犹大的城邑; 他的民要在那里居住,得以为业。
Waaqni Xiyoonin ni fayyisaatii; magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara. Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.
36 他仆人的后裔要承受为业; 爱他名的人也要住在其中。
Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu; warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.