< 诗篇 10 >
1 耶和华啊,你为什么站在远处? 在患难的时候为什么隐藏?
Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?
2 恶人在骄横中把困苦人追得火急; 愿他们陷在自己所设的计谋里。
Namni hamaan of tuulummaa isaatiin hiyyeessa adamsa; inni maluma malatuun haa qabamu.
3 因为恶人以心愿自夸; 贪财的背弃耶和华,并且轻慢他。
Namni hamaan hawwii isaatiin of jaja; ofittoo ni eebbisa; Waaqayyoon immoo ni arrabsa.
4 恶人面带骄傲,说:耶和华必不追究; 他一切所想的都以为没有 神。
Namni hamaan sababii of tuuluuf Waaqa hin barbaadu; yaada isaa hundumaa keessas Waaqni hin jiru.
5 凡他所做的,时常稳固; 你的审判超过他的眼界。 至于他一切的敌人, 他都向他们喷气。
Karaan isaa yeroo hunda ni milkaaʼaaf; inni of tuula; seerri kees isa irraa fagoo dha; diinota isaa hundattis tuffiidhaan qummaada.
Innis, “Wanni na sochoosu hin jiru; rakkinnis gonkumaa na hin argatu” ofiin jedha.
7 他满口是咒骂、诡诈、欺压, 舌底是毒害、奸恶。
Afaan isaa abaarsaan, sobaa fi doorsisaan guutameera; dabaa fi hamminni arraba isaa jala jiru.
8 他在村庄埋伏等候; 他在隐密处杀害无辜的人。 他的眼睛窥探无倚无靠的人;
Inni gandoota keessatti riphee eeggata; iddoo dhokataattis warra yakka hin qabne ajjeesa. Ija isaatiinis hiyyeeyyii gaada.
9 他埋伏在暗地,如狮子蹲在洞中。 他埋伏,要掳去困苦人; 他拉网,就把困苦人掳去。
Akka leenca daggala isaa keessaatti riphee eeggata. Hiyyeessa qabachuudhaaf dhokatee eeggata; hiyyeessas qabatee kiyyoo isaatiin harkifata.
10 他屈身蹲伏, 无倚无靠的人就倒在他爪牙之下。
Hiyyeessi sunis ni caccaba; gad of qabas; humna nama hamaa jalattis ni kufa.
Innis, “Waaqa irraanfateera; fuula isaas dhokfateera; gonkumaa hin argu” ofiin jedha.
12 耶和华啊,求你起来! 神啊,求你举手,不要忘记困苦人!
Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqi harka kee ol kaafadhu. Rakkataas hin dagatin.
Namni hamaan maaliif Waaqa arrabsa? Maaliifis garaa isaatti, “Inni waan kanatti na hin gaafatu” jedha?
14 其实你已经观看; 因为奸恶毒害,你都看见了, 为要以手施行报应。 无倚无靠的人把自己交托你; 你向来是帮助孤儿的。
Yaa Waaqi, ati garuu rakkinaa fi gadda warra miidhamanii ni argita; harka keetiinis gatii baasifta. Deegaan dabarsee sitti of kenna; ati ijoollee abbaa hin qabneef gargaaraa dha.
15 愿你打断恶人的膀臂; 至于坏人,愿你追究他的恶,直到净尽。
Irree nama hamaatii fi jalʼaa cabsi; hamma hamminni isaa dhumee dhabamutti, hammina isaatti isa gaafadhu.
16 耶和华永永远远为王; 外邦人从他的地已经灭绝了。
Waaqayyo bara baraa hamma bara baraatti Mootii dha; ormoonni lafa isaa irraa ni barbadaaʼu.
17 耶和华啊,谦卑人的心愿, 你早已知道。 你必预备他们的心, 也必侧耳听他们的祈求,
Yaa Waaqayyo, ati hawwii rakkattootaa ni dhageessa; isaan jajjabeessita; iyya isaanii illee ni dhaggeeffatta;
18 为要给孤儿和受欺压的人伸冤, 使强横的人不再威吓他们。
kunis akka namni biyyoo irraa uumame siʼachi isaan hin cunqursineef ati ijoollee abbaa hin qabnee fi cunqurfamtootaaf akka dhaabattuuf.