< 箴言 22 >

1 美名胜过大财; 恩宠强如金银。
Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha; kabajamuunis meetii fi warqee caala.
2 富户穷人在世相遇, 都为耶和华所造。
Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha: Uumaan hunda isaanii Waaqayyoo dha.
3 通达人见祸藏躲; 愚蒙人前往受害。
Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata; wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.
4 敬畏耶和华心存谦卑, 就得富有、尊荣、生命为赏赐。
Gad of qabiisnii fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.
5 乖僻人的路上有荆棘和网罗; 保守自己生命的,必要远离。
Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira; namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.
6 教养孩童,使他走当行的道, 就是到老他也不偏离。
Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.
7 富户管辖穷人; 欠债的是债主的仆人。
Sooressi hiyyeessa bulcha; liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.
8 撒罪孽的,必收灾祸; 他逞怒的杖也必废掉。
Namni hammina facaasu rakkina haammata; uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.
9 眼目慈善的,就必蒙福, 因他将食物分给穷人。
Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf ofii isaatii ni eebbifama.
10 赶出亵慢人,争端就消除; 纷争和羞辱也必止息。
Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa; wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.
11 喜爱清心的人因他嘴上的恩言, 王必与他为友。
Nama qulqullina garaa jaallatuu fi dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.
12 耶和华的眼目眷顾聪明人, 却倾败奸诈人的言语。
Iji Waaqayyoo xiyyeeffatee beekumsa ilaala; inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.
13 懒惰人说:外头有狮子; 我在街上就必被杀。
Dhibaaʼaan, “Leenci ala jira! Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!” jedha.
14 淫妇的口为深坑; 耶和华所憎恶的,必陷在其中。
Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha; namni dheekkamsa Waaqayyoo jala jiru achi keessa buʼa.
15 愚蒙迷住孩童的心, 用管教的杖可以远远赶除。
Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera; uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.
16 欺压贫穷为要利己的, 并送礼与富户的,都必缺乏。
Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.
17 你须侧耳听受智慧人的言语, 留心领会我的知识。
Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu; yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;
18 你若心中存记, 嘴上咬定,这便为美。
yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte wanni kun nama gammachiisaatii.
19 我今日以此特特指教你, 为要使你倚靠耶和华。
Akka abdiin kee Waaqayyo taʼuuf ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.
20 谋略和知识的美事, 我岂没有写给你吗?
Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi beekumsaa siif hin barreessinee?
21 要使你知道真言的实理, 你好将真言回复那打发你来的人。
Kanas ani akka ati warra si erganiif deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?
22 贫穷人,你不可因他贫穷就抢夺他的物, 也不可在城门口欺压困苦人;
Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin; rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;
23 因耶和华必为他辨屈; 抢夺他的,耶和华必夺取那人的命。
Waaqayyo dubbii isaanii ni ilaalaaf; jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.
24 好生气的人,不可与他结交; 暴怒的人,不可与他来往;
Nama dafee aaru michuu hin godhatin; nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;
25 恐怕你效法他的行为, 自己就陷在网罗里。
yoo kana goote karaa isaa baratta; ofii kees kiyyootti galchita.
26 不要与人击掌, 不要为欠债的作保。
Nama harka dhaʼee waadaa galu yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;
27 你若没有什么偿还, 何必使人夺去你睡卧的床呢?
yoo ati waan baaftu dhabde, sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.
28 你先祖所立的地界, 你不可挪移。
Dhagaa daarii durii, kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.
29 你看见办事殷勤的人吗? 他必站在君王面前, 必不站在下贱人面前。
Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee? Inni fuula moototaa dura dhaabata; fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.

< 箴言 22 >