< 弥迦书 3 >
1 我说:雅各的首领, 以色列家的官长啊,你们要听! 你们不当知道公平吗?
Ergasii ani akkanan jedhe; “Isin hooggantoonni Yaaqoob, bulchitoonni mana Israaʼel mee dhaggeeffadhaa. Isin murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?
2 你们恶善好恶, 从人身上剥皮, 从人骨头上剔肉,
Isin warri waan gaarii jibbitanii waan hamaa jaallattan, warri saba koo irraa gogaa, lafee isaanii irraa immoo foon baaftan,
3 吃我民的肉, 剥他们的皮, 打折他们的骨头, 分成块子像要下锅, 又像釜中的肉。
warri foon saba koo nyaattan, kanneen gogaa isaanii irraa qunciftanii lafee isaanii caccabsitan, isin warri akka foon eeleetti waadamuutii fi okkoteetti affeelamuu isaan ciccirtan murtii qajeelaa beekuu hin qabdanii?”
4 到了遭灾的时候, 这些人必哀求耶和华, 他却不应允他们。 那时他必照他们所行的恶事向他们掩面。
Ergasii isaan Waaqayyotti iyyatu; inni garuu deebii hin kennuuf. Yeroo sanatti inni sababii cubbuu isaan hojjetaniitiif fuula isaa isaan duraa ni dhokfata.
5 论到使我民走差路的先知— 他们牙齿有所嚼的, 他们就呼喊说:平安了! 凡不供给他们吃的, 他们就预备攻击他— 耶和华如此说:
Waaqayyo akkana jedha: “Waaʼee raajota saba koo karaa irraa jalʼisanii, yoo namni tokko nyaata kenneef isaan ‘Nagaa’ labsu; yoo inni akkas gochuu baate immoo lola isatti kaasuuf qophaaʼu.
6 你们必遭遇黑夜,以致不见异象; 又必遭遇幽暗,以致不能占卜。 日头必向你们沉落, 白昼变为黑暗。
Kanaafuu utuu isin mulʼata hin argin halkan, utuu isin hooda hin dubbatin immoo dukkanni isinitti dhufa. Aduun raajotatti dhiiti; guyyaanis isaanitti dukkanaaʼa.
7 先见必抱愧, 占卜的必蒙羞, 都必捂着嘴唇, 因为 神不应允他们。
Ilaaltonni ni qaanaʼu; warri hooda dubbatanis ni salphifamu. Sababii deebiin tokko iyyuu Waaqa biraa hin dhufneef isaan hundi fuula haguuggatu.”
8 至于我,我借耶和华的灵, 满有力量、公平、才能, 可以向雅各说明他的过犯, 向以色列指出他的罪恶。
Ani garuu Yaaqoobitti balleessaa isaa, Israaʼelittis cubbuu isaa himuuf humnaan guutameera; Hafuura Waaqayyootiin murtii qajeelaa fi jabinaan guutameera.
9 雅各家的首领、以色列家的官长啊, 当听我的话! 你们厌恶公平, 在一切事上屈枉正直;
Isin hooggantoonni mana Yaaqoob bulchitoonni mana Israaʼel warri murtii qajeelaa tuffattanii waan sirrii taʼe hunda jalʼiftan waan kana dhagaʼaa;
warri dhiiga dhangalaasuudhaan Xiyoonin, hamminaan immoo Yerusaalemin ijaartan waan kana dhagaʼaa.
11 首领为贿赂行审判; 祭司为雇价施训诲; 先知为银钱行占卜。 他们却倚赖耶和华,说: 耶和华不是在我们中间吗? 灾祸必不临到我们。
Hooggantoonni ishee mattaʼaa fudhatanii murtii kennu; luboonni ishee gatiidhaan barsiisu; raajonni ishees maallaqa fudhatanii hooda dubbatu. Taʼus isaan Waaqayyotti irkatanii, “Waaqayyo gidduu keenya jira mitii? Balaan tokko iyyuu nutti hin dhufu” jedhu.
12 所以因你们的缘故, 锡安必被耕种像一块田, 耶路撒冷必变为乱堆; 这殿的山必像丛林的高处。
Kanaafuu sababii keessaniif, Xiyoon akkuma lafa qotiisaatti qotamti; Yerusaalemis tuullaa waan diigamee taati; gaarri mana qulqullummaas tabba daggalaan liqimfame taʼa.