< 利未记 19 >
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 “你晓谕以色列全会众说:你们要圣洁,因为我耶和华—你们的 神是圣洁的。
“Akkana jedhii waldaa saba Israaʼel hundatti himi; ‘Ani Waaqayyo Waaqni keessan qulqulluudhaatii isinis qulqulloota taʼaa.
3 你们各人都当孝敬父母,也要守我的安息日。我是耶和华—你们的 神。
“‘Tokkoon tokkoon keessan haadha keessanii fi abbaa keessaniif ulfina kennaa; Sanbatoota koos eegaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
4 你们不可偏向虚无的神,也不可为自己铸造神像。我是耶和华—你们的 神。
“‘Gara waaqota tolfamootti hin deebiʼinaa yookaan sibiila baqfame irraa ofii keessaniif waaqota hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“‘Yommuu aarsaa nagaa Waaqayyoof dhiʼeessitanitti akka aarsaan keessan fudhatama isiniif argatu godhaatii dhiʼeessaa.
6 这祭物要在献的那一天和第二天吃,若有剩到第三天的,就必用火焚烧。
Aarsaan isin dhiʼeessitanis guyyuma sana yookaan guyyaa itti aanu haa nyaatamu; garuu wanni hafee hamma guyyaa sadaffaatti ture haa gubamu.
Waan kana keessaa tokko iyyuu yoo guyyaa sadaffaatti nyaatame xuraaʼaa dha; fudhatamas hin argatu.
8 凡吃的人必担当他的罪孽;因为他亵渎了耶和华的圣物,那人必从民中剪除。
Namni waan sana nyaatu sababii waan Waaqayyoon qulqulleeffame xureesseef itti gaafatama; namichi sun saba isaa keessaa haa balleeffamu.
9 “在你们的地收割庄稼,不可割尽田角,也不可拾取所遗落的。
“‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabattanitti hamma daariitti hin haaminaa; qarmii isaa illee hin funaannatinaa.
10 不可摘尽葡萄园的果子,也不可拾取葡萄园所掉的果子;要留给穷人和寄居的。我是耶和华—你们的 神。
Qarmii iddoo dhaabaa wayinii keetii hin funaanin yookaan ija wayinii keetii kan harcaʼe hin funaanin. Hiyyeeyyii fi alagootaaf dhiisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
“‘Hin hatinaa. “‘Hin sobinaa. “‘Walis hin gowwoomsinaa.
12 不可指着我的名起假誓,亵渎你 神的名。我是耶和华。
“‘Sobaan maqaa kootiin hin kakatinaa; akkasiinis maqaa Waaqa keessanii hin xureessinaa. Ani Waaqayyo.
13 “不可欺压你的邻舍,也不可抢夺他的物。雇工人的工价,不可在你那里过夜,留到早晨。
“‘Ollaa kee gowwoomsitee waa irraa hin fudhatin yookaan hin saamin. “‘Mindaa nama qaxarame tokkoo hamma bariʼutti of bira hin bulchin.
14 不可咒骂聋子,也不可将绊脚石放在瞎子面前,只要敬畏你的 神。我是耶和华。
“‘Nama gurra duudaa hin abaarin yookaan nama jaamaa dura gufuu hin kaaʼin; garuu Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
15 “你们施行审判,不可行不义;不可偏护穷人,也不可重看有势力的人,只要按着公义审判你的邻舍。
“‘Murtii hin jalʼisinaa; nama wal caalchisuudhaan gara hiyyeessaa hin gorinaa; nama guddaafis hin looginaa; ollaa keetiif garuu murtii qajeelaa kenni.
16 不可在民中往来搬弄是非,也不可与邻舍为敌,置之于死。我是耶和华。
“‘Saba kee gidduutti hamii hin facaasin. “‘Waan jireenya ollaa keetii balaa irra buusu hin hojjetin. Ani Waaqayyo.
17 “不可心里恨你的弟兄;总要指摘你的邻舍,免得因他担罪。
“‘Garaa keetti obboleessa kee hin jibbin; akka cubbuu isaa keessatti qooda hin qabaanneef ollaa kee ifaan ifatti itti dheekkami.
18 不可报仇,也不可埋怨你本国的子民,却要爱人如己。我是耶和华。
“‘Saba kee keessaa nama tokkotti iyyuu haaloo hin baʼin yookaan haaloo itti hin qabatin; ollaa kee garuu akkuma ofii keetiitti jaalladhu. Ani Waaqayyo.
19 “你们要守我的律例。不可叫你的牲畜与异类配合;不可用两样搀杂的种种你的地,也不可用两样搀杂的料做衣服穿在身上。
“‘Sirna koo eegaa. “‘Horii gosa gosaa walitti hin diqaalomsinaa. “‘Midhaan gosa lama lafa qotiisaa keessanitti hin facaasinaa. “‘Wayyaa waan lama irraa hojjetame hin uffatinaa.
20 “婢女许配了丈夫,还没有被赎、得释放,人若与她行淫,二人要受刑罚,却不把他们治死,因为婢女还没有得自由。
“‘Namni garbittii nama biraaf kaadhimamte kan hin furamin yookaan bilisummaan ishee hin kennaminiif wajjin yoo wal bira gaʼe isaan adabamuu qabu; taʼus waan dubartiin sun hin bilisoominiif isaan hin ajjeefamin.
21 那人要把赎愆祭,就是一只公绵羊牵到会幕门口、耶和华面前。
Namichi sun garuu korbeessa hoolaa tokko aarsaa yakkaatiif gara balbala dunkaana wal gaʼiitti Waaqayyoof haa fidu.
22 祭司要用赎愆祭的羊在耶和华面前赎他所犯的罪,他的罪就必蒙赦免。
Lubichis korbeessa hoolaa aarsaa yakkaa sanaan cubbuu namichi hojjete sanaaf fuula Waaqayyoo duratti araara haa buusu; cubbuun namichaas ni dhiifamaaf.
23 “你们到了迦南地,栽种各样结果子的树木,就要以所结的果子如未受割礼的一样。三年之久,你们要以这些果子,如未受割礼的,是不可吃的。
“‘Isin yommuu biyyattiitti galtanii muka ija kennu kan gosa hundaa dhaabdanitti, akka waan iji isaa dhowwameetti fudhadhaa. Isin akka waan iji sun hamma waggaa sadiitti dhowwameetti ilaalaa; iji sun hin nyaatamin.
24 但第四年所结的果子全要成为圣,用以赞美耶和华。
Waggaa afuraffaatti immoo iji isaa hundinuu ni qulqullaaʼa; Waaqayyoofis aarsaa galataa taʼa.
25 第五年,你们要吃那树上的果子,好叫树给你们结果子更多。我是耶和华—你们的 神。
Waggaa shanaffaatti garuu ija isaa nyaachuu dandeessu. Haala kanaan oomishni keessan ni guddata. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
26 “你们不可吃带血的物;不可用法术,也不可观兆。
“‘Utuu dhiigni keessa jiruu foon kam iyyuu hin nyaatinaa. “‘Tolcha yookaan falfala hin hojjetinaa.
“‘Rifeensa mataa keessanii naannessitanii hin haaddatinaa yookaan qarqara areeda keessaniis hin murmuratinaa.
28 不可为死人用刀划身,也不可在身上刺花纹。我是耶和华。
“‘Nama duʼeef jettanii dhagna keessan hin mammadeessinaa yookaan mallattoo tumaa tokko illee of irratti hin tolfatinaa. Ani Waaqayyo.
29 “不可辱没你的女儿,使她为娼妓,恐怕地上的人专向淫乱,地就满了大恶。
“‘Akka lafti halalummaatti deebitee hamminaan hin guutamneef intala kee akka isheen ejjitu gochuudhaan ishee hin salphisin.
30 你们要守我的安息日,敬我的圣所。我是耶和华。
“‘Sanbatoota koo eegaa; iddoo qulqulluu koos kabajaa. Ani Waaqayyo.
31 “不可偏向那些交鬼的和行巫术的;不可求问他们,以致被他们玷污了。我是耶和华—你们的 神。
“‘Isin akka hin xuroofneef ilaaltota bira hin deeminaa yookaan warra ekeraa dubbisan hin barbaadinaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
32 “在白发的人面前,你要站起来;也要尊敬老人,又要敬畏你的 神。我是耶和华。
“‘Warra dulloomaniif kaʼi; jaarsaaf ulfina kenni; Waaqa kee sodaadhu. Ani Waaqayyo.
33 “若有外人在你们国中和你同居,就不可欺负他。
“‘Yoo alagaan biyya keessan keessa isin wajjin jiraate isa hin cunqursinaa.
34 和你们同居的外人,你们要看他如本地人一样,并要爱他如己,因为你们在埃及地也作过寄居的。我是耶和华—你们的 神。
Alagaan isin gidduu jiraatu sun akka dhalataa biyya keessaniitti haa ilaalamu. Akka ofii keessaniitti isa jaalladhaa; isinis biyya Gibxitti alagoota turtaniitii. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.
35 “你们施行审判,不可行不义;在尺、秤、升、斗上也是如此。
“‘Isin yommuu dheerina, ulfinaa fi baayʼina wayii safartanitti madaalii gowwoomsaatti hin fayyadaminaa.
36 要用公道天平、公道法码、公道升斗、公道秤。我是耶和华—你们的 神,曾把你们从埃及地领出来的。
Safartuu fi madaalii dhugaatti, iifii fi iinii dhugaatti fayyadamaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan kan biyya Gibxii baasee isin fidee dha.
37 你们要谨守遵行我一切的律例典章。我是耶和华。”
“‘Ajajaa fi seera koo hunda eegaatii duukaa buʼaa. Ani Waaqayyo.’”