< 以赛亚书 25 >

1 耶和华啊,你是我的 神; 我要尊崇你,我要称赞你的名。 因为你以忠信诚实行过奇妙的事, 成就你古时所定的。
Yaa Waaqayyo, ati Waaqa koo ti; waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen wantoota dinqisiisoo bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef, ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.
2 你使城变为乱堆, 使坚固城变为荒场, 使外邦人宫殿的城不再为城, 永远不再建造。
Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa, magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote; magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu; isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.
3 所以,刚强的民必荣耀你; 强暴之国的城必敬畏你。
Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju; magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.
4 因为当强暴人催逼人的时候, 如同暴风直吹墙壁, 你就作贫穷人的保障, 作困乏人急难中的保障, 作躲暴风之处, 作避炎热的阴凉。
Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan, rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo, bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu, hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte. Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan, akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi
5 你要压制外邦人的喧哗, 好像干燥地的热气下落; 禁止强暴人的凯歌, 好像热气被云影消化。
akkuma hoʼa gammoojjii ti. Ati waca alagootaa ni calʼisiifta; akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana, sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.
6 在这山上,万军之耶和华必为万民用肥甘设摆筵席,用陈酒和满髓的肥甘,并澄清的陈酒,设摆筵席。
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu tulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii, affeerraa daadhii wayinii gogee, foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.
7 他又必在这山上除灭遮盖万民之物和遮蔽万国蒙脸的帕子。
Inni tulluu kana irratti, haguuggii uummata hundatti haguugame, golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;
8 他已经吞灭死亡直到永远。主耶和华必擦去各人脸上的眼泪,又除掉普天下他百姓的羞辱,因为这是耶和华说的。
inni bara baraan duʼa ni liqimsa. Waaqayyo Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa; inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa. Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.
9 到那日,人必说:“看哪,这是我们的 神;我们素来等候他,他必拯救我们。这是耶和华,我们素来等候他,我们必因他的救恩欢喜快乐。”
Isaan gaafas akkana jedhu; “Dhugumaan kun Waaqa keenya; nu isa amananne; innis nu oolche. Kun Waaqayyoo dha; nu isa amananne; kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”
10 耶和华的手必按在这山上;摩押人在所居之地必被践踏,好像干草被践踏在粪池的水中。
Harki Waaqayyoo tulluu kana irra ni boqota; Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sana isa jalatti dhidhiitama.
11 他必在其中伸开手,好像洑水的伸开手洑水一样;但耶和华必使他的骄傲和他手所行的诡计一并败落。
Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana, gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata. Waaqnis of tuulummaa isaanii, ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.
12 耶和华使你城上的坚固高台倾倒,拆平,直到尘埃。
Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana, akka inni duufu godha; lafatti gad jigsees biyyootti dabala.

< 以赛亚书 25 >