< 以斯拉记 3 >
1 到了七月,以色列人住在各城;那时他们如同一人,聚集在耶路撒冷。
Yeroo jiʼi torbaffaan dhufee Israaʼeloonni magaalaawwan isaanii keessa qubatanitti uummanni akkuma nama tokkootti Yerusaalem keessatti walitti qabame.
2 约萨达的儿子耶书亚和他的弟兄众祭司,并撒拉铁的儿子所罗巴伯与他的弟兄,都起来建筑以色列 神的坛,要照神人摩西律法书上所写的,在坛上献燔祭。
Ergasiis Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaq firoota isaa luboota wajjin, Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel firoota isaa wajjin akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti barreeffametti aarsaa gubamu achi irratti dhiʼeessuudhaaf iddoo aarsaa Waaqa Israaʼel ijaaran.
3 他们在原有的根基上筑坛,因惧怕邻国的民,又在其上向耶和华早晚献燔祭,
Isaanis sababii namoota naannoo isaanii sodaataniif iddoo aarsaa sana hundee isaa irratti ijaaranii achi irratti aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessan; aarsaa kanas ganamaa fi galgala dhiʼeessan.
4 又照律法书上所写的守住棚节,按数照例献每日所当献的燔祭;
Ergasii akkuma barreeffametti Ayyaana Daasii ni ayyaaneffatan; akkuma baayʼina aarsaa guyyaa guyyaaf ramadameettis aarsaa gubamu ni dhiʼeessan.
5 其后献常献的燔祭,并在月朔与耶和华的一切圣节献祭,又向耶和华献各人的甘心祭。
Kana booddees isaan aarsaa gubamu kan yeroo yerootti dhiʼeeffamu, aarsaa Baatii Haaraa fi aarsaawwan ayyaanota Waaqayyoof qulqulleeffaman hundaaf, akkasumas kanneen fedhiidhaan Waaqayyoof dhiʼeeffaman ni kennan.
6 从七月初一日起,他们就向耶和华献燔祭。但耶和华殿的根基尚未立定。
Guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaattis aarsaa gubamu Waaqayyoof dhiʼeessuu jalqaban; garuu hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo amma illee hin buufamne ture.
7 他们又将银子给石匠、木匠,把粮食、酒、油给西顿人、泰尔人,使他们将香柏树从黎巴嫩运到海里,浮海运到约帕,是照波斯王塞鲁士所允准的。
Ergasii isaan warra dhagaa cabsanii fi ogeeyyii hojii mukaatiif maallaqa kennan; warra Siidoonaa fi Xiiroosiif immoo akka isaan akkuma Qiiros mootichi Faares ajaje sanatti Libaanoonii gara Yoopheetti galaana irra birbirsa gad erganiif nyaata, dhugaatii fi zayitii kennan.
8 百姓到了耶路撒冷 神殿的地方。第二年二月,撒拉铁的儿子所罗巴伯,约萨达的儿子耶书亚和其余的弟兄,就是祭司、利未人,并一切被掳归回耶路撒冷的人,都兴工建造;又派利未人,从二十岁以外的,督理建造耶和华殿的工作。
Isaanis erga mana Waaqaa kan Yerusaalem keessaa sana gaʼanii booddee jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaatti Zarubaabel ilmi Sheʼaltiiʼeel, Yeeshuuʼaan ilmi Yoozaadaaqii fi obboloonni isaanii kaan jechuunis luboonni, Lewwonnii fi warri boojuudhaa Yerusaalemitti deebiʼan hundinuu akka isaan ijaarsa mana Waaqayyoo toʼataniif Lewwota umuriin isaanii Waggaa digdamaa fi hammasii olii muudanii hojii sana jalqaban.
9 于是犹大的后裔,就是耶书亚和他的子孙与弟兄,甲篾和他的子孙,利未人希拿达的子孙与弟兄,都一同起来,督理那在 神殿做工的人。
Yeeshuuʼaan ilmaan isaa fi obboloota isaa wajjin, Qadmiiʼeelii fi ilmaan isaa, ilmaan Yihuudaa, ilmaan Heenaadaadii fi Lewwota, ilmaan isaanii fi firoota isaanii wajjin warra mana Waaqaa ijaaran toʼachuuf tokko taʼan.
10 匠人立耶和华殿根基的时候,祭司皆穿礼服吹号,亚萨的子孙利未人敲钹,照以色列王大卫所定的例,都站着赞美耶和华。
Yommuu ijaartonni sun hundee mana qulqullummaa Waaqayyoo buusanitti luboonni uffata isaanii uffatanii malakata qabatan; Lewwonni immoo jechuunis ilmaan Asaaf kilillee qabatanii akkuma Daawit Mootichi Israaʼel ajajetti Waaqayyoon jajachuuf iddoo ofii isaanii qabatan.
11 他们彼此唱和,赞美称谢耶和华说: 他本为善, 他向以色列人永发慈爱。 他们赞美耶和华的时候,众民大声呼喊,因耶和华殿的根基已经立定。
Isaanis, “Inni gaarii dha; jaalalli inni Israaʼeliif qabu bara baraan jiraata” jedhanii leellisuu fi galateeffachuudhaan Waaqayyoon faarfatan. Sabni hundinuu sababii hundeen mana qulqullummaa Waaqayyoo buufameef iyyee sagalee guddaadhaan Waaqayyoon galateeffate.
12 然而有许多祭司、利未人、族长,就是见过旧殿的老年人,现在亲眼看见立这殿的根基,便大声哭号,也有许多人大声欢呼,
Garuu luboonni, Lewwonnii fi hangafoonni maatii warri durii kanneen mana qulqullummaa isa duraa sana argan hedduun yeroo hundeen mana qulqullummaa kanaa buufamu arganitti sagalee ol fudhatanii booʼan; warri kaan hedduun immoo gammachuudhaan iyyan.
13 甚至百姓不能分辨欢呼的声音和哭号的声音;因为众人大声呼喊,声音听到远处。
Sababii namoonni akka malee wacaniif namni tokko iyyuu iyya gammachuu fi iyya booʼichaa gargar baasuu hin dandeenye; sagaleen sunis fagootti dhagaʼama ture.