< 以西结书 1 >

1 当三十年四月初五日,以西结在迦巴鲁河边被掳的人中,天就开了,得见 神的异象。
Waggaa soddommaffaa keessa, bultii shanaffaa jiʼa afuraffaatti utuu ani Laga Kebaar biratti boojiʼamtoota gidduu jiruu samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqaa nan arge.
2 正是约雅斤王被掳去第五年四月初五日,
Jiʼa sana keessaas bultii shanaffaatti jechuunis Yehooyaakiin Mootichi boojiʼamee waggaa shanaffaatti,
3 在迦勒底人之地、迦巴鲁河边,耶和华的话特特临到布西的儿子祭司以西结;耶和华的灵降在他身上。
dubbiin Waaqayyoo Laga Kebaar biratti biyya Baabilonotaa keessatti gara Hisqiʼeel lubicha ilma Buuz dhufe. Achittis harki Waaqayyoo isa irra ture.
4 我观看,见狂风从北方刮来,随着有一朵包括闪烁火的大云,周围有光辉;从其中的火内发出好像光耀的精金;
Anis milʼadhee bubbee hamaa karaa kaabaatiin dhufaa jiru jechuunis duumessa guddaa balaqqeessa ifuu fi ifa guddaan marfame tokkon arge. Wiirtuun ibidda sanaas sibiila ibiddaan diimeffame fakkaata ture;
5 又从其中显出四个活物的形象来。他们的形状是这样:有人的形象,
ibidda sana keessas waan uumamawwan jiraatoo afur fakkaatu tokkotu ture. Bifti isaas bifa namaa fakkaata ture;
6 各有四个脸面,四个翅膀。
tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo afur afur qabu turan.
7 他们的腿是直的,脚掌好像牛犊之蹄,都灿烂如光明的铜。
Miilli isaanii qajeelaa dha; faanni isaanii immoo kottee jabbii fakkaatee akka naasii dibameetti ni calaqqisa ture.
8 在四面的翅膀以下有人的手。这四个活物的脸和翅膀乃是这样:
Qoochoo isaanii jalaanis qixa afraniin harka namaa qabu ture. Afran isaanii hundi fuulaa fi qoochoo qabu turan;
9 翅膀彼此相接,行走并不转身,俱各直往前行。
qoochoon isaaniis wal tuqa ture. Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti deeman; yeroo deemanittis of duuba hin milʼatan ture.
10 至于脸的形象:前面各有人的脸,右面各有狮子的脸,左面各有牛的脸,后面各有鹰的脸。
Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Afran isaanii iyyuu tokkoon tokkoon isaanii fuula namaa qabu ture; karaa mirgaatiin tokkoon tokkoon isaanii fuula leencaa, karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo qabu ture; akkasumas tokkoon tokkoon isaanii fuula risaa qabu ture.
11 各展开上边的两个翅膀相接,各以下边的两个翅膀遮体。
Egaa fuulli isaanii akkas ture. Qoochoon isaaniis ol diriirfama ture. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoo lama lama qabu ture. Qoochoo tokkoo tokkoo isaanii karaa lamaaniinuu qoochoo uumama kaanii tuqa; qoochoon lama immoo dhagna isaa haguuga ture.
12 他们俱各直往前行。灵往哪里去,他们就往那里去,行走并不转身。
Tokkoon tokkoon isaanii qajeelanii fuula duratti ni deeman. Isaanis utuu of irra hin milʼatin iddoo hafuurri deemu hunda dhaqu turan.
13 至于四活物的形象,就如烧着火炭的形状,又如火把的形状。火在四活物中间上去下来,这火有光辉,从火中发出闪电。
Bifti uumamawwan jiraatoo sanaa cilee ibiddaa kan bobaʼu yookaan guca bobaʼu fakkaata ture. Uumamawwan sana gidduus ibiddi asii fi achi sosochoʼa ture; ni ifas ture; bakakkaanis isa keessaa ni baʼa ture.
14 这活物往来奔走,好像电光一闪。
Uumamawwan sunis akka ifa bakakkaa asii fi achi darbatamu ture.
15 我正观看活物的时候,见活物的脸旁各有一轮在地上。
Anis akkuman uumamawwan jiraatoo sana ilaaleen tokkoo tokkoo uumama fuula afur afur qabu sanaa cinatti geengoo tokko tokko nan arge.
16 轮的形状和颜色好像水苍玉。四轮都是一个样式,形状和作法好像轮中套轮。
Biftii fi haalli geengoowwan sun ittiin hojjetamaniis akkana ture: Isaanis akka dhagaa gati jabeessa biiralee jedhamuu calaqqisu ture; afran isaanii hundinuu wal fakkaatu ture. Tokkoon tokkoon geengoo sanaa waan geengoo kaanitti diramee hojjetame fakkaata ture.
17 轮行走的时候,向四方都能直行,并不掉转。
Isaanis yommuu deemanitti utuu of irra hin milʼatin kallattii afran kamiin iyyuu deeman; yommuu uumamawwan sun deemanis geengoowwan kallattii hin geeddaratan ture.
18 至于轮辋,高而可畏;四个轮辋周围满有眼睛。
Qarqarri geengoowwan sanaas ol dheeraa fi sodaachisaa ture; qarqarri geengoowwanii afranuus guutumaan guutuutti ijaan marfamanii turan.
19 活物行走,轮也在旁边行走;活物从地上升,轮也都上升。
Yeroo uumamawwan jiraatoon sun deemanitti geengoowwan isaan cinaan jiranis ni deeman; yommuu uumamawwan jiraatoon ol kaʼanitti geengoowwanis ol kaʼan.
20 灵往哪里去,活物就往那里去;活物上升,轮也在活物旁边上升,因为活物的灵在轮中。
Iddoo hafuurri dhaqu hundas ni dhaqu ture; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf geengoowwanis isaan wajjin ol kaʼan.
21 那些行走,这些也行走;那些站住,这些也站住;那些从地上升,轮也在旁边上升,因为活物的灵在轮中。
Yommuu uumamawwan sun deemanitti isaanis ni deeman; yommuu uumamawwan dhaabatanitti isaanis ni dhaabatan; sababii hafuurri uumamawwan jiraatoo sanaa geengoowwan keessa jiruuf yommuu uumamawwan sun lafaa ol kaʼanitti geengoowwanis isaanuma wajjin ol kaʼan.
22 活物的头以上有穹苍的形象,看着像可畏的水晶,铺张在活物的头以上。
Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatiin ol waan akka bantii samii kan akka bilillee calaqqisuu fi kan nama sodaachisu tokkotu diriirfamee ture.
23 穹苍以下,活物的翅膀直张,彼此相对;每活物有两个翅膀遮体。
Bantii samii sana jalatti qoochoowwan isaaniis walitti diriirfamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis qoochoowwan ittiin dhagna isaanii haguuggatan lama lama qabu turan.
24 活物行走的时候,我听见翅膀的响声,像大水的声音,像全能者的声音,也像军队哄嚷的声音。活物站住的时候,便将翅膀垂下。
Yeroo uumamawwan sun deemanitti ani sagalee qoochoowwan isaanii nan dhagaʼe; sagaleen kunis sagalee akka bishaan guutee huursuu, akka sagalee Waaqa Waan Hunda Dandaʼuutii fi akka waca tuuta loltootaa ture. Isaan yeroo dhaabatan qoochoowwan isaanii gad qabatu ture.
25 在他们头以上的穹苍之上有声音。他们站住的时候,便将翅膀垂下。
Akkuma isaan qoochoo isaanii gad qabatanii dhaabataniinis bantii samii kan mataa isaaniitiin ol jiru sana irraa sagaleen tokko dhufe.
26 在他们头以上的穹苍之上有宝座的形象,仿佛蓝宝石;在宝座形象以上有仿佛人的形状。
Bantii samii kan mataa isaaniitii ol jiru gubbaa waan akka teessoo sanpeer fakkaatu tokkotu ture; teessoo sanaa olittis fakkaattii akka fakkaattii namaa tokkotu ture.
27 我见从他腰以上有仿佛光耀的精金,周围都有火的形状,又见从他腰以下有仿佛火的形状,周围也有光辉。
Anis waan mudhii isaa fakkaatuun olitti sibiila diimeffamee ibidda fakkaatu kan ibiddaan guutame tokko nan arge; waan mudhii isaa fakkaatu sanaan gadittis inni ibidda fakkaata ture; ifni guddaanis isa marsee ture.
28 下雨的日子,云中虹的形状怎样,周围光辉的形状也是怎样。 这就是耶和华荣耀的形象。我一看见就俯伏在地,又听见一位说话的声音。
Gonfoon ifaa kan naannoo isaa ture sunis bifa sabbata Waaqaa kan guyyaa roobni roobuu fakkaata ture. Kunis bifa fakkaattii ulfina Waaqayyoo ture. Anis yeroon waan kana argetti addaan lafatti gombifamee sagalee waan dubbachaa jiru tokkoo nan dhagaʼe.

< 以西结书 1 >