< 出埃及记 34 >
1 耶和华吩咐摩西说:“你要凿出两块石版,和先前你摔碎的那版一样;其上的字我要写在这版上。
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen duraa sanaatti soofi; anis dubbii gabateewwan ati caccabsite sana irra turan isaan irratti nan barreessa.
2 明日早晨,你要预备好了,上西奈山,在山顶上站在我面前。
Atis ganamaan qophaayiitii Tulluu Siinaatti ol baʼi. Achitti, fiixee tulluu sanaa irratti fuula koo duratti of dhiʼeessi.
3 谁也不可和你一同上去,遍山都不可有人,在山根也不可叫羊群牛群吃草。”
Namni tokko iyyuu si wajjin hin dhufin yookaan tulluu sana irratti eessumattuu hin mulʼatin. Bushaayee fi loon iyyuu fuula tulluu sanaa duratti hin bobbaʼin.”
4 摩西就凿出两块石版,和先前的一样。清晨起来,照耶和华所吩咐的上西奈山去,手里拿着两块石版。
Museenis gabateewwan dhagaa lama akkuma kanneen jalqabaatti soofe; innis gabateewwan lamaanis harkatti qabatee akkuma Waaqayyo isa ajajetti ganama bariin Tulluu Siinaatti ol baʼe.
5 耶和华在云中降临,和摩西一同站在那里,宣告耶和华的名。
Waaqayyo duumessaan gad buʼee isa wajjin achi dhaabate; maqaa Waaqayyoos ni labse.
6 耶和华在他面前宣告说:“耶和华,耶和华,是有怜悯有恩典的 神,不轻易发怒,并有丰盛的慈爱和诚实,
Waaqayyo fuula Musee dura darbee akkana jedhee labse; “Waaqayyo, Waaqayyo Waaqa gara laafessaa fi arjaa, kan dafee hin aarre, kan jaalallii fi amanamummaan isaa guddaa,
7 为千万人存留慈爱,赦免罪孽、过犯,和罪恶,万不以有罪的为无罪,必追讨他的罪,自父及子,直到三、四代。”
kan araara isaa dhaloota kumaatamaaf tursu, kan hammina, fincilaa fi cubbuu namaaf dhiisuu dha. Taʼu illee inni nama yakka hojjetu adabu malee hin dhiisu; inni hamma dhaloota sadaffaa fi afuraffaatti sababii cubbuu abbootii isaaniitiif jedhee ijoollee isaaniitii fi ijoollee ijoollee isaanii ni adaba.”
Museen yommuu suma lafatti gad jedhee sagade.
9 说:“主啊,我若在你眼前蒙恩,求你在我们中间同行,因为这是硬着颈项的百姓。又求你赦免我们的罪孽和罪恶,以我们为你的产业。”
Innis, “Yaa Gooftaa, yoo ani fuula kee duratti ayyaana argadhee jiraadhe, Gooftaan nu wajjin haa deemu. Yoo sabni kun saba mata jabeessa taʼe illee hammina keenyaa fi cubbuu keenya nuu dhiisi; dhaala kees nu godhadhu” jedhe.
10 耶和华说:“我要立约,要在百姓面前行奇妙的事,是在遍地万国中所未曾行的。在你四围的外邦人就要看见耶和华的作为,因我向你所行的是可畏惧的事。
Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; “Kunoo ani si wajjin kakuu nan gala. Ani fuula saba kee hundaa duratti dinqiiwwan kanaan dura saba kam iyyuu keessatti, addunyaa hunda keessatti takkumaa hin hojjetamin nan hojjedha. Sabni ati keessa jiraattus akka hojiin ani Waaqayyo siif hojjedhu hammam sodaachisaa taʼe ni arga.
11 “我今天所吩咐你的,你要谨守。我要从你面前撵出亚摩利人、迦南人、赫人、比利洗人、希未人、耶布斯人。
Waan ani harʼa si ajajuuf ajajami. Anis Amoorota, Kanaʼaanota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota fuula kee duraa ariʼee nan baasa.
12 你要谨慎,不可与你所去那地的居民立约,恐怕成为你们中间的网罗;
Akka warra biyya ati itti galuuf deemtu sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu; yoo kanaa achii isaan kiyyoo sitti taʼu.
13 却要拆毁他们的祭坛,打碎他们的柱像,砍下他们的木偶。
Iddoowwan aarsaa isaanii diigaa; siidaawwan waaqeffannaa isaanii caccabsaa; utubaawwan Aasheeraa isaaniis jijjigsaa.
14 不可敬拜别神;因为耶和华是忌邪的 神,名为忌邪者。
Sababii Waaqayyo maqaan isaa Hinaafaa jedhamu sun Waaqa hinaafu taʼeef ati Waaqa biraa hin waaqeffatin.
15 只怕你与那地的居民立约,百姓随从他们的神,就行邪淫,祭祀他们的神,有人叫你,你便吃他的祭物,
“Ati akka warra biyya sana keessa jiraatan wajjin kakuu hin galleef of eeggadhu. Sababiin isaa isaan yommuu waaqota isaanii wajjin sagaagalanii fi yommuu waaqota isaaniitiif aarsaa dhiʼeessanitti si waamu; atis aarsaa isaanii ni nyaatta.
16 又为你的儿子娶他们的女儿为妻,他们的女儿随从她们的神,就行邪淫,使你的儿子也随从她们的神行邪淫。
Yeroo ati ilmaan kee intallan isaanii fuusiftee, intallan isaanii sun waaqota isaanii wajjin sagaagalanitti isaan akka ilmaan kees akkuma isaanii sagaagalan godhu.
“Waaqota tolfamoo baqfamanii hojjetaman hin tolfatin.
18 “你要守除酵节,照我所吩咐你的,在亚笔月内所定的日期吃无酵饼七天,因为你是这亚笔月内出了埃及。
“Ayyaana Maxinoo ayyaaneffadhu. Ati sababii jiʼa Abiibii keessa Gibxii baateef akkuma ani si ajaje sanatti jiʼa Abiibii keessa yeroo murteeffametti bultii torba Maxinoo nyaadhu.
19 凡头生的都是我的;一切牲畜头生的,无论是牛是羊,公的都是我的。
“Kan jalqabatti gadameessa saaqee baʼu hundi kan koo ti; kormi horii keetii hangafni jechuunis kormi looniitii fi kormi hoolotaa hangafni koo ti.
20 头生的驴要用羊羔代赎,若不代赎就要打折它的颈项。凡头生的儿子都要赎出来。谁也不可空手朝见我。
Harree hangafa xobbaallaa hoolaatiin furi; yoo furuu baatte immoo morma isaa cabsi. Ilmaan kee hangafa hundas furi. “Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula koo duratti hin dhiʼaatin.
21 “你六日要做工,第七日要安息,虽在耕种收割的时候也要安息。
“Guyyaa jaʼa hojii hojjedhu; guyyaa torbaffaatti garuu boqodhu. Yeroo qonnaatii fi yeroo midhaan galfamutti boqodhu.
22 在收割初熟麦子的时候要守七七节;又在年底要守收藏节。
“Mataa qamadii jalqabaa irratti Ayyaana Torbanootaa ayyaaneffadhu; dhuma waggaa irratti immoo ayyaana galchaa midhaanii ayyaaneffadhu.
23 你们一切男丁要一年三次朝见主耶和华—以色列的 神。
Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii fuula Waaqayyo Gooftaa, fuula Waaqa Israaʼel duratti haa dhiʼaatan.
24 我要从你面前赶出外邦人,扩张你的境界。你一年三次上去朝见耶和华—你 神的时候,必没有人贪慕你的地土。
Ani Namoota Ormaa si duraa ariʼee nan baasa; daangaa kee nan balʼisa; yoo ati waggaatti yeroo sadii Waaqayyo Waaqa kee duratti dhiʼaachuu dhaqxus namni tokko iyyuu biyya kee fudhachuu hin hawwu.
25 “你不可将我祭物的血和有酵的饼一同献上。逾越节的祭物也不可留到早晨。
“Dhiiga aarsaa waan raacitii qabu wajjin naa hin dhiʼeessin; qalmi Ayyaana Faasiikaa irraa hafus hamma bariitti hin turin.
26 地里首先初熟之物要送到耶和华—你 神的殿。不可用山羊羔母的奶煮山羊羔。”
“Mataa midhaan lafa keetii keessaa filatamaa isaa gara mana Waaqayyo Waaqa keetii fidi. “Ilmoo reʼee aannan haadha isheetiin hin affeelin.”
27 耶和华吩咐摩西说:“你要将这些话写上,因为我是按这话与你和以色列人立约。”
Waaqayyos Museedhaan, “Dubbii kana barreessi; ani akkuma dubbii kanaatti siʼii fi saba Israaʼel wajjin kakuu galeeraatii” jedhe.
28 摩西在耶和华那里四十昼夜,也不吃饭也不喝水。耶和华将这约的话,就是十条诫,写在两块版上。
Museenis utuu buddeena hin nyaatin yookaan utuu bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama Waaqayyo bira achi ture. Innis dubbii kakuu sana jechuunis Ajajawwan Kurnan gabateewwan sana irratti barreesse.
29 摩西手里拿着两块法版下西奈山的时候,不知道自己的面皮因耶和华和他说话就发了光。
Museen gabateewwan Dhuga baʼumsaa lamaan sana harkatti qabatee Tulluu Siinaa irraa gad buʼe; innis sababii Waaqayyo wajjin dubbachaa tureef akka fuulli isaa calaqqisu hin beekne ture.
30 亚伦和以色列众人看见摩西的面皮发光就怕挨近他。
Yommuu Aroonii fi sabni Israaʼel hundi Musee arganitti kunoo, fuulli isaa calaqqisaa ture; isaanis isatti dhiʼaachuu sodaatan.
31 摩西叫他们来;于是亚伦和会众的官长都到他那里去,摩西就与他们说话。
Museen garuu isaan waame; Aroonii fi bulchitoonni hawaasichaa hundinuus gara isaatti deebiʼan; innis isaanitti dubbate.
32 随后以色列众人都近前来,他就把耶和华在西奈山与他所说的一切话都吩咐他们。
Sabni Israaʼel hundi isatti dhiʼaate; innis waan Waaqayyo Gaara Siinaa irratti isatti dubbate hunda isaan ajaje.
Museen yommuu isaanitti dubbatee fixatetti fuula isaa haguuggate.
34 但摩西进到耶和华面前与他说话就揭去帕子,及至出来的时候便将耶和华所吩咐的告诉以色列人。
Yommuu Waaqayyo wajjin dubbachuudhaaf fuula isaa duratti ol seenu garuu hamma achii baʼutti haguuggii sana of irraa fuudha ture. Yommuu inni achii baʼee waan ajajame sana saba Israaʼelitti himutti,
35 以色列人看见摩西的面皮发光。摩西又用帕子蒙上脸,等到他进去与耶和华说话就揭去帕子。
isaan akka fuulli isaa calaqqisu argan. Ergasii Museen hamma Waaqayyo wajjin dubbachuuf ol galutti fuula isaa deebisee haguuggata ture.