< 撒迦利亞書 12 >
1 神諭:上主論以色列的話:展開蒼天,奠定大地,在人體內造化人靈的上主的斷語:
Kun raajii dubbii Waaqayyo waaʼee Israaʼel dubbatuu dha. Waaqayyo samiiwwan diriirse, inni hundee lafaa buuse, inni nama keessatti hafuura namaa uume sun akkana jedha:
2 看,我要使耶路撒冷成為四周萬民的醉杯;在耶路撒冷城被圍困寺時,猶大也必如此。
“Ani Yerusaalemin namoota naannoo ishee jiraatan hundatti xoofoo gatantarsu nan godha. Yihuudaan akkuma Yerusaalem marfamtee ni qabamti.
3 在那一天,我必使耶路撒冷成為一切民族的舉重石;凡欲舉起它的,必受重傷。地上的民族,都要聚集起來攻擊它。
Gaafas, yeroo saboonni lafaa hundi isheen mormuudhaan walitti qabamanitti, ani Yerusaalemin saboota hundatti kattaa hin sochoofamne nan godha. Warri ishee sochoosuu yaalan hundi of miidhu.
4 在那一天,──上主的斷語──我要以驚慌打搫一切戰馬,以瘋狂打搫騎兵;但對猶大家,我卻要睜開我的雙眼;我要以盲目打搫的戰馬。
Gaafas ani fardeen hunda nan naasisa; isa yaabbatus nan maraacha” jedha Waaqayyo. “Ani Yihuudaa eeguuf ija koo nan banadha; ija fardeen saboota hundaa garuu nan jaamsa.
5 那時,猶大的族長心裏必要說:耶路撒冷咕民的力量在乎萬軍的上主,他們的土天主。
Ergasii hangafoonni Yihuudaa garaa isaaniitti, ‘Jiraatonni Yerusaalem sababii Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu Waaqa isaanii taʼeef jajjaboo dha’ jedhu.
6 在那一天,我必要使猶大的族長好像木柴中的火盆,有如草堆中的火把;他們必左右吞滅四周所有的民族;但耶路撒冷必仍安居在自己的原處。
“Ani gaafas hangafoota Yihuudaa badaa ibiddaa tuullaa qoraanii keessaa, akkuma guca ibiddaa bissii keessaa nan godha. Isaan saboota naannoo isaanii kanneen mirgaa fi bitaan jiran hunda ni barbadeessu; Yerusaalem garuu utuu hin miidhamin iddoodhuma isheetti hafti.
7 上主首先要使猶大的家族勝利,免得達味家的光榮和耶路撒冷居民的光榮超過猶大。
“Waaqayyo akka ulfinni mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem ulfina Yihuudaa hin caalleef duraan dursee iddoo jireenya Yihuudaa ni baraara.
8 在那一天,上主必要保衛耶路撒冷的居民,使他們中的衰弱者,在那一天有如達味,而達味家在他們眼前有如神,有如上主的使者。
Gaafas Waaqayyo jiraattota Yerusaalemiif ni qolata; guyyaa sana isaan keessaa inni dadhabaan akka Daawit taʼa; manni Daawitis akka Waaqaa, akka ergamaa Waaqayyoo isa isaan dura deemuu ni taʼa.
9 在那一天,我必設法消滅一切來攻打耶路撒冷的異民。
Ani gaafas saboota Yerusaalem lolan hunda balleessuuf nan baʼa.
10 我要對達味和耶路撒冷的居民傾注憐憫和哀禱的神,他們要瞻望他們所刺透的那一位:哀悼他如哀悼獨生子,痛哭他像痛哭長子。
“Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura surraatii fi kadhannaa nan dhangalaasa. Isaan ana isa waraanan sana ni ilaalu; isaan akkuma nama ilma tokkichaaf booʼuutti ni booʼuuf; akkuma nama ilma hangafaaf baayʼisee gadduuttis ni gadduuf.
11 在那一天,在耶路撒冷必要大舉哀悼合有如在默基多平原中的哈達得黎孟的哀悼。
Gaafas booʼichi Yerusaalem keessaa akkuma booʼicha dirree Megidoonitti Hadaad Rimooniif booʼame sanaa guddaa taʼa.
12 全國將要哀悼,各家各族,成一夥,他們的女人一夥;納堂家一夥,
Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon balbalaas niitota isaanii wajjin ofii isaaniitiif ni booʼu; balballi mana Daawitii fi niitonni isaanii, balballi mana Naataaniitii fi niitonni isaanii,
13 肋未家的家族一夥,他們的女人一夥;史米家族一夥,他們的女人一夥;
balballi mana Lewwii fi niitonni isaanii, balballi Shimeʼiitii fi niitonni isaanii,
14 其餘所有的家族,各家各族合成一夥,他們的女人一夥。
balbalawwan hafan hundii fi niitonni isaanii ni booʼu.