< 雅歌 8 >
1 萬望你的兄弟,吮過我母親的乳房,好叫我 外邊遇見你時,能親吻你,而不致受人輕視。
Utuu ati akka obboleessa koo kan harma haadha koo hodhee guddatee naa taatee! Ani yoon alatti si arge sin dhungadhan ture; namni tokko iyyuu na hin tuffatu.
2 我要引領你走進我母親的家,進入懷我者的內室;給你喝調香的美酒,石榴的甘釀
Anis si dura deemee mana haadha koo ishee na barsiifte sanaatti sin geessa ture. Akka ati dhugduufis daadhii wayinii kan miʼeeffame cuunfaa roomaanii koos siifin kenna ture.
Harki isaa bitaa mataa koo jala jira; harki isaa mirgaa immoo na hammata.
4 耶路撒冷女郎! 我懇求妳們,不要驚醒,也不要喚我的愛,讓她自便吧![第六幕:愛情的圓滿]◆耶京女郎:
Yaa intallan Yerusaalem, ani isin kakachiisa; hamma isheen ofumaan feetee kaatutti jaalala hin tuttuqinaa yookaan hin dadammaqsinaa.
5 從曠野裏上來,那依偎著自己的愛人的,是誰﹖◆新郎:在蘋果樹下我喚醒了妳,在那裏妳的母親懷孕了妳,在那裏生養妳的,為妳受了產痛。◆新娘:
Kan michuu isheetti irkattee gammoojjii keessaa ol dhufaa jirtu kun eenyu? Ishee Ani muka hudhaa jalatti sin kakaase; haati kee achitti si ulfoofte; achumattis ciniinsifattee si deesse.
6 請將我有如印璽,放在你的心上,有如印璽,放在你肩上,因為愛情猛如死亡,妒愛頑如陰府:它的火焰,是上主的火焰。◆新郎: (Sheol )
Akkuma chaappaatti laphee kee irra, akkuma chaappaatti irree kee irra na kaaʼadhu; jaalalli akkuma duʼaa jabduudhaatii; hinaaffaan isaas akkuma awwaalaa hamaa dha. Inni akkuma ibidda balaliʼuu, akkuma arraba ibidda jabaa bobaʼa. (Sheol )
7 洪流不能熄滅愛情,江河不能將它沖去,如有人獻出全副家產想購買愛情,必受人輕視。◆新娘兄弟:
Bishaan baayʼeen jaalala dhaamsuu hin dandaʼu; lagnis dhiqee isa balleessuu hin dandaʼu. Namni tokko qabeenya mana isaa hunda yoo jaalalaaf kenne qabeenyi sun guutumaan guutuutti ni tuffatama.
8 我的妹妹尚小,還沒有乳房;到了她議婚之日,為我們的妹妹,我們將作什麼﹖
Nu obboleettii xinnoo tokko qabna; isheen guntuta iyyuu hin baafne. Guyyaa isheen heerumaaf kadhatamtutti nu obboleettii keenyaaf maal goona?
9 她若是牆,我們就在上面建造銀堵,她若是門,我們就用香柏木閂來關鎖。◆新娘:
Utuu isheen dallaa dhagaa taatee nu silaa gamoo meetii ishee irratti ijaarra ture. Utuu isheen balbala taatee nu silaa birbirsaan ishee marsina.
10 我是一道牆,我的乳房如同塔。我在他眼裏,實如獲得和平的女郎。◆新娘兄弟:
Ani dallaa dhagaa ti; guntunni koos akkuma gamoo ti. Kanaafuu ani fuula isaa duratti akkuma nama nagaa fidu tokkootti nan ilaalaman ture.
11 撒羅滿在巴耳哈孟有個葡萄園,他將這葡萄園委托給看守的人;每人為園中的果子,應交一千兩銀子。◆新郎:
Solomoon Baʼaal Haamoon keessaa iddoo dhaabaa wayinii qaba ture; innis iddoo dhaabaa wayinii ofii isaa qottuuwwanitti kiraa kennate. Tokkoon tokkoon isaaniis ija argatan irraa meetii saqilii kuma tokko fiduufii qabu ture.
12 那屬我的葡萄園,就在我面前;撒羅滿! 一千兩銀子歸你,二百兩歸看守果子的人。◆新郎:
Iddoon dhaabaa wayinii kootii, kanuma koo ti; yaa Solomoon, saqiliin kumni sun sumaaf; dhibbi lama immoo kan warra ija isaa eeganii ti.
13 妳這住在果園中的女郎,願妳使我聽到妳的聲音! 同伴們都在等候細聽。◆新娘:
Yaa ishee iddoo biqiltuu keessa jiraattu, michoonni sagalee kee dhaggeeffachaa jiru; mee anis nan dhagaʼa!
14 我的愛人! 願你仿效郁香山上的羚羊或幼鹿,趕快跑來!
Yaa michuu ko, dafii kottu; akka kuruphee yookaan akka korma gadamsaa kan gaara urgooftuu irra burraaquu taʼi.