< 啟示錄 16 >
1 聽見由殿裏發出一個大聲音,向那七位天使說:「你們去,把那滿盛天主義怒的七個盂倒在地上!」
Anis sagalee guddaa, ergamoota torbaniin, “Dhaqaatii, waciitiiwwan dheekkamsa Waaqaa torban keessaa lafa irratti dhangalaasaa” jedhu tokko mana qulqullummaa keessaa nan dhagaʼe.
2 第一位天使便去,把他的盂倒在地上,遂在那些帶有獸印和朝拜獸像的人身上,生出了一種惡毒而劇痛的瘡。
Ergamaan Waaqaa inni jalqabaa dhaqee waciitii isaa keessaa lafa irratti dhangalaase; namoota mallattoo bineensichaa of irraa qabanii fi fakkii isaatiif sagadanittis madaan hamaanii fi dhukkubsaan ni yaaʼe.
3 第二位天使把他的盂倒在海裏,海水就變成好似死人的血,因而海中的一切活物都死了。
Ergamaan lammaffaan waciitii isaa keessaa galaanatti dhangalaase; galaanichis dhiiga akka dhiiga nama duʼee taʼe; lubbuu qabeeyyiin galaana sana keessaa hundinuus ni duʼan.
4 第三位天使把他的盂倒在河流和水泉上,水就變成了血。
Ergamaan sadaffaan waciitii isaa keessaa lageenii fi burqaawwan bishaanii irratti dhangalaase; isaanis dhiiga taʼan.
5 那時,我聽見掌管水的天使說:「今在和昔在的聖善者,你這樣懲罰,真是公義,
Ergamaan bishaanota irratti itti gaafatamummaa qabus utuu akkana jedhuu nan dhagaʼe: “Yaa Isa Qulqulluu, kan jirtu, kan turte, sababii wantoota kanneen murteessiteef, ati qajeelaa dha;
6 因為他們曾傾流了聖徒和先知們的血,你如今給他們血喝,這是他們應得的。」
Waan isaan dhiiga qulqullootaatii fi dhiiga raajotaa dhangalaasaniif, ati immoo akka isaan dhuganiif dhiiga isaaniif kenniteerta; kun isaaniif ni malaatii.”
7 我又聽見從祭壇有聲音說:「是的,上主,全能的天主!你的懲罰,真實而公義。」
Anis utuu iddoon aarsaa, “Eeyyee yaa Waaqayyo Gooftaa Waan Hunda Dandeessu, murtiin kee dhugaa fi qajeelaa dha” jedhuu nan dhagaʼe.
8 第四位天使把他的盂倒在太陽上,致使太陽以烈火炙烤世人。
Ergamaan afuraffaanis waciitii isaa keessaa aduu irratti dhangalaase; aduudhaafis akka isheen ibiddaan nama gubduuf humni ni kenname.
9 世人因被劇熱所炙烤,便褻瀆掌管這些災禍的天主的名號,沒有悔改將光榮歸於天主。
Namoonnis hoʼa guddaa sanaan ni gubatan; maqaa Waaqa dhaʼicha kanneen irratti humna qabu sanaas ni abaaran; qalbii jijjiirrachuu fi ulfina isaaf kennuus ni didan.
10 第五位天使把他的盂倒在那獸座上,牠的王國就陷入黑暗,人痛苦的咬自己的舌頭;
Ergamaan shanaffaanis waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti dhangalaase; mootummaan bineensichaas dukkanaan liqimfame. Namoonnis dhiphachuudhaan arraba isaanii cicciniinan;
11 他們因自己的痛苦和瘡痍,便褻瀆天上的天主,沒有悔改自己的行為。
sababii dhukkubbii fi madaa isaaniitiifis Waaqa samii ni abaaran; garuu hojii isaanii irraa qalbii hin jijjiirranne.
12 第六位天使把他的盂倒在幼發拉的大河中,河水就乾涸了,為給那些由日出之地要來的諸王,準備了一條道路。
Ergamaan jaʼaffaanis waciitii isaa keessaa Efraaxiis lagicha guddaa irratti dhangalaase; bishaan laga sanaas mootota Baʼa Biiftuutii dhufaniif akka karaan qopheeffamuuf ni goge.
13 我又看見從龍口、獸口和假先知口中出來了三個不潔的神,狀如青蛙;
Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge.
14 他們是邪魔之神,施行奇蹟,往全世界的諸王那裏去,召集他們,為在全能天主的那偉大日子上交戰。「
Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
15 看,我來有如盜賊一樣;那醒著並保持自己的衣服,不至於赤身行走,而叫人看見自己的恥辱的,纔是有福的!」
“Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha.”
16 那三個神就把諸王聚集到一個地方,那地方希伯來文叫「阿瑪革冬。」
Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.
17 第七位天使把他的盂倒在空氣中,於是就由【天上的】殿裏,從寶座那裏發出了一個巨大聲音說:「成了!」
Ergamaan torbaffaanis waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti dhangalaase; sagaleen guddaan, “Raawwatameera!” jedhu tokkos mana qulqullummaatii teessoo keessaa baʼe.
18 遂有閃電、響聲和雷霆,又發生了大地震,是自從在地上有人類以來,從未有過這樣大的地震。
Ergasiis balaqqeen, sagaleen, kakawweetii fi sochiin lafaa hamaan tokko ni taʼe. Sochiin lafaa kan akkanaas erga namni lafa irra jiraachuu jalqabee kaasee takkumaa taʼee hin beeku; sochiin lafaa sunis akka malee guddaa ture.
19 那大城分裂為三段,異民的城也都傾覆了;天主想起了那偉大的巴比倫,遂遞給她那盛滿天主烈怒的酒杯。
Magaalattiin guddoon iddoo sadiitti gargar qoodamte; magaalaawwan sabootaas ni kufan. Waaqnis Baabilon Guddittii ni yaadate; xoofoo daadhii wayinii dheekkamsa isaa sodaachisaadhaan guutames ni kenneef.
Biyyoonni bishaaniin marfaman hundinuu ni baqatan; tulluuwwanis argamuu hin dandeenye.
21 又有像「塔冷通」般的大冰雹,從天上落在世人的身上;世人因冰雹的災禍便褻瀆天主,因為那災禍太慘重了。
Dhagaan cabbii gurguddaan tokkoon tokkoon isaa gara kiiloo giraamii afurtamii shanii ulfaatu samii irraa namoota irra bubbuʼe. Dhaʼichi sunis waan akka malee hamaa tureef namoonni sababii dhaʼicha cabbii sanaatiif Waaqa ni abaaran.