< 詩篇 77 >

1 阿撒夫的詩歌,交與樂官耶杜通。 我呼號,我的呼聲上達天主前,我向天主高呼,求他俯聽矜憐。
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Asaaf. Ani gargaarsaaf gara Waaqaatti nan iyyadhe; ani akka Waaqni na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
2 我在患難之日,尋求上主,雖整夜伸手,亦不覺辛苦,我的心靈且不接受安撫。
Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe; halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe; lubbuun koos jajjabaachuu didde.
3 我一懷念天主,即咨嗟哀歎,我一沉思考慮,即心灰意懶。
Yaa Waaqi, ani yommuun si yaadadhu nan aada; ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
4 您使我的眼睛徹夜不眠,我實煩燥難安,苦不堪言。
Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote; ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
5 我回憶往昔的時日,我懷念過去的歲月。
Ani waaʼee bara durii, waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
6 我的心靈夜間默默自問,我的神魂時時沉思質詢:
ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe. Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
7 難道天主永遠拒絕,難道不再回顧憐愛?
“Gooftaan bara baraan nama gataa? Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
8 難道他的恩愛永遠停止,他的諾言也將永世廢棄?
Araarri isaa bara baraan badee? Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
9 難道天主忘記了慈悲﹖因憤怒而將慈愛關閉?
Waaqni arjoomuu irraanfateeraa? Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?”
10 因此我說:這是我的苦難:至高者的右手已經改變。
Anis, “Harki mirgaa kan Waaqa Waan Hundaa Olii jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti” nan jedhe.
11 我現今追念上主的作為,回想您往昔所行的奇蹟;
Ani hojii Waaqayyoo nan yaadadha; dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
12 沉思您的一切所作所為,更要默想您的一切異事。
Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada; waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
13 天主,您的行徑完全在於聖化,何神像我們的天主如此偉大?
Yaa Waaqi, karaan kee qulqulluu dha. Waaqni guddaan akka Waaqa keenyaa eessa jira?
14 只有您是施行奇蹟的天主!在萬民中彰顯了您的威武。
Ati Waaqa hojii dinqii hojjettuu dha; saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
15 您以臂力拯救了您的人民,就是雅各伯和若瑟的子孫。
Irree kee cimaadhaan saba kee, sanyii Yaaqoobii fi sanyii Yoosef furteerta.
16 大水一旦看見您,天主,大水一見您就都恐怖,連深淵汪洋也都顫抖。
Yaa Waaqi, bishaanonni si argan; bishaanonni si arganii sodaatan; tuujubawwan ni hollatan.
17 雲天大雨傾降,烏雲發出巨響,火箭滿天飛翔。
Duumessi bishaan gad dhangalaase; samiiwwan ni qaqawweessaʼan; xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
18 您的雷霆在旋風中發響,閃電也將整個世界照亮,大地驚慌失措而又搖盪。
Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame; balaqqeesi kee addunyaa ibse; laftis hollattee sochoote.
19 您的道路雖然經過海底,您的途徑雖然穿越大水,卻沒有顯露出您的足跡。
Daandiin kee galaana keessa, karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa; garuu faanni kee hin argamne.
20 您曾藉著梅瑟和亞郎的手掌,領導您的子民有如領導群羊。
Ati harka Museetii fi harka Arooniin, saba kee akka bushaayeetti geggeessite.

< 詩篇 77 >