< 詩篇 66 >

1 普世大地,請向天主歡呼!
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa. Isin lafti hundinuu ililleedhaan gara Waaqaatti iyyaa!
2 請歌頌天主聖名的光榮,請獻給天主輝煌的讚頌。
Ulfina maqaa isaa faarfadhaa; galata isaatiifis ulfina kennaa!
3 請您們向天主說:您的作為是何等驚人!您威赫的大能,您的仇敵都向您奉承。
Waaqaan akkana jedhaa; “Hojiin kee akkam sodaachisaa dha! Sababii humni kee guddaa taʼeef, diinonni kee fuula kee duratti hollatu.
4 天主,普世都要朝拜您,全球都要歌頌您的聖名。
Lafti hundinuu siif sagadu; faarfannaa galataa siif faarfatu; maqaa keetiifis faarfatu.”
5 請您們前來觀看天主的作為,他對世人作的事實在可奇。
Kottaatii waan Waaqni hojjete, hojii sodaachiisaa inni namaaf hojjete ilaalaa!
6 他曾使海洋乾涸,使人徒步走過江河,叫我們因他而喜樂。
Inni galaana lafa gogaatti geeddare; isaanis miilla isaaniitiin laga ceʼan; kottaa isatti haa gammannu!
7 他以自己的大能,永遠統治列國萬邦,他的眼睛鑒察萬民,不使叛逆者狂妄。
Inni bara baraan humna isaatiin bulcha; iji isaas saboota ilaala; finciltoonni ol ol of hin qabin.
8 萬民,請您們讚美我們的天主,請傳揚天主應受的榮耀。
Yaa saboota, Waaqa keenya eebbisaa; sagaleen isa galateeffatus haa dhagaʼamu;
9 他曾使我們的性命存活,沒有讓我們的腳步滑倒。
inni lubbuu keenya jiraachiseera; miilla keenyas mucucaachuu oolcheera.
10 天主,因為您曾考驗我們,像鍊銀子一般,也鍊我們;
Yaa Waaqayyo, ati nu qorteertaatii; akkuma meetiis nu qulqulleessiteerta.
11 您曾引領我們墜入了網羅,曾將鐵索繫在我們的身腰;
Ati kiyyootti nu galchiteerta; dugda keenya irras baʼaa keesseerta.
12 您曾使異民騎在我們頭上,使我們經過水深火熱中央,最後您使我們獲得解放。
Akka namoonni mataa keenya yaabbatan gooteerta; nu ibiddaa fi bishaan keessa dabarre; ati garuu iddoo badhaadhummaatti nu fidde.
13 我帶著全燔祭進入您的聖殿,我要向您償還我的各種誓願:
Anis qalma gubamu qabadhee mana qulqullummaa kee nan seena; wareega koos siif nan galcha;
14 就是我從前在困厄中間,我口所許,我唇所發的願。
kunis wareega yeroo ani rakkina keessa turetti arrabni koo waadaa galee afaan koos dubbatee dha.
15 我要以肥大牲畜作全燔祭,要把公羊的馨香獻與您,要將牛犢和山羊祭奠您。
Anis horii coccoomoo, qalma gubamu, korbeeyyii hoolaa immoo aarsaa godhee siif nan dhiʼeessa; jibootaa fi reʼoota illee aarsaa siifin dhiʼeessa.
16 凡敬愛天主的人,請您們前來靜聽,我要敘述祂為我所作所行。
Isin warri Waaqa sodaattan hundi kottaa dhaggeeffadhaa; anis waan inni naaf godhe isinitti nan hima.
17 我親口呼號過他,我舌頭稱揚過他。
Ani afaan kootiin isatti nan iyye; galanni isaas arraba koo irra ture.
18 如果我真存心作惡,上主決不會俯聽我;
Utuu ani garaa koo keessa cubbuu kaaʼadhee jiraadhee, silaa Gooftaan naaf hin dhagaʼu ture;
19 然而天主終於俯聽了我,也傾聽了我哀號的祈禱,
Waaqni garuu dhugumaan na dhaggeeffateera; sagalee kadhannaa kootiis dhagaʼeera.
20 天主應受讚美:因祂從未拒絕我的懇求,從未在我身上撤回祂的仁慈。
Waaqni kadhannaa koo hin didin yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!

< 詩篇 66 >