< 詩篇 56 >

1 達味金詩,交與樂官。 天主,求你憐憫我,因為人要謀害我,時時處處有人欺壓我。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Gugee Qilxuu Fagoo irraa” jedhuun faarfatame. Miiktaamii Faarfannaa Daawit. Innis yeroo Filisxeemonni Gaati keessatti isa qaban faarfate. Yaa Waaqi na maari; diinonni koo akka malee na ariʼu; guyyaa guutuus na cunqursu.
2 我的仇敵終日謀害我,攻擊我的人實在眾多。
Diinonni koo guyyaa guutuu na gaadu; namoonni baayʼeen of tuulummaadhaan na lolu.
3 至高者!恐惶侵襲我的時日,我只有全心仰賴你。
Ani yommuun sodaadhutti sin amanadha.
4 我全心倚賴天主,並歌頌祂的許諾;我決不怕血肉的人,對我要做什麼。
Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqa nan amanadha; homaa hin sodaadhu. Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?
5 他們終日破壞我的生活,千方百計地想加害於我;
Isaan guyyaa guutuu dubbii koo micciiru; na miidhuudhaafis yeroo hunda natti malatu.
6 他們群集埋伏,窺伺我的行徑,他們等待時機,謀圖我的性命。
Isaan ni mariʼatu; ni riphus; lubbuu koo galaafachuuf jedhanii tarkaanfii koo eeggatu.
7 天主,求你審判他們的罪行;求你在盛怒中將異民敉平。
Sababii hammina isaaniitiif akka isaan miliqan hin godhin; yaa Waaqi, dheekkamsa keetiin saboota gad deebisi.
8 我多次流離失所,你都知悉,我的眼淚聚在你皮囊裏;豈不是也寫在你的書卷內?
Gadadamu koo galmeessi; imimmaan koos kitaaba kee keessatti barreessi; isaan galmee kee keessa jiru mitii?
9 我幾時呼號你,我的仇敵便退卻,從此我也全知道,天主常扶助我。
Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhutti, diinonni koo dugda duuba deebiʼu. Anis kanaan akka Waaqni na wajjin jiru beeka.
10 我全心倚賴天主,歌頌祂的許諾;
Waaqa ani dubbii isaa jajadhu, Waaqayyo ani dubbii isaa jajadhu,
11 決不怕脆弱的人,對我要做什麼。
Waaqa nan amanadha; ani homaa hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?
12 天主,我必遵守向你所許的願,我必要向你償還頌謝的祭獻。
Yaa Waaqi wareegni kee narra jira; aarsaa galataas siif nan dhiʼeessa.
13 因為你救我脫離死亡,使我的腳免於跌仆,使我能在活人的光明中,在天主的面前行走。
Akka ani fuula Waaqaa dura, ifa jireenyaa keessa deddeebiʼuuf, ati lubbuu koo duʼa jalaa, miilla koos gufachuu oolchiteertaatii.

< 詩篇 56 >