< 詩篇 5 >
1 【虔誠的早禱】 達味詩歌,交與樂官,和以管樂。 上主,求你傾聽我的語言,上主,求你細聽我的悲歎!
Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi; aaduu koo illee naa hubadhu.
2 我的君王,我的天主,請聽我祈禱的聲音!上主,我在向你哀懇,
Yaa mootii koo fi Waaqa ko, iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; ani sin kadhadhaatii.
3 你一早便俯聽了我的呼聲;我清晨向你傾訴我的禱文,滿懷希望地靜候你的應允。
Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; abdiidhaanis nan eeggadha.
4 你絕不是喜愛罪惡的天主,惡人決不能在你面前存留,
Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; hamaanis si wajjin hin jiraatu.
5 傲慢人也不能在你前站立。對作惡的人你也深惡厭棄,
Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;
6 說謊不實的人,你全予以消除;奸詐好殺的人,上主一律厭惡。
Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
7 我得進入你的殿宇,專賴你豐厚的慈愛,滿懷敬愛你的心,向你的聖所肅然跪拜。
Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; si sodaachuudhaanis gad jedhee gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.
8 上主,為了我的仇雔敵人,求你常以正向導我遵循,在我面前鋪平你的路程。
Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii qajeelummaa keetiin na dura buʼi; karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.
9 因為他們的口中毫無真誠,他們的內心全是虛偽滿盈;他們的咽喉是敞開的墳塋,他們的舌頭只顧美語逄迎。
Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; garaan isaanii badiisaan guutameera. Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni sobu.
10 天主,願你懲罰他們,使他們的詭計落空!為他們的罪過,請驅逐他們,因為他們直接對你叛逆不忠。
Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi! Daba isaaniitiinis haa kufan. Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi; isaan sitti fincilaniiruutii.
11 但願投奔你的人,興高彩烈,永遠歡愉;願愛慕你名的人,歡樂於你,蒙你護祐!
Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
12 上主,你原來只向義人祝福。你的仁愛如盾牌,把他掩護。
Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii; akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.