< 詩篇 42 >
1 科辣黑後裔的訓誨,交與樂官。 天主,我的心靈渴慕你,好像牝鹿渴慕溪水。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
2 我的心靈渴慕天主,生活的天主:我何時能目睹天主的儀容?
Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
3 有人終日向我說:你的天主在那裏?我的眼淚竟變成了我晝夜的飲食。
Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
4 我想起昔日周旋在歡樂的群眾裏,在群眾歡呼讚頌的歌聲裏,他們朝覲天主聖殿時,我的心不免感到憂傷哀悲,
Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
5 我的靈魂,你為何悲傷,為何憂苦?期望天主!因為我還要向祂頌祝,因為祂是我的救援,我的天主。
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
6 我自約旦地,從赫爾孟山,由小丘陵,一想起你來,我的靈魂即惴惴不寧。
Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, fiixee Hermoonii fi Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
7 在你瀑布的巨聲下,深淵與深淵哈唱;你所有的洪濤巨浪,都沖擊在我身上。
Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, tuujubni tuujuba waama; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
8 但願上主在白晝頒賜祂的恩愛慈惠,我夜間向賜我生命的天主歌頌讚美!
Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
9 我對天主說:我的磐石你為何將我遺忘?為何我應常在仇人的壓迫下徘徊沮喪?
Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; “Ati maaliif na dagatte? Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
10 我仇敵欺凌我時,我覺得痛入骨髓,他們終日對我說:「你的天主在那裏?」
Amajaajonni koo guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
11 我的靈魂,你為何悲傷,為何憂苦?期望天主!因為我還要向祂頌祝,因為天主是我的救援,是我的天主
Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.