< 詩篇 39 >

1 達味詩歌,交與樂官耶杜通。 我已決定:我要謹遵我的道路,免得我以口舌犯罪,當惡人在我面前時,我以口罩籠住我嘴。
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”
2 我默不作聲,以免口出惡語,但我的痛楚更因此而加劇。
Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; dhiphinni koo garuu ittuma caale;
3 我的心在腔滾滾沸騰,我愈沉思愈覺得烈火如焚;我的舌頭便不耐煩地說:
onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:
4 上主,求你明白啟示我:我的終期和壽數究有幾何,好使我知道我是何等脆弱。
Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
5 你使我的歲月屈指可數,我的生命在你前算是虛無。世人的生存只是一口呵噓。
Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.
6 人生實如泡影,只是白白操勞,他們所有積蓄不知誰來得到。
Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.
7 我主,現今我還什麼希望?我的希望寄託在你的身上!
“Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira.
8 救你救我脫離我的種種罪愆,不要使我受愚人的恥笑侮慢。
Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.
9 我靜默不言,有口不開,因為這事是由你安排。
Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; kan waan kana godhe sumaatii.
10 求你由我身上去這場災患,因你手的打擊,我已消瘦不堪。
Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; dhaʼicha kee narraa fuudhi.
11 你為了罰罪而把世人懲治,你像蛀蟲將他的珍寶侵蝕;至於人,不過只是一口氣。上主,求你俯聽我的祈禱,求你側耳靜聽我的哀告,莫要作聾不聽我的哭號。因為
Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.
12 我在你前只是旅客,如我列祖一樣只是路。
“Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.
13 求你轉移你的目光,不要怒視我,使我一去不返之前能得享安樂。
Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”

< 詩篇 39 >