< 詩篇 18 >
1 【凱旋感恩歌】 上主的僕人達味作,向上主唱了這篇詩歌: 上主,我的力量,我愛慕你。
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit garbicha Waaqayyoo; innis yommuu Waaqayyo harka diinota isaa hundaa fi harka Saaʼol jalaa isa baasetti dubbii faarfannaa kana Waaqayyoof faarfate. Innis akkana jedhe: Yaa Waaqayyo jabina ko, ani sin jaalladha.
2 上主,你是我的磐石、我的保障,我的避難所;你是我的天主,我一心依靠的磐石;你是我的護盾,我救恩的角,我的堡壘。
Waaqayyo kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti; Waaqni koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha; inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
3 我一呼求應受頌揚的上主,我便會從仇敵的手中得救。
Ani Waaqayyo galanni isaaf malu sana nan waammadha; diinota koo jalaas nan baraarama.
Funyoon duʼaa na xaxe; lolaan badiisaas na liqimseera.
5 陰府的繩韁纏繞著我,喪命的羅網拘絆著我。 (Sheol )
Funyoon siiʼool natti marame; kiyyoon duʼaas natti dhufe. (Sheol )
6 我在急難難當中呼求了上主,向我的天主求助;他由殿中聽我禱告,我的聲音進入祂的耳鼓。
Ani dhiphina koo keessatti Waaqayyoon nan waammadhe; gargaarsaafis Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe; iyyi koos gurra isaa seene.
7 因為上主憤怒填胸,大地立即戰慄震驚,山基陵根搖撼移動。
Lafti ni hollatte; ni sochootes; hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman; sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
8 由祂的鼻孔湧出濃煙,由祂的口中噴出烈焰,由祂身上射出火炭。
Aarri funyaan isaatii ol baʼe; ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe; cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
9 祂使諸天低垂,親自降臨,在祂的腳下面密布濃雲。
Inni samiiwwan tarsaasee gad buʼe; duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
Inni kiirubeelin yaabbatee barrise; qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa samii kan bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
Waaqayyo samiidhaa ni qaqawweessaʼe; sagaleen Waaqa Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
14 祂射出羽箭,將人驅散;祂發出閃電,使人逃竄。
Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse; bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
15 上主的呵斥一呼,鼻孔的怒氣一出,滄海的海底出現,大地的地基露綻。
Yaa Waaqayyo, dheekkamsa keetiin, humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis, sululawwan galaanaa ifatti baafaman; hundeewwan lafaas qullaa hafan.
16 祂由高處伸手將我拉住,祂由洪水之中將我提出;
Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe; bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
18 他們在我困厄之日襲擊我,然而上主卻作了我的城堡;
Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan; Waaqayyo garuu gargaarsa koo ture.
19 祂引領我步入廣闊的平原,祂因喜愛我而給了我救援。
Inni iddoo balʼaatti na baase; waan natti gammadeefis na oolche.
20 上主照我的正義酬答了我,按我隻手的清白賞報了我;
Waaqayyo akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera; akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
21 因我遵行了上主的道路,沒有作惡背棄我的天主。
Ani karaa Waaqayyoo eegeeraatii; Waaqa koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
22 祂的一切法令常在我的眼前,祂的任何誡命我總沒有棄損;
Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira; anis labsii isaa irraa hin gorre.
Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture; cubbuu irraas of eeggadheera.
24 因此,上主我在祂眼前的正道,並我隻手的清白給了我賞報。
Waaqayyo akkuma qajeelumma kootti, akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
25 仁慈的人,你待他仁慈;正直的人,你待他正直;
Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta; nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
26 純潔的人,你待他純潔;乖戾的人,你待他乖戾。
Nama qulqulluutti qulqulluu taata; nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
27 卑微的人,你必要救起;傲慢的人,你必要輕視。
Ati warra gad of qaban ni oolchita; ija of tuulu garuu gad deebifta.
28 上主,是你使我的燈籠放光,我主,是你把我的黑暗照亮。
Yaa Waaqayyo ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita; Waaqni koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
29 仗著你的助祐,我衝上了戰場;靠著我的天主,我跳過了城牆。
Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema; Waaqa kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
30 天主的道路是完善的;上主的言語是精鍊的;凡是投奔祂的人,祂必作他的後盾。
Waaqa kana karaan isaa mudaa hin qabu; dubbiin Waaqayyoo hirʼina hin qabu; warra isatti kooluu galan hundaaf Waaqayyo gaachana taʼa.
31 除了上主以外,還有誰是天主?我們天主以外,還有誰是磐石?
Waaqayyo malee Waaqni eenyu? Waaqa keenya malees kattaan eenyu?
Kan humna na hidhachiisu, kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Waaqa.
33 使我的雙腳敏捷與鹿蹄相同,使我能穩立於高山的危峰;
Inni miilla koo akka miilla borofaa godha; iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
34 是祂教導我的手上陣進攻,使我伸出臂膊開張了銅弓。
Inni harka koo waraanaaf leenjisa; irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
35 你把救生的盾賜給了我,你的右手不斷扶持了我,使我日漸強大因你愛我。
Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota; harki kee mirgaa ol na qabeera; gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
36 你為我的腳步拓展了道路,我的雙腳總沒有顛簸躊躇。
Akka koomeen koo hin mucucaanneef, miilla kootiif daandii balʼifteerta.
37 我追擊我的仇敵,並且把他們捕捉,決不返回,直到將他們除盡滅絕。
Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe; hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
38 我將他們打得一敗塗地,叫他們在我的腳下倒斃。
Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse; isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
39 你使我腰纏英武奮勇作戰,叫敵對我的人都向我就範;
Ati lolaaf humna na hidhachiifte; amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
40 使我的敵人在我前轉背逃竄,使我把一切仇恨我的人驅散。
Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta; anis amajaajota koo barbadeesseera.
41 他們吶喊,卻沒有人救援,呼號上主,也得不到矜憐。
Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre; gara Waaqayyoottis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
42 我粉碎他們像風吹的灰塵,我踐踏他們似道上的糞土。
Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake; akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
43 你救我脫離了判亂的人民,又封立了我為列國的元勳,我不認識的民族,也都來給我服務。
Ati lola namootaa jalaa na baafteerta; mataa sabootaa na gooteerta; sabni ani hin beekne na tajaajila.
44 外邦的子民向我諂媚奉承,一聽到是我,即刻向我服膺。
Namoonni ormaa na sossobatan; isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
Isaan hundi abdii kutatan; hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
46 上主萬歲! 願我的磐石備受讚頌!救我的天主備受尊崇!
Waaqayyo jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu! Waaqni Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
47 天主,是你為我伸冤復仇,求你使萬民都向我屈服;
Inni Waaqa haaloo naa baasu, kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
48 是你拯救我脫離我的仇敵,從凌駕我者的拳下,把我提起,救我免於向我施暴人的手裏。
diinota koo jalaas na baasa. Ati amajaajota kootii ol na goota; gooltota jalaas na baafte.
49 上主,為此,我要在異民中稱謝你,我要對你的聖名讚不已:
Kanaafuu yaa Waaqayyo, ani saboota gidduutti sin leellisa; faarfannaa galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
50 因為是你使你的君王大獲勝利,對你的受傅者:達味和他的後裔,廣施仁愛慈惠,至於無窮之世。
Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna; dibamaa isaa Daawitii fi sanyii isaatiif, jaalala bara baraa ni argisiisa.