< 詩篇 146 >

1 我的靈魂,您要讚美上主,
Haalleluuyaa. Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu.
2 在我一生,我要讚美上主,一息尚存,我要歌頌天主。
Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha; ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha.
3 您們不要全心依賴王侯大臣,也不要依賴不能施救的世人;
Abdii keessan bulchitoota irra, namoota duʼa hin oolle warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
4 他的氣息一斷,就歸於灰土,他的一切計劃立刻化為烏有。
Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; guyyuma sanas karoorri isaanii bada.
5 凡是以雅各伯的天主為自己扶助的人,上主天主為自己希望的,是有福的人。
Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha.
6 上主創造了上天與下土,海洋和其中的所有一切。他持守信實,一直到永久。
Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata.
7 上主為被欺的人作辯護,上主給饑餓的人賜食物,上主使被囚的人得自由。
Inni warra cunqurfamaniif ni mura; warra beelaʼaniif nyaata kenna. Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika;
8 上主開啟瞎子的眼睛,上主使傴僂的人直身,上主愛慕那正義的人。
Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna; Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba; Waaqayyo qajeeltota ni jaallata.
9 上主對旅客加以保護,上主支持孤兒和寡婦,上主迷惑惡人的道路。
Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; karaa jalʼootaa garuu ni balleessa.
10 願上主永永遠遠為君王!熙雍,您的天主萬壽無疆!
Waaqayyo bara baraan ni moʼa; Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. Haalleluuyaa.

< 詩篇 146 >