< 詩篇 138 >
1 上主,我要全心稱謝您,因您俯聽了我的懇祈。我要在眾神前歌頌您,
Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; fuula “waaqotaa” durattis galata kee nan faarfadha.
2 朝您的聖所伏地致敬;為了您的仁慈至誠,我必要稱謝您的聖名;因為您把您的名號和您的諾言,在萬物與萬民的面前發揚彰顯,
Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef, ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee, maqaa kee nan leellisa.
3 我幾時呼號您,您就俯允我,並將我靈魂上的力量增多。
Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite; irree keetiinis na jabeessite.
4 地上萬君聽您口的諭旨;上主,他們都必來讚頌您,
Yaa Waaqayyo, mootonni lafaa hundinuu, yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
Ulfinni Waaqayyoo, guddaadhaatii, isaan waaʼee karaa Waaqayyoo haa faarfatan.
6 上主尊高無比,仍垂顧弱小,惟對驕傲的人,卻遠遠旁眺。
Waaqayyo yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala; nama of tuulu immoo fagootti beeka.
7 我若處於因難中,您必保全我的性命,您用右手救我,伸手拒抗仇人的憤恨。
Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu, ati lubbuu koo ni eegda; aarii diina kootti harka kee ni diriirsita; harka kee mirgaatiinis na oolchita.
8 上主必替我完成這工程;上主,您的仁慈永遠常存,求您不要放棄您的作品。
Waaqayyo kaayyoo isaa fiixaan naa baasa; yaa Waaqayyo, jaalalli kee bara baraan jiraata; hojii harka keetii hin gatin.