< 詩篇 112 >

1 亞肋路亞!凡敬畏上主的人,真是有福,喜歡他誡命的人,真是有福!
Haalleluuyaa. Namni Waaqayyoon sodaatu, kan ajaja isaatti baayʼee gammadu eebbifamaa dha.
2 他的子孫在世上必要強盛,義人的後代必要受到讚頌。
Sanyiin isaa lafa irratti jabaa taʼa; dhaloonni tolootaa ni eebbifama.
3 他家中必有權勢財產,他的仁義必存留永遠。
Qabeenyii fi badhaadhummaan mana isaa keessa jira; qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.
4 上主富有仁愛慈悲公道,像光明在暗處向義人照耀。
Nama tolaa fi arjaadhaaf, gara laafessaa fi qajeelaaf, dukkana keessatti iyyuu ifni ni baʼa.
5 樂善好施的人必蒙受祝福,祂以正義處理自己的事務。
Nama arjaa fi nama waa namaa liqeessuuf, nama hojii isaa qajeelummaadhaan adeemsifatuuf waan gaariitu taʼa.
6 因為他永遠不會失足抖顫,義人必要受人永遠的記念。
Dhugumaan inni gonkumaa hin raafamu; namni qajeelaan bara baraan yaadatama.
7 噩耗的凶信,不會使他驚慌,因為仰賴上主心志堅強。
Inni oduu hamaa hin sodaatu; garaan isaas Waaqayyoon amanachuudhaan jabaatee dhaabata.
8 直到看見他的仇敵蒙羞,他的心志堅強無懼無憂。
Garaan isaa hin raafamu; hin sodaatus; dhuma irrattis diinota isaa moʼata.
9 他散財周濟貧苦的人。他的仁義必萬世留存,他的頭角必受光榮。
Inni ni bittinneesse; hiyyeeyyiifis ni kenne; qajeelummaan isaa bara baraan ni jiraata; gaanfi isaas ulfinaan ol qabama.
10 罪人見到必要憤恨滿腔,咬自己的牙齒,焦灼難當,惡人的希望終必喪亡。
Namni hamaan waan kana argee aara; ilkaan isaa qara; baqees ni bada; hawwiin hamootaa faayidaa malee hafa.

< 詩篇 112 >