< 箴言 7 >
Yaa ilma ko, dubbii koo eegiitii ajaja koos of keessatti kuufadhu.
2 你要遵守我的誡命,好叫你得以生存;應恪守我的教訓,像保護你眼中的瞳人。
Ajaja koo eegi, ati ni jiraataatii; barsiisa koos akkuma qaroo ija keetiitti eegi.
Quba keetti isaan hidhadhu; gabatee garaa keetii irrattis barreeffadhu.
4 應對智慧說:「你是我的姊妹,」並應稱睿智為你的女友,
Ogummaan, “Ati obboleettii koo ti” jedhi; hubannaa immoo, fira koo jedhii waami;
isaan sagaagaltuu irraa, niitii kashlabbee dubbii isheetiin nama harkiftu irraa si eegu.
Ani foddaa mana koo biraa keessaan, karaa qaawwaatiin ala ilaale.
7 分明看見在愚昧人中,在少年人中,有一個無知的少年,
Ani warra homaa hin dandeenye keessatti, dargaggoota keessatti hubadhee dargaggeessa qalbii hin qabne tokko arge.
Innis karaa mana ishee dhaqu qabatee daandii golee mana ishee bira jiruutiin gad buʼaa ture.
Kunis yeroo aduun dhiitee lafti dimimmisaaʼaa turetti, yeroo halkan dukkanaaʼuu jalqabetti ture.
10 看,有一個女人向他迎面而來──她身穿妓裝,存心不軌;
Dubartiin tokko akka sagaagaltuutti uffattee yaada haxxummaatiin isa simachuuf gad baate.
Isheen iyyituu fi kashlabbee dha; miilli ishee mana hin dhaabatu;
12 一會在街頭,一會在市場,在每個角落上兜搭──
takka daandii irratti, takka oobdii irratti, golee hundatti riphxee nama eeggatti.
13 她遂上前擁抱那少年,與他接吻,嬉皮笑臉對他說:「
Isheen qabdee isa dhungatti; fuula qaanii hin qabneen akkana jettiin:
14 我原許過願,要獻和平祭,今日纔得償還我許的願。
“Ani aarsaa nagaa dhiʼeessuun qaba; harʼa wareega koo guuttadheera.
15 所以我走了出來,好能與你相遇;我急切尋找你,可好現在我見了你。
Kanaafuu ani si simachuufin gad baʼe; ani barbaadee si argadheera!
16 我的床榻已舖設了絨毯,放上了埃及的線繡臥單;
Ani wayyaa bareedduu quncee talbaa irraa hojjetame kan Gibxii dhufeen, siree koo afee miidhagseera.
Ani qumbiin, argeessaa fi qarafaan siree koo urgeesseera.
18 來讓我們通宵達旦,飽享愛情;讓我們在歡愛中盡情取樂,
Kottu mee hamma bariitti gad fageenya jaalalaa walii wajjin dhugnaa; kottu jaalalaan of gammachiifnaa!
Dhirsi koo mana hin jiru; inni karaa dheeraa deemeera.
Inni boorsaa isaa maallaqaan guuttatee deeme; hamma jiʼi goobanutti manatti hin deebiʼu.”
21 淫婦用許多花言巧語籠絡他,以諂言媚語勾引他。
Isheen dubbii miʼooftuudhaan karaa irraa isa jalʼifte; haasaa nama sossobuunis isa dirqisiifte.
22 少年遂跟她去了,好像一隻引入屠場的公牛,又像一隻自陷圈套的牡鹿,
Innis akkuma sangaa qalamuuf deemuutti, akkuma gadamsa kiyyoo keessa seenuuttis yommusuma kaʼee ishee duukaa buʼe;
23 直至箭矢射穿他的心肝;他還像一隻跳入羅網的小鳥,不知這與他的性命有關。
akkuma simbira kiyyootti ariifattuutti, inni hamma xiyyi tiruu isaa waraanutti akka wanni kun lubbuu isaa galaafatu hin beeku.
24 現在,孩子! 你們應聽從我,留意我口中的訓言:
Egaa yaa ilmaan ko, na dhaggeeffadhaa; waan ani jedhus qalbeeffadhaa.
25 不要讓你的心傾向她的道路,不要誤入她的迷途,
Akka garaan kee karaa isheetti garagalu hin godhin; karaa kee irraas baddee daandii ishee irra hin buʼin.
26 因為她使許多人倒地身亡,連最強健的,都作了她的犧牲。
Namoonni hedduun warra isheen lafaan dhooftee dha; namoonni jajjaboon baayʼeenis harka isheetti dhumaniiru.
27 她的家是通往陰府的大道,是引入死境的斜坡。 (Sheol )
Manni ishee karaa qileetti nama geessu, kan gola duʼaatti gad nama buusuu dha. (Sheol )