< 箴言 18 >

1 與眾寡合的,只求私意;對任何指教,都表忿恨。
Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa; murtii dhugaa hundaanis ni morma.
2 愚昧的人不喜愛受教,只愛顯露自己的心意。
Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu; garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
3 邪惡一來,輕視隨到;侮辱也隨無恥而至。
Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa; salphinnis qaanii wajjin dhufa.
4 哲人口中的言語有如深水,又如洶湧的溪流,生命的泉源。
Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha; burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
5 在判案時,徇惡人之私,加害於義人,實屬不公。
Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
6 愚人的唇舌,常引起爭端;愚人的口舌,常自招責打。
Hidhiin gowwaa lola fida; afaan isaas rukutamuu itti waama.
7 愚人的舌,使自己喪亡;他的嘴唇,是害己的陷阱。
Afaan gowwaa badiisa isaa ti; hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
8 進讒者的話,如可口美味,能深深透入肺腑的深處。
Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
9 懶於操勞的人,是敗子的弟兄。
Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu, obboleessa nama waa balleessuu ti.
10 上主的名號,是堅固保壘;義人投入內,必得享安全。
Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha; namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
11 富人的財產,是他的堅城;在他意想中,像座高牆垣。
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
12 心傲是滅亡的前導,心謙是光榮的前驅。
Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula; gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
13 未聽而先答,實愚昧可恥。
Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun, gowwummaa fi qaanii dha.
14 剛毅的精神,能忍受病苦;精神萎靡,有誰能支持﹖
Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa; hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
15 明智人的心,必獲得學問;智慧人的耳,必探求知識。
Garaan nama hubataa beekumsa argata; gurri ogeessaas waan kana barbaada.
16 禮物能給人大開門路,引人晉謁權貴。
Kennaan abbicha kennuuf karaa bana; fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
17 先訴理者似有理,對手來時再審斷。
Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti, namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.
18 抽籤可以使爭端平息,也能調解權貴的糾紛。
Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa; namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
19 兄弟若不和,比堅城還難攻克;他們的爭辯,有如碉堡的門閂。
Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata; wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
20 人必以口中果實充滿肚腹,必飽嘗自己唇舌的出產。
Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa; dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
21 死亡和生命,全在乎唇舌;放縱唇舌的,必自食其果。
Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba; warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
22 誰覓得了賢妻,便覓得了幸福,得了上主恩眷。
Namni niitii argatu waan gaarii argata; fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
23 貧窮的人哀懇乞憐;富貴的人厲聲以對。
Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata; sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
24 交朋友過多,必會有損害;但有些朋友,遠勝親兄弟。
Namni michoota baayʼisu ni bada; garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

< 箴言 18 >