< 箴言 14 >
1 智慧的婦女,足以興家;愚昧的婦女,親手將家拆毀。
Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti; gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.
2 履行正路的人,敬畏上主;愛走曲徑的人,輕視上主。
Namni qajeelummaan jiraatu Waaqayyoon sodaata; kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.
3 愚昧人口中,有傲慢的根苗;智慧人的唇舌,是自己的保障。
Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida; arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.
Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa; garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.
Dhuga baatuun amanamaan hin sobu; dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.
Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu; nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.
Ati nama gowwaa irraa fagaadhu; arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.
8 明智人的智慧,在於審察自己的行徑;愚昧人的昏愚,在於自欺欺人。
Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha; gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.
Gowwoonni cubbuutti qoosu; qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.
10 心頭的愁苦,唯有自己知;心中的喜樂,他人無分享。
Garaan gadda ofii isaa ni beeka; namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.
11 邪僻人的家庭,必遭破壞;正直人的帳幕,卻要興隆。
Manni nama hamaa ni bada; dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.
Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira; dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.
13 連在歡笑中,心亦有感傷;歡笑的結局,往往是痛苦。
Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa; gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.
14 變心的人,必自嘗其果;良善的人,必得其善報。
Namni hin amanamne gatii karaa isaa, namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.
Namni homaa hin beekne waan hunda amana; namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.
Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa; gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.
Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta; namni daba hojjetu garuu ni jibbama.
18 愚昧的人,以愚昧為基業;明智的人,以知識為冠冕。
Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala; qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.
Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti, jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.
20 貧窮的人,為親朋所厭;富貴的人,則高朋滿座。
Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu; sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.
Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta; kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.
22 陰謀邪惡的人,豈非走入歧途﹖策劃行善的人,必獲慈惠忠誠。
Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu? Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.
Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa; oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.
24 智慧人的冠冕,是他們的機智;愚昧人的冠冕,是他們的糊塗。
Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti; gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.
25 忠實的見證,救人性命;作假證的人,危害他人。
Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara; dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.
26 敬畏上主,是穩固的靠山;為他的子孫,也是個避難所。
Namni Waaqayyoon sodaatu daʼannoo jabaa qaba; ijoolleen isaas daʼoo argatu.
27 敬畏上主,是生命的泉源,使人脫免死亡的羅網。
Waaqayyoon sodaachuun burqaa jireenyaa ti; kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.
28 人民眾多,是君王的光榮;庶民缺少,是王侯的沒落。
Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti; yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.
29 緩於發怒的人,必甚有見識;脾氣暴躁的人,必大顯愚昧。
Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba; kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.
30 心平氣和,使身體康健;心懷嫉忌,使骨骸腐蝕。
Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna; hinaaffaan garuu lafee tortorsa.
31 欺壓窮人的,就是凌辱他的造主;憐恤苦人的,就是尊敬他的造主。
Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata; namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Waaqa kabaja.
32 惡人因自己的邪惡,必被毀滅;義人因自己的正義,有所憑藉。
Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu; qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.
Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti; garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.
Qajeelummaan saba ol guddisa; cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.
35 明哲的臣僕,蒙受君王的寵幸;無用的臣僕,必遭君王的盛怒。
Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada; kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.