< 箴言 10 >
1 智慧的兒子使父親喜樂;愚昧的兒子,使母親憂愁。
Fakkeenyawwan Solomoon: Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa; ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu; qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu; hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa; harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
5 夏季貯蓄的,是明智的孩童;秋收酣睡的是無恥的兒子。
Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa; kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo ilma nama qaanessuu dha.
Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa; maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
8 心靈智慧的人,必接受命令;饒舌的愚的人,必自招喪亡。
Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
Namni amanamaan sodaa malee deema; kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
10 暗中擠眼的人,必引人煩惱;坦然規勸的人,必促進和平。
Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma; gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
11 義人的口,是生命的泉源;惡人的口,是殘暴的淵藪。
Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti; afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
Jibbi lola kakaasa; jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
13 有見識的口唇上,可找著智慧;棍杖只是為打缺乏智慧者的脊背。
Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti; uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
14 智慧的人,隱諱自己的學問;愚昧人的口,招致逼近的喪亡。
Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu; afaan gowwaa garuu badiisa waama.
15 富人的財富,是他自己的堅城;窮人的零落,卻是他們的貧乏。
Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha; hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
16 義人的薪金,用以維持生活;惡人的收入,卻只用來犯罪。
Mindaan qajeeltotaa jireenya; galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
17 誰遵守勸告,必走向生命之路;誰輕視規勸,必自誤入迷途。
Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema; namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
18 撒謊的唇舌,必暗藏仇恨;散播謠言的,必是愚昧人。
Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu, kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu; namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha; garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
21 義人的唇舌教育群眾,愚人必因缺乏心智而死亡。
Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora; gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
22 使人致富的,是上主的祝福;營營的辛勞,卻無補於事。
Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa; inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata; namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
24 惡人畏懼的,反向他侵襲;義人的希望,終獲得應允。
Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa; hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu; qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
26 懶漢之於派遣他的人,就如醋之於牙,煙之於目。
Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee, aarris ija miidhu sana namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
27 敬畏上主,將延年益壽;惡人的歲月,必要短縮。
Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa; umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
28 義人的期待,終歸是喜樂;惡人的希望,終歸是失望。
Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa; wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
29 上主的道路,是正人君子的保障;為作惡的人,卻是滅亡。
Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha; nama jalʼaaf garuu badiisa.
Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman; hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata; afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.