< 民數記 26 >

1 這次災禍以後,上主對梅瑟和大司祭亞郎的兒子厄肋阿匝爾說:
Dhaʼicha sana booddee Waaqayyo Musee fi Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaatiin akkana jedhe;
2 「你們應將以色列子民全會眾,凡二十歲以上,在以色列中能上陣作戰的,按家族再行登記。
“Waldaa saba Israaʼel warra umuriin isaanii waggaa digdamaa fi hammasii ol taʼe kanneen loltoota Israaʼel keessa tajaajiluu dandaʼan hunda maatii maatiidhaan lakkaaʼaa.”
3 梅瑟和司祭厄肋阿匝爾,就在約旦河邊耶利哥的對面,摩阿布曠野內,
Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti akkana jedhanii isaan wajjin dubbatan;
4 統計了二十歲以上的人,照上主對梅瑟所吩咐的。從埃及國出來的以色列子民如下:
“Akkuma Waaqayyo Musee ajajetti namoota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii lakkaaʼaa.” Jarri kunneen Israaʼeloota biyya Gibxiitii baʼanii dha:
5 以色列的長子勒烏本:勒烏本床的:屬哈諾客人的,有哈諾客家族;屬帕路的,有帕路家族;
Ilmaan Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa: karaa Henookiitiin, balbala Hanookotaa; karaa Faluutiin, balbala Faluuwotaa;
6 屬赫茲龍的,有赫茲龍家族;屬加爾米的,有加爾米家族:
karaa Hezrooniitiin, balbala Asroonotaa; karaa Karmiitiin, balbala Karmootaa.
7 以上是勒烏本家族,登記的人數,共計四萬三千七百三十。
Jarri kunneen balbalawwan Ruubeen; baayʼinni isaaniis 43,730 ture.
8 帕路的子孫:厄里雅布。
Ilmi Faluus Eliiyaab;
9 厄里雅布的兒子是乃慕耳、達堂和阿彼蘭。達堂和阿彼蘭原是會眾推選的人,在科辣黑黨派違背上主時,起來反抗梅瑟和亞郎。
ilmaan Eliiyaabis Nemuuʼeel, Daataanii fi Aberoon. Daataanii fi Abiiraam kunneen qondaaltota waldaa kanneen Musee fi Aroonitti fincilanii dha; isaan yeroo Qooraahii fi duukaa buutonni isaa Waaqayyotti fincilan sanas achi keessa turan.
10 當時地裂開了口,將他們同科辣黑吞了下去;同時有火燒死了二百五十人:這樣全黨都消滅了,作為後人的鑑戒。
Laftis afaan banattee Qooraahii fi isaan illee liqimsite; warri garee Qooraahi immoo yeroo ibiddii namoota 250 fixe sana dhuman. Isaanis mallattoo namoonni ittiin of eeggatan taʼan.
11 但是科辣黑的兒子們卻沒有死亡。
Ilmaan Qooraahi garuu hin duune.
12 西滿盎的子孫:依照家族屬乃慕耳的,乃慕耳家族:屬雅明的,有雅明家族:屬雅津的,有雅明家族;
Ilmaan Simiʼoon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Nemuuʼeel, balbala Nemuuʼeelotaa; karaa Yaamiin, balbala Yaamiinotaa; karaa Yaakiin, balbala Yaakiinotaa;
13 屬則辣黑的,有則辣黑家族;屬沙烏耳的,有沙烏耳家族:
karaa Zeraan, balbala Zerootaa; karaa Shaawul, balbala Shaawulootaa ti.
14 以上是西滿盎家族,人數共計二萬二千二百。
Jarri kunneen balbalawwan Simiʼoonii ti; isaanis namoota 22,200 turan.
15 加得的子孫:按照家族,屬責豐的,有責豐家族;屬哈基的,有哈基家族;屬叔尼的,有叔尼家族,
Ilmaan Gaad akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Zefoon, balbala Zefoonotaa; karaa Hagii, balbala Hagootaa; karaa Shuunii, balbala Shuunotaa;
16 屬敖次尼的,有敖次尼家族;屬厄黎的,有厄黎家族;
karaa Oznii, balbala Oznootaa; karaa Eerii, balbala Eerotaa;
17 屬阿洛得的,有阿洛得家族;屬阿勒里的,有阿勒里家族:
karaa Arood, balbala Aroodotaa; karaa Ariʼeel, balbala Ariʼeelotaa ti.
18 以上是加得子孫的家族,登記的人數共計四萬五百。
Jarri kunneen balbalawwan Gaadii ti; baayʼinni isaaniis 40,500 ture.
19 猶大的兒子:厄爾和敖難。厄爾和敖難死在客納罕地。
Eerii fi Oonaan ilmaan Yihuudaa ti; isaan garuu Kanaʼaan keessatti duʼan.
20 猶大的子孫:按照家族:屬舍拉的,有舍拉家族;屬培勒茲的,有培勒茲家族;屬則辣黑的,有則辣黑家族。
Ilmaan Yihuudaa akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sheelaa, balbala Sheelaanotaa; karaa Faares, balbala Faaresotaa; karaa Zaaraa, balbala Zaarotaa ti.
21 培肋勒茲的子孫:屬赫茲龍的,有赫茲龍家族;屬哈慕耳的,有哈慕耳家族:
Ilmaan Faaresis kanneenii dha: karaa Hezroon, balbala Hezroonotaa; karaa Hamuul, balbala Hamuulotaa ti.
22 以上是猶大家族,登記的人數,共計七萬六千五百。
Jarri kunneen balbalawwan Yihuudaa ti; baayʼinni isaaniis 76,500 ture.
23 依撒加爾的子孫:按照家族,屬托拉的,有托拉家族;屬普瓦的,有普瓦家族;
Ilmaan Yisaakor akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Toolaa, balbala Toolotaa; karaa Fuwaa, balbala Fuuwotaa;
24 屬雅叔布的,有雅叔布家族;屬史默龍的,有史默龍家族:
karaa Yaashuub, balbala Yaashuubotaa; karaa Shimroon, balbala Shimroonotaa ti.
25 以上是依撒加爾家族,登記人數共計六萬四千三百。
Jarri kunneen balbalawwan Yisaakor; baayʼinni isaaniis 64,300 ture.
26 則步隆的子孫:依照家族,屬色勒得的,有色勒得家族;屬厄隆的,有厄隆家族;屬雅赫肋耳的,有雅赫肋耳家族:
Ilmaan Zebuuloon akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Sered, balbala Seredootaa; karaa Eeloon, balbala Eeloonotaa; karaa Yahiliʼeel, balbala Yahiliʼeelotaa ti.
27 以上是則步隆家族,登記的人數,共計六萬五百。
Jarri kunneen balbalawwan Zebuuloon; baayʼinni isaaniis 60,500 ture.
28 若瑟的子孫:依照家族,默納協族和厄弗辣因族。
Ilmaan Yoosef akkuma balbala balbala isaaniitti: Minaasee fi Efreem.
29 默納協的子孫:屬瑪基爾的,有瑪基爾家族;瑪基爾生了基肋阿得,屬基肋阿得的,有基肋阿得家族。
Ilmaan Minaasee: karaa Maakiir, balbala Maakiirotaa; Maakiir kun abbaa Giliʼaad; karaa Giliʼaad, balbala Giliʼaadotaa ti.
30 以上是基肋阿得的家族:屬耶則爾的,有則爾家族;屬赫肋克的,有赫肋克家族;
Ilmaan Giliʼaad isaan kanneenii dha: karaa Iiʼezer, balbala Iiʼezerootaa; karaa Heleq, balbala Heleqootaa;
31 屬阿斯黎耳的,有阿斯黎耳家族;屬舍根的,有舍根家族;
karaa Asriʼeel, balbala Asriiʼeelotaa, karaa Sheekem, balbala Sheekemotaa;
32 屬舍米達的,有舍米達家族;屬赫斐爾的,有赫斐爾家族。
karaa Shemiidaa, balbala Shemiidaa; karaa Heefer, balbala Heeferotaa ti.
33 赫斐爾的兒子責羅斐哈得沒有兒子,只有女兒;責羅斐哈得的女兒的名字是:瑪赫拉、諾阿、曷革拉、米耳加和提爾匝:
Zelofehaad ilmi Heefer ilmaan hin qabu ture; inni intallan qofa qaba ture; maqaan isaaniis Mahilaa, Nohii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.
34 以上是默納協家族,登記 木人數共計二萬二千七百。
Jarri kunneen balbalawwan Minaasee ti; baayʼinni isaaniis 52,700 ture.
35 以下是厄弗辣因的 床4:按照家族,屬叔特拉的,有叔特拉家族;屬貝革爾的,有貝革爾家族;屬塔罕的,有塔罕家族。
Ilmaan Efreem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuutelaa, balbala Shuutelootaa; karaa Beker, balbala Bekerotaa; karaa Taahan, balbala Taahanotaa ti.
36 以下是叔特拉的子孫:屬厄蘭的家族,有厄蘭家族。
Ilmaan Shuutelaa isaan kanneenii dha: karaa Eeraan, balbala Eeraanotaa ti.
37 以上是厄弗辣因子孫家族,登記的人數共計三萬二千戶26 五百:以上按照家族,都是若瑟的子孫。
Jarri kunneen balbalawwan Efreem; baayʼinni isaaniis 32,500 ture. Isaan kunneen ilmaan Yoosef warra akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼamanii dha.
38 本雅明的子孫:按照家族,屬貝拉的,有貝拉家族;屬阿市貝耳的,屬阿市貝耳的,有阿市貝耳家族;屬阿希蘭的,有阿希蘭家族;
Ilmaan Beniyaam akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Belaa, balbala Belaaʼotaa; karaa Ashbeel, balbala Asbeelotaa; karaa Ahiiraam, balbala Ahiiraamotaa;
39 屬舍孚番的,有舍孚番舍孚番家族;屬胡番的,有胡番家族。
karaa Shefuufaami, balbala Shefuufaamotaa; karaa Huufaam, balbala Huufaamotaa ti.
40 貝拉的兒子是阿爾德和納阿曼。屬阿爾德的,有阿爾德家族;屬納阿曼的,有納阿曼家族;
Ilmaan Belaa, karaa Ardii fi Naʼamaan: karaa Ardii, balbala Ardootaa; karaa Naʼamaan, balbala Naʼamaanotaa ti.
41 按照家族,這些都是本雅明的子孫,登記的人數共計四萬五千六百。
Jarri kunneen balbalawwan Beniyaam; baayʼinni isaaniis 45,600 ture.
42 以下是丹的子孫:按照家族,屬叔罕的,有叔罕家族;按照家族,這是丹的家族。
Ilmaan Daan akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Shuuhaam, balbala Shuuhaamotaa ti. Jarri kunneen balbalawwan Daan:
43 叔罕全家族登記的人數,共計六萬四千四百。
Isaan hundinuu balbalawwan Shuuhaamotaa ti; baayʼinni isaaniis 64,400 ture.
44 阿協爾的子孫:按照家族,屬依默納的,有依默納家族;屬依市偉的,有依市偉家族;屬貝黎雅的,有貝黎雅家族。
Ilmaan Aasheer akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yimnaa, balbala Yuumnootaa; karaa Yishwii, balbala Yishwiiyotaa; karaa Beriiyaa, balbala Beriiyootaa;
45 貝黎雅的子孫:屬赫貝爾的,有赫貝爾家族;屬有瑪耳基的,有瑪耳基家族。
karaa ilmaan Beriiyaa immoo: karaa Hebeer, balbala Hebeerotaa; karaa Malkiiʼeel, balbala Malkiiʼeelotaa ti.
46 阿協的女兒的名字是色辣黑。
Aasheer intala Seraa jedhamtu tokko qaba ture.
47 以上是阿協爾子孫家族,登記的人數共計五萬三千四百。
Jarri kunneen balbalawwan Aasheer; baayʼinni isaaniis 53,400 ture.
48 納斐塔里的子孫:按照家族,屬雅赫責耳的,有雅赫責耳家族;屬古尼的,有古尼家族;
Ilmaan Niftaalem akkuma balbala balbala isaaniitti kanneenii dha: karaa Yahizeel, balbala Yahizeelotaa, karaa Guunii, balbala Guunotaa;
49 屬耶責耳的,有耶責耳家族;屬史冷的,有史冷家族;
karaa Yeexer, balbala Yeexirotaa; karaa Shiileem, balbala Shiileemotaa ti.
50 按照家族,這些都是納斐塔里家族,他們登記的人數共計四萬五千四百。
Jarri kunneen balbalawwan Niftaalem; baayʼinni isaaniis 45,400 ture.
51 以色列登記的人數共計六十萬一千七百三十。
Walumaa galatti baayʼinni dhiira Israaʼel 601,730 ture.
52 上主訓示梅瑟說:
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
53 「你應照登記的名額,將土地分配給他們作為 產業:
“Biyyi sun akkuma baayʼina maqaa namaatti dhaala taʼee isaan kanneeniif haa qoodamu.
54 人數多的應多給,人數少的應少給 ;各依照登記的名額分配產業。
Balbala guddaadhaaf dhaala guddaa, balbala xinnaadhaaf immoo dhaala xinnaa kenni; tokkoon tokkoon balbalaa akkuma baayʼina namoota galmeeffamaniitti dhaala isaa haa argatu.
55 但還應抽籤來分配土地,各按宗族支系的名字領取產業。
Garuu biyyi sun ixaadhaan haa qoqoodamtu. Isaanis akkuma maqaawwan gosoota abbootii isaaniitti ni dhaalu.
56 看人數的多寡,來抽籤,給他們分配產業。
Tokkoon tokkoon dhaala sanaa garee guddaa fi garee xinnaa gidduutti ixaadhaan haa qoodamu.”
57 以下是按照家族登記的肋未人:屬革爾雄的,有革爾雄家族;屬刻哈特的,有刻哈特家族;屬默辣黎的,有默辣黎家族。
Lewwonni balbala balbalaan lakkaaʼaman kanneenii dha: karaa Geershoon, balbala Geershoonotaa; karaa Qohaati, balbala Qohaatotaa; karaa Meraarii, balbala Meraarotaa ti.
58 以下是肋未的家族:里貝尼家族,瑪赫里家族,慕史家族,科辣黑家族。刻哈特生了阿默蘭;
Jarri kunneenis balbalawwan Lewwotaa ti: balbala Liibnotaa, balbala Kebroonotaa, balbala Mahelootaa, balbala Muusotaa, balbala Qooraahotaa. Qohaati abbaa Amraam;
59 阿默蘭的妻子名叫約革貝得,是肋未的女兒,她在埃及出生,給阿默蘭生了亞郎家族;梅瑟和他們的姊妹米黎盎。
maqaan niitii Amraam Yookebeed. Isheen intala Lewwii kan biyya Gibxitti Lewwiif dhalattee dha. Amraamiifis Aroon, Musee fi obboleettii isaanii Miiriyaam deesse.
60 亞郎生了納達布、阿彼胡、厄肋阿匝爾和依塔瑪爾
Aroon abbaa Naadaab, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
61 納達布和阿彼胡在上主面前獻了凡火,遭遇了死亡。
Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessan sana duʼan.
62 一月以上的男子,登記共計二萬三千;他們沒有登記在以色列子民的數目內,因為在以色列子民中沒有分得產業。
Dhiironni umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii ol taʼe kanneen lakkaaʼaman hundi 23,000 turan. Isaanis sababii gidduu isaaniitti dhaala hin argatiniif Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
63 這是梅瑟和厄肋阿匝爾,在約旦河邊,耶利哥的對面,摩阿布曠野內,所統計的以色列子民的人數。
Isaan kunneen warra yeroo Musee fi Eleʼaazaar lubichi dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Israaʼeloota lakkaaʼan sana lakkaaʼamanii dha.
64 他們中沒有一個是梅瑟和大司祭亞郎,在西乃曠野統計以色列子民時,所統計過的人民,
Namoota karaa Museetii fi Aroon lubichaan Gammoojjii Siinaa keessatti lakkaaʼaman keessaa namni tokko iyyuu isaan gidduu hin turre.
65 因為上主論及他們曾說過,他們必死在曠野。實在,除了耶孚乃的兒子加肋布和農的兒子若蘇厄外,他們中沒有剩下一人。
Sababii Waaqayyo waaʼee isaanii, “Isaan Gammoojjii keessatti ni dhumu” jedhee dubbatee tureef, Kaaleb ilma Yefunee fi Iyyaasuu ilma Nuuni malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin hafne.

< 民數記 26 >