< 民數記 1 >

1 以色列人出埃及國後第二年二月一日,上主在西乃曠野於會幕內訓示梅瑟說:「
Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen;
2 你們要依照以色列子民的宗教和家系,統計全會眾的人口,把男丁的姓名都一一登記。
“Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa.
3 在以色列中,凡二十歲以上能上陣作戰的,你和亞郎要一隊一隊地統計。
Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa.
4 每一支派有一人同你們合作,他們都是各宗族的族長。
Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
5 那協助你們的人名如下:勒烏本支派,是舍德烏爾的兒子厄里族爾;
“Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
6 西默盎支派,是族黎沙待的兒子舍路米耳;
gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
7 猶大支派,是阿米納達布的兒子納赫雄;
gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
8 依撒加爾支派,是族阿爾的兒子乃塔乃耳;
gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
9 則步隆支派,是赫隆的兒子厄里雅布;
gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
10 若瑟的兩個兒子:厄弗辣因支派,是阿米胡得的兒子厄里沙瑪;默納協支派,是培達族爾的兒子加默里耳;
ilmaan Yoosef keessaa: gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
11 本雅明支派,是基德敖尼的兒子阿彼丹;
gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
12 丹支派,是阿米沙待的兒子阿希厄則爾;
gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
13 阿協爾支派,是敖革蘭的兒子帕革厄耳;
gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
14 加得支派,是勒烏耳的兒子厄肋雅撒夫;
gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
15 納斐塔里支派,是厄南的兒子阿希辣。」
gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
16 這些人是由會眾中選出來的,都是他們宗族的領袖,以色列的千夫長。
Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
17 梅瑟和亞郎就帶著這些提名派定的人,
Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii,
18 於二月一日召集了全會眾,人都依照宗族和家系登了記,由二十歲以上的都一一將姓名登了記。
guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame;
19 上主怎樣吩咐了梅瑟,梅瑟就怎樣在西乃曠野統計了他們。
innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
20 以色列的長子勒烏本子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的男子,都一一將姓名登了記;
Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
21 勒烏本支派登記的,計有四萬六千五百。
Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
22 西默盎子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的男子,都一一將姓名登了記,
Sanyii Simiʼoon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
23 西默盎支派登記的,計有五萬九千三百。
Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
24 加得子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Gaad keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
25 加得支派登記的,計有四萬五千六百五十。
Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
26 猶大子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Yihuudaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
27 猶大支派登記的,計有七萬四千六百。
Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
28 依撒加爾子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記,
Sanyii Yisaakor keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
29 依撒加爾支派登記的,計有五萬四千四百。
Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
30 則步隆子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Zebuuloon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
31 則步隆支派登記的,計有五萬七千四百。
Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
32 若瑟的子孫:厄弗辣因子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Ilmaan Yoosef keessaa: Sanyii Efreem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
33 厄弗辣因支派登記的,計有四萬五百。
Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
34 默納協子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Minaasee keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
35 默納協支派登記的,計有三萬二千二百。
Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
36 本雅明子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Beniyaam keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
37 亞雅明支派登記的,計有三萬五千四百。
Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
38 丹子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Daan keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
39 丹支派登記的,計有六萬二千七百。
Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
40 阿協爾子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Aasheer keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
41 阿協爾支派登記的,計有四萬一千五百。
Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
42 納斐塔里子孫的後裔,依照宗族和家系,二十歲以上,凡能上陣作戰的,都將姓名登了記;
Sanyii Niftaalem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
43 納斐塔里支派登記的,計有五萬三千四百:
Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
44 以上是梅瑟和亞郎並以色列的首領十二人──每宗族一人──所登記的人數。
Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan.
45 以色列中二十歲以上,凡能上陣作戰的以色列子民,全依照宗族和家系登了記。
Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman.
46 全體登記的總數,是六十萬三千五百五十。
Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
47 但是肋末人沒有依照自己的宗派同他們一起登記,
Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
48 因為上主曾訓示梅瑟說:「
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture:
49 只有肋未支派,不要登記,不要將他們列在以色列子民內。
“Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin.
50 你應派肋未人管理會幕和其中一切器皿,並一切附屬物。他們要搬運會幕和其中一切器皿,在會幕中服務,住在會幕的四周。
Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan.
51 會幕要遷移時,肋未人拆卸;會幕要搭紮時,肋未人張搭;若俗人走近,應處死刑。
Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu.
52 以色列子民應分隊紮營,各歸本旗。
Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan.
53 但肋未人應在會幕四周紮營,免得以色列子民會眾觸犯天怒;肋未人應負責看守會幕。」
Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
54 以色列子民都照辦了;上主怎樣吩咐了梅瑟,他們就怎樣辦了。
Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.

< 民數記 1 >