< 彌迦書 1 >
1 猶大不約堂、阿哈次和希則克雅年間,上主的話傳給摩勒舍特人米該亞;以下如果他關於撒馬黎雅和耶路撒冷所見的聖視:
Bara Yootaam, Aahaazii fi Hisqiyaas mootota Yihuudaa turan keessa dubbiin Waaqayyoo gara Miikiyaas namicha Mooresheet dhufe; kunis mulʼata inni waaʼee Samaariyaatii fi waaʼee Yerusaalem argee dha.
2 眾民族,你們請聽! 大地和充乎其間的萬物,你們側耳傾聽! 吾主上主要作証反抗你們,吾主已離開了衪的聖殿。
Yaa namoota, isin hundinuu dhagaʼaa; lafaa fi wantoonni ishee irra jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa; Waaqayyo Gooftichi, Gooftaan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessaa dhugaa isinitti baʼa.
3 看,上主已離開自己的居所下降,踏著大地高處前行。
Kunoo! Waaqayyo iddoo jireenya isaatii dhufaa jira; inni gad dhufee iddoo ol kaʼaa lafaa irra ni ejjeta.
4 在衪腳下,諸山銷鎔,諸谷分裂,有如蠟在火前,有如冰瀉斜坡。
Akkuma gagaa fuula ibiddaa dura jiruu, akkuma bishaan tabba irraa gad yaaʼuu tulluuwwan isa jalatti ni baqu; sululawwanis gargar baqaqu.
5 這一切都是因為雅各伯的邪惡,猶大家的罪過。雅各伯的邪惡是什麼﹖不就是撒馬黎雅﹖猶大的罪過是什麼﹖不就是耶路撒冷﹖
Wanni kun hundi sababii dogoggora Yaaqoobiif, sababii cubbuu mana Israaʼeliif taʼe. Dogoggorri Yaaqoob maali? Samaariyaa mitii? Iddoon sagadaa Yihuudaa maali? Yerusaalem mitii?
6 我必要使撒馬黎雅變為田野中的廢墟,化為栽植葡萄的園地;我要把她的石頭投入山谷,暴露她的基礎。
“Kanaafuu ani Samaariyaa tuullaa diigamaa, lafa wayinii itti dhaabbatan nan godha. Ani dhagaawwan ishee sululatti naqee, hundee ishee qullaa nan hambisa.
7 她的一切雕像必被打碎;她的一切淫資必被火燒盡;她的一切偶像,我必使之變為廢物,因為偶像是聚合娼妓淫資做成的,將再轉為娼妓的淫資。
Waaqonni ishee tolfamoon hundinuu ni hurreeffamu; kennaawwan mana qulqullummaa ishee hundinuu ibiddaan gubamu; ani fakkii ishee hunda nan barbadeessa. Isheen gatii sagaagaltootaa irraa kennaa ishee walitti waan qabatteef, kennaan sun ammas gatii sagaagaltootaa taʼee ni deebiʼa.”
8 為此,我要哀號悲鳴,我要赤足裸體而行;哀號若豺狼,悲鳴如駝鳥;
Sababii waan kanaatiif ani booʼee nan wawwaadha; ani miilla duwwaa fi qullaa nan deema. Ani akkuma waangoo iyyee, akkuma urunguu nan aada.
9 因為撒馬黎雅的創傷無法醫治,且已廷及猶大,逼近我的門口,直達耶路撒冷。
Madaan ishee waan hin fayyineef, Yihuudaattis darbeera. Karra saba koo dura gaʼeera; Yerusaalemittis dhufeera.
10 你們在加達不要歡樂,在隨苛要慟哭,在貝特敖斐勒,要輾轉於灰塵之中。
Isin waan kana Gaati keessatti hin dubbatinaa; gonkumaa hin booʼinaa. Beet Leʼafraatti, awwaara keessa gangaladhaa.
11 沙非爾的居民! 人已向你吹起了號角;匝南的居民,不要走出自己的城! 在貝特厄責耳有了哭訴,因為人從你們手中奪去了立足之地。
Isin warri Shaafiir keessa jiraattan, qullaa fi qaaniidhaan darbaa. Warri Zanaan keessa jiraatan, gad hin baʼan. Beet Eezel booʼicha irra jirti; eegumsi ishee isin irraa fuudhameera.
12 災禍已由上主降於耶路撒冷門前,瑪洛特的居民還怎能希望幸福﹖
Sababii balaan Waaqayyo biraa dhufee karra Yerusaalem iyyuu gaʼeef, warri Maaroot keessa jiraatan gargaarsa argachuuf wixxirfatu.
13 拉基士的居民,你們要以快馬駕車! 你們是熙雍子女犯罪的開端,因為在你們中間找出以色列罪惡的根源。
Ati Laakkiish keessa kan jiraattu, fardeen gaariitti hidhadhu. Ati Intala Xiyooniif jalqaba cubbuu ti; dogoggorri Israaʼel siʼi keessatti argamaatii.
14 摩勒舍特加特! 人要給你送來臨別的贈品;阿革齊布家為以色列君王,是一條變幻無常的溪流。
Kanaafuu ati Mooresheet Gaatiif kennaa kennita. Manneen Akziib mootota Israaʼeliif gowwoomsitoota taʼu.
15 瑪勒沙的居民,征服者還要來你們這裏;的確,以色列的光榮阿杜蘭將要消逝!
Ani warra Maareeshaa keessa jiraattanitti moʼataa tokko nan fida. Inni ulfina Israaʼel taʼe gara Adulaam ni dhufa.
16 熙雍女子! 妳應為了妳所愛的子女剃頭削髮,並要徹底使妳的頭光禿,有如一隻兀鷹,因為你們已由妳面前被擄去充軍。
Sababii gadda ijoollee itti gammadduutiif jedhii mataa kee haaddadhu; akkuma goggocoroo mataa kee moleeffadhu; isaan boojuudhaan sirraa fudhatamuutii.