< 馬可福音 11 >

1 他們將近耶路撒冷,到了貝特法革和伯達尼,在橄欖山那裏時,耶穌就打發兩個門徒,
Akkuma isaan Yerusaalemitti dhiʼaatanii, Beetfaagee fi Biitaaniyaa kanneen Tulluu Ejersaa biraa sana gaʼaniin Yesuus Barattoota isaa keessaa lama erge;
2 對他們說:「你們往對面的村莊裏去,一進村莊,立時會看見一匹拴著的驢駒,是從來沒有人騎過的;把牠解開牽來。
akkanas isaaniin jedhe; “Gara ganda fuula keessan dura jiru sanaa dhaqaa; akkuma achi seentaniinis, ilmoo harree kan namni tokko iyyuu takkumaa hin yaabbatin tokko achitti hidhamee jiru ni argattu; isa hiikaatii as fidaa.
3 若有人對你們說:「你們做什麼﹖你們就說:主要用牠,但是會立刻把牠牽回這裏來。」
Yoo namni tokko iyyuu, ‘Isin maaliif waan kana gootu?’ jedhee isin gaafate, ‘Gooftaatu isa barbaada; dafees deebisee ni erga’ jedhaa.”
4 去了,便見一匹驢駒,拴在門外街道上,就把牠解開。
Isaanis dhaqanii ilmoo harree kan balbala duratti, karaa irratti hidhame tokko argan. Akkuma isaan hiikaniinis,
5 在那裏站著的人,有人對他們說:「你們解開驢駒作什麼﹖」
namoonni achi dhadhaabachaa turan tokko tokko, “Maal gochuuf ilmoo harree sana hiiktu?” jedhanii isaan gaafatan.
6 門徒就按照耶穌所吩咐的對他們說了; 那些人遂容許了他們。
Isaanis akkuma Yesuus isaaniin jedhe sanatti deebisaniif; namoonni sunis akka isaan deeman isaan dhiisan.
7 他們把驢駒牽到耶穌跟前,把自己的外衣搭在上面,耶穌就騎了上去。
Ilmoo harree sanas Yesuusitti fidan; uffata isaaniis ilmoo harree irra buusan; innis irra taaʼe.
8 有許多人把自己的外衣,另有些人把從田間砍來的綠樹枝,鋪在路上,
Namoonni baayʼeen uffata isaanii karaa irra afan; warri kaan immoo dameewwan baala qaban kanneen alaa kukkutan sana karaa irra bubuusan.
9 前行後隨的都喊著說:「賀三納! 因上主之名而來的,應受讚頌!
Warri dura deemaa turanii fi warri duukaa buʼaa turan iyyanii akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!”
10 那要來的我們祖先達味之國,應受讚頌! 賀三納於至高之天!」
“Mootummaan abbaa keenya Daawit inni dhufu sun eebbifamaa dha!” “Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!”
11 耶穌進了耶路撒冷,到聖殿裏,周圍察看了一切,時辰已晚, 遂同十二門徒出來,往伯達尼去了。
Yesuusis Yerusaalem seenee mana qulqullummaatti ol gale. Gara galees waan hundumaa ilaale; sababii galgalaaʼee tureefis warra Kudha Lamaan wajjin baʼee Biitaaniyaa dhaqe.
12 第二天,他們從伯達尼出來,耶穌餓了。
Guyyaa itti aanutti utuu Biitaaniyaadhaa baʼanuu Yesuus beelaʼe.
13 他從遠處望見了一棵茂盛的無花果樹,就上前去,看是否在樹上可以找到什麼;及至走到那裏,除了葉子外,什麼也沒有找著,因為還不是無花果的時節。
Innis muka harbuu baala qabu tokko fagootti argee ija qabaachuu fi qabaachuu baachuu isaa ilaaluu dhaqe. Garuu waan yeroon sun waqtii harbuu hin taʼiniif inni yommuu muka sana bira gaʼetti baala malee waa tokko illee hin arganne.
14 耶穌就開口對它說:「永遠再沒有人吃你的果子了! 」他的門徒也都聽見了。 (aiōn g165)
Yesuusis muka sanaan, “Namni tokko iyyuu deebiʼee ija sirraa hin nyaatin” jedhe. Barattoonni isaas ni dhagaʼan. (aiōn g165)
15 他們來到耶路撒冷。耶穌一進殿院,就開始把在殿院裏的買賣人趕出去,把錢莊的桌子和賣鴿子的凳子推翻,
Yommuu Yerusaalem gaʼanittis Yesuus mana qulqullummaa seenee warra achitti bitatanii fi gurguratan ariʼuu jalqabe. Minjaala warra maallaqa geeddarataniitii fi barcuma warra gugee gurguratanii garagalche.
16 也不許人帶著器皿由殿院裏經過,
Akka namni tokko iyyuu waan tokko illee baatee mana qulqullummaa keessa darbus hin eeyyamne.
17 教訓他們說:「經上不是記載:『我的殿宇將稱為萬民的祈禱之所』麼﹖你們竟把它作成了賊窩! 」
Innis akkana jedhee isaan barsiise; “‘Manni koo saba hundumaaf mana kadhannaa ni jedhama’jedhamee hin barreeffamnee? Isin garuu ‘Holqa saamtotaa’gootaniirtu.”
18 司祭長和經師聽了,就設法要怎樣除掉他,卻又害怕他,因為全群眾對他的教訓都驚奇不已。
Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa waan kana dhagaʼanii karaa ittiin isa ajjeesan barbaaduu jalqaban; isaan sababii namoonni hundinuu barsiisa isaa dinqisiifataniif isa sodaatanii turaniitii.
19 到了晚上,他們就出了城。
Isaanis yommuu galgalaaʼetti magaalaa sana keessaa baʼan.
20 早晨,他們從那裏經過時,看見那棵無花果樹連根都枯乾了。
Isaanis ganamaan utuu karaa sana darbanuu akka mukti harbuu sun hidda isaatii jalqabee goge argan.
21 伯多祿想起來,就對耶穌說:「師傅! 看,你所咒罵的無花果樹已枯乾了。」
Phexrosis yaadatee Yesuusiin, “Yaa barsiisaa ilaa! Harbuun ati abaarte sun gogeera!” jedhe.
22 耶穌回答他們說:「你們對天主當有信德!
Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Waaqatti amanaa.
23 我實在告訴你們:無論誰對這座山說:起來,投到海裏去! 他心裏若不懷疑,反相信他說的必成就,就必給他成就。
Ani dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo tulluu kanaan ‘Buqqaʼiitii galaanatti darbatami’ jedhe, yoo garaa isaattis mamuu baatee akka wanni inni jedhe sun taʼu amane, wanni sun ni taʼaaf.
24 因此,我告訴你們:你們祈禱,不論求矢麼,祇要你們相信必得,必給你們成就。
Kanaafuu ani isinittin hima; waan kadhannaadhaan gaafattan hunda akka argattan amanaa; innis isiniif ni taʼa.
25 當你們立著祈禱時,若你們有什麼怨人的事,就寬恕罷! [
Yeroo kadhachuuf dhaabattan, akka Abbaan keessan inni samii irraa cubbuu keessan isiniif dhiisuuf, isinis yoo waanuma tokko illee nama kam iyyuu irraa qabaattan dhiisaafii. [
26 好叫你們在天之父, 也寬恕你們的過犯。」]
Yoo dhiisuufii baattan garuu Abbaan keessan inni samii irraas cubbuu keessan isiniif hin dhiisu.”]
27 他們又來到耶路撒冷。當耶穌在殿裏徘徊時,司祭長、經師和長老來到他跟前,
Isaanis deebiʼanii gara Yerusaalem dhufan; utuu Yesuus mana qulqullummaa keessa deddeebiʼaa jiruu luboonni hangafoonni, barsiistonni seeraatii fi maanguddoonni gara isaa dhufan.
28 對他說:「你憑什麼權柄作這些事﹖或者,是誰給了你權柄作這些事﹖」
Isaanis, “Ati taayitaa maaliitiin wantoota kanneen hojjetta? Akka wantoota kanneen hojjettuufis eenyutu taayitaa siif kenne?” jedhaniin.
29 耶穌對他們說:「我也要問你們一句話,你們回答我,我就告訴你們:我憑什麼權柄作這些事。
Yesuusis akkana jedhee deebise; “Anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isin immoo deebii naaf kennaa; anis taayitaa maaliitiin wantoota kanneen akkan hojjedhu isinittin hima.
30 若翰的洗禮是從天上來的,還是從人來的﹖答覆我罷!」
Cuuphaan Yohannis samii irraa dhufe moo nama biraa dhufe? Mee natti himaa!”
31 他們心中思量說:「若我們說:是從天上來的,他就要說:那麼你們為什麼不信他﹖
Isaanis waliin mariʼatanii akkana jedhan; “Yoo nu, ‘Samii irraa dhufe’ jenne inni immoo, ‘Yoos isin maaliif isa hin amanin ree?’ jedhee nu gaafata;
32 但我們怎敢說:是從人來的呢﹖」──他們是害怕民眾,因為眾人都以若翰實在是一位先知。
Yookaan, ‘Nama biraa dhufe’ jennuu?” jedhan. Sababii namni hundinuu dhugumaan Yohannisin akka raajiitti ilaaleef uummata sodaatan.
33 他們便回答耶穌說:「我們不知道。」耶穌也對他們說:「我也不告訴你們:我憑什麼權柄作這些事。」
Kanaaf isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuus immoo, “Anis taayitaa maaliitiin akkan wantoota kanneen hojjedhu isinitti hin himu” jedheen.

< 馬可福音 11 >