< 瑪拉基書 2 >

1 司祭們! 這是向你們提出的警告:
“Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname.
2 如果你們不聽從,不把光榮我名的事放在心上──萬軍的上主說──我必使詛咒臨到你們身上,使你們的祝福變為詛咒。我已詛咒了,因為中誰也沒有把這事放在心上。
Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.
3 看,我必要砍斷你們的手臂,把糞污,即你們祭牲的糞污,撒在你們的臉上,使你們滿面慚愧。
“Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu.
4 這樣你們便知道,我為你們提出了這警告,是為保存我與肋未所訂立的盟約,──萬軍的上主說。
Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
5 我與他訂立的盟約,是有關生命及平安的盟,所以我賜給了他生命和平安;同時又是敬畏的盟約,所以他敬畏我,對我的名有所尊敬;
“Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate.
6 在他口中有真實教訓,在他脣舌上從不見謊言;他心懷虔誠和正直與我來往,使多人遠離了罪惡。
Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.
7 的確,司祭的脣應保衛智識,人也應該從他的口中得到教訓,因為他是萬軍上主的使者。
“Sababii inni ergamaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu.
8 但是你們卻離棄正道,使許多人在法律上跌倒;你們破壞了我和肋未所立的盟約──萬軍的上主說。
Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
9 為,此我也使你們受全體人民的輕視,因為你們沒有遵行我的道,在施教訓上觀情顧面。
“Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.”
10 我們是共有一個父親嗎﹖不是一個天主造生了我們嗎﹖為什麼我們彼此欺騙褻瀆我們祖先的盟約﹖
Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Waaquma tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree?
11 猶大不守信義,在以色列和耶路撒冷行了醜惡的事,因為猶大褻瀆了上主所愛的聖所,娶了供奉邦神祗的女子。
Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu Waaqayyo jaallatu xureesseera.
12 惟願上主將行這事的人,連証證的人和監誓人,從雅各伯的會幕中剷除,由向萬軍的上主奉獻祭物的集會中剷除。
Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa Waaqayyo isa haa balleessu.
13 其次,你們還行了這件事:你們向上主的祭壇灑盡了眼淚,哭泣呻吟,
Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Waaqayyoo irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus.
14 你們還問:「這是為什麼﹖」是因為上主是你與你青年時所娶的妻子之間的証人。她雖是你的伴侶,是你結盟的髮妻,你道對她不守信義。
Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Waaqayyo siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha.
15 上主不是造了他們成為一體,一個肉身,一個性命嗎﹖為什麼要結為一體﹖是為求得天主的子女;所以應關心你們的性命,對你青年結髮的妻子不要背信。
Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
16 上主以色列的天主說:我憎恨休妻,休妻使人在自己的衣服上沾滿了不義,萬軍的上主聲明說。所以你們當關心你們的性命,不要不守信莪。
“Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha Waaqayyo Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
17 你們的言談使上主生厭,你們還問:「我們在什麼事上使衪生厭﹖」即在你們說:「凡作惡的,在天主眼裏都是善的,而且衪還喜悅他們,」或說:「公義的天主在哪裏﹖」的時候。
Isin dubbii keessaniin Waaqayyoon dadhabsiiftaniirtu. “Nu akkamiin isa dadhabsiifne?” jettaniis gaafattu. “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada” yookaan “Waaqni murtii qajeelaa meerre?” jechuudhaan.

< 瑪拉基書 2 >