< 瑪拉基書 1 >
Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
2 上主說:我愛了你們,而你們卻說:你怎樣愛了我們﹖厄撒烏不是雅各伯的哥哥嗎﹖──上主的斷語──但是我卻愛了雅各伯,
“Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo. “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee,
3 而恨了厄撒烏。我曾使他的山荒涼,使他的產業變為豺狼所住的曠野。
Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
4 如果厄東說:我們雖然被毀滅,但我們必要重建廢墟。萬軍的上主卻這樣說:他們可以重建,但我必加以破壞,人們將稱之為「邪惡的地區,」為「上主永遠憤恨的人民。」
Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu.
5 你們必要親眼看見,並且要說:上主連在以色列境界之外,也顯示了自己的偉大。
Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
6 兒子應孝敬父親,僕人應敬畏主人。但如果我是父親,對我的孝敬在哪裏﹖如果我是主人,對我的敬在哪裏﹖司祭們! 萬軍的上主對你們說:「你們輕視了我的名。」但你們卻說:「我們在什麼事上輕視了你的名﹖」
“Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
7 就在你們以不潔的食物供奉在我的祭壇上。你們又說:「我們在什麼事上玷污了它﹖」就是你們說:「上主的台桌是可輕賤的」的時候。
“Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan.
8 你們將一隻盲目的牲畜獻為犧牲,不是罪過嗎﹖將這樣的禮品,獻給你的市長吧! 看他是否會喜歡,會悅納﹖──萬軍的上主說。
Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
9 現在你們懇求上主開恩,叫衪憐恤我們! 這事既然是你們經手,看衪是否會對你們垂青﹖──萬軍的上主說。
“Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
10 惟願你們中間有人關閉殿門,免得你們在我的祭壇上白白地點火! 我不你們──萬軍的上主說──也不悅納你們經手所獻的祭品,
“Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 因為從日出到日落,我的名在異民中大受顯揚,到處有人為我的名焚香獻祭,並奉獻潔淨的祭品,因為我的名在異民中大受顯揚──萬軍的上主說。
“Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 但你們卻褻瀆了它,即在你們說:「主的台桌是污穢的,上面的食物是可輕賤的」的時候。
“Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu.
13 你們還說:「唉,這是多麼麻煩! 」你們且嗤之以鼻──萬軍的上主說。你們將奪來的,跛腿的和有疾的拿來獻為祭品,我豈能從你們手中悅納﹖──上主說。
‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo.
14 那在家畜群中原有公的,且許了願,卻拿有殘疾的獻給上主的騙子,是可詛咒的! 我是大王──萬軍的上主說:卜名在異民中必受敬畏。
“Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.