< 利未記 3 >
1 若有人奉獻和平祭,如所獻的是牛,應在上主面前獻一頭無瑕的公牛或母牛,
“‘Kennaan nama tokkoo yoo aarsaa nagaa taʼe, namichi sunis karra loonii keessaa horii tokko, korma yookaan dhalaa yoo dhiʼeesse, inni horii hirʼina hin qabne fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
2 先按手在犧牲頭上,後在會幕門口宰了;亞郎的兒子司祭們,將血灑在祭壇四週。
Namichi sun mataa kennaa isaa irra harka isaa haa kaaʼu; balbala dunkaana wal gaʼii durattis haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon luboonni sun dhiiga horii sana iddoo aarsaa sanatti gama hundaan haa facaasan.
3 由和平犧牲中,應取出獻與上主做火祭的是:遮蓋內臟的脂肪,和貼在內臟上所有的脂肪,
Innis aarsaa nagaa irraa aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
4 左右兩腎和兩腎靠腰部的脂肪,以及兩腎一起取出的肝葉。
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼa.
5 亞郎的兒子們應將這一切放在祭壇上的柴火上,同全燔祭犧牲一起焚燒,作為中悅上主的馨香火祭。
Ergasiis ilmaan Aroon waan kana aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhanii iddoo aarsaa irratti aarsaa gubamu kan qoraan bobaʼu irra jiru irratti haa guban.
6 若有人給上主奉獻一隻羊作和平祭犧牲,應奉獻一隻無瑕的公羊或母羊。
“‘Inni yoo bushaayee keessaa horii tokko akka aarsaa nagaatti Waaqayyoof dhiʼeesse, korma yookaan dhalaa hirʼina hin qabne haa dhiʼeessu.
Inni yoo xobbaallaa hoolaa dhiʼeesse, fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
8 先按手在犧牲頭上,後會在會幕前宰了;亞郎的兒子將血灑在祭壇四週。
Namichi sunis mataa kennaa isaa irra harka isaa kaaʼee balbala dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
9 那人由和平祭犧牲中應取出脂肪作獻與上主的火祭:即靠脊骨割下的整個肥尾,遮蓋內臟的脂肪,貼在內臟上所有的脂肪,
Innis aarsaa nagaa sana irraa qalma ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu haa fidu; kunis cooma isaa, duboo isaa kan lafee dugdaatti dhiʼeeffamee kutame hunda, moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
10 左右兩腎和兩腎靠腰部的脂肪,以及兩腎一起取出的肝葉。
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
11 司祭應將這一切放在祭壇上焚燒,有如食物,作為獻與上主的火祭。
Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; nyaanni kunis aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu dha.
12 如果奉獻的祭品是一隻山羊,應將他牽到上主前,
“‘Yoo kennaan isaa reʼee taʼe, inni fuula Waaqayyoo duratti haa dhiʼeessu.
13 先按手在犧牲頭上,後會在會幕前宰了;亞郎的兒子將血灑在祭壇四週。
Namichi sun mataa reʼee sanaa irra harka isaa kaaʼee fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa qalu. Ergasii immoo ilmaan Aroon dhiiga horii sanaa iddoo aarsaa irratti gama hundaan haa facaasan.
14 那人由犧牲中應取出獻與上主作火祭的是:遮蓋內臟的脂肪,貼在內臟上所有的脂肪,
Innis waan dhiʼeessu keessaa kennaa kana kennaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu godhee haa dhiʼeessu; kunis moora miʼa garaa haguuguu fi kan itti maxxanu hunda,
15 左右兩腎和兩腎靠腰部的脂肪,以及兩腎一起取出的肝葉。
kalee lamaanii fi moora isaan irra jiru kan mudhiitti dhiʼaatu, haguuggii tiruu kan namichi kaleedhaan walitti qabee baasu faʼi.
16 司祭應將這一切放在祭壇上焚燒,有如食物,作為中悅上主的馨香火祭。
Lubni sunis waan kana nyaata godhee iddoo aarsaa irratti haa gubu; kunis aarsaa urgaaʼaa ibiddaan dhiʼeeffamuu dha. Coomni hundinuu kan Waaqayyoo ti.
17 一切脂肪應歸於上主。凡是脂肪和血,你們都不可吃:這為你們世世代代,在你們任何所居之地,是一條永久的法令。
“‘Isin cooma tokko illee yookaan dhiiga tokko illee hin sooratinaa; wanni kun lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf jiru keessatti seera hin geeddaramnee dha.’”