< 利未記 23 >
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
2 你告訴以色列子民說:以下是我的節日,是你們應召集聖會的上主節日。安息日
“Akkana jedhiitii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Kunneen ayyaanota koo murtaaʼoo, ayyaanota Waaqayyoo kanneen isin guyyoota wal gaʼii qulqulluu jettanii labsitanii dha.
3 六天工作,但第七天,應是完全休息的安息日,應召集聖會,任何工作都不可做;在你們任何住處,這日是應為上主手的安息日。
“‘Guyyoonni isin hojii itti hojjettan jaʼatu jira; guyyaan torbaffaan garuu sanbata boqonnaa, guyyaa wal gaʼii qulqulluu ti. Isin hojii tokko illee hin hojjetinaa; iddoo isin jiraattan kamitti iyyuu kun sanbata Waaqayyoo ti.
4 以下是上主的節日,你們應依照時期召集聖會:逾越節
“‘Isaan kunneen ayyaanota Waaqayyoo murteeffamoo, waldaawwan qulqulluu isin yeroo isaaniitti labsitanii dha;
Faasiikaan Waaqayyoo galgala bultii kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti jalqabama.
6 這月十五日,應為上主守無酵節,七天之內,應吃無酵餅。
Guyyaa kudha shanaffaa jiʼa jalqabaatti Ayyaana Waaqayyoo kan maxinootu jalqabama; isinis guyyaa torba buddeena raacitii hin qabne nyaadhaa.
Guyyaa jalqabaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.
8 七天內,應給上主奉獻火祭;到第七日,應應召集聖會,任何勞工都不可做。」[春季薦新節]
Bultii torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa. Bultii torbaffaatti wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; hojii idilees hin hojjetinaa.’”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
10 你告訴以色列子民說:幾時你們進入了我賜給你們的地方,在那裡有一收穫,應把你們收穫的第一束交給司祭。
“Akkana jedhii Israaʼelootatti dubbadhu; ‘Yommuu biyya ani isiniif kennutti galtanii oomisha walitti qabdanitti bissii mataa midhaan walitti qabdan sanaa lubatti fidaa.
11 司祭應拿這一束行搖禮獻於上主面前,好為你們獲得悅納;司祭應在安息日的次日行搖禮。
Innis akka bissiin sun fudhatama isiniif argatuuf fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu; lubichis guyyaa Sanbata booddee jirutti haa sochoosu.
12 在你們拿這一束行搖禮的那一天,還應給上主獻一隻一歲無瑕的公羔羊,作全番祭;
Guyyaa bissii sana sochooftanitti, xobbaallaa hoolaa waggaa tokkoo kan hirʼina hin qabne aarsaa gubamu godhaatii Waaqayyoof dhiʼeessaa;
13 同獻應是十分之二「厄法」油調的細麵,作為中悅上主的馨香火祭;再加四分之一」辛「酒,作為奠祭。
kana wajjinis aarsaa midhaanii daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan sukkuumame iifii tokko irraa harka kudhan keessaa harka lama aarsaa urgaaʼaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamuu fi dhibaayyuu daadhii wayinii iinii tokko irraa harka afur keessaa harka tokko dhiʼeessaa.
14 直到那一天,即直到你們給你們的天主奉獻祭品的一天,你們不可吃新麥做的餅烤的或新鮮的麥穗:這為你們世世代代,在任何住處,是一永久法令。[五旬節]
Isin hamma gaafa kennaa kana Waaqayyoof dhiʼeessitanitti buddeena yookaan akaayii yookaan asheetii hin nyaatinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
15 從你們獻麥束行搖禮的安息日的次日,應計算整個七星期,
“‘Guyyaa Sanbata booddee jiru, gaafa bissii aarsaa sochoofamu fiddanii jalqabaatii torbanoota torba guutuu lakkaaʼaa.
16 即直到第七個安息日後的次日,共計五十天,那天應給上主奉獻薦新的素祭。
Hamma guyyaa Sanbata torbaffaa booddee jiruutti guyyaa shantama lakkaaʼaa; ergasii immoo aarsaa midhaan haaraa Waaqayyoof dhiʼeessaa.
17 由你們的住處帶來兩個行搖禮的餅,每個用十分之二」厄法「的發酵細麵烤成,獻與上主作初熟之祭。
Iddoo jiraattan hundatti buddeena lama kan daakuu bullaaʼaa iifii tokkoo irraa harka kudhan keessaa harka lamaa kan raacitiin itti makamee tolfame kennaa hangafa kan sochoofamu godhaatii Waaqayyoof fidaa.
18 餅以外,還應奉獻七隻一歲無瑕的公羔羊,一頭公牛犢和兩隻公綿羊,作獻與上主的全番祭;還有同奉獻的素祭和奠祭,作為中悅上主的馨香火祭;
Buddeena kana wajjinis xobbaallaawwan hoolaa torba kanneen hirʼina hin qabnee fi kanneen waggaa tokko tokkoo, dibicha tokkoo fi korbeeyyii hoolaa lama dhiʼeessaa. Isaanis aarsaa midhaan isaaniitii fi aarsaa dhibaayyuu isaanii wajjin Waaqayyoof aarsaa gubamu taʼu; kunis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti toluu dha.
19 還應獻一之公山羊作贖罪祭,兩隻一歲的公羔羊作和平祭。
Ergasiis aarsaa cubbuutiif korma reʼee tokko akkasumas xobbaallaa hoolaa lama kanneen waggaa tokko tokkoo aarsaa nagaatiif qalaa.
20 司祭應拿這兩隻公羔羊同初熟祭的餅,上主面前行奉獻的搖禮;這是屬於上主的聖物,應歸於司祭。
Lubni immoo xobbaallaa hoolaa sana lamaan aarsaa sochoofamu godhee buddeena jalqabaa wajjin fuula Waaqayyoo duratti haa sochoosu. Isaan kunneenis kan Waaqayyoof qulqulleeffamanii dha; qooda lubootaatis.
21 在這一日,你們應召集聖會,任何勞工也不可做:這為你們世世代代,在任何住處,是一永久法令。
Isin gaafuma sana wal gaʼii qulqulluu labsaa; hojii idilees hin hojjetinaa. Kunis iddoo isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
22 你們收擱在你們地內的莊稼時,你不可割到地邊;收穫後剩下的穗子,不可再拾,應留給窮人和外方人:我,上主是你們的天主。[新年節]
“‘Yommuu oomisha lafa keessanii walitti qabdanitti hamma qarqaraatti hin haaminaa yookaan qarmii isaa hin funaaninaa; waan kana hiyyeeyyii fi alagootaaf hambisaa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
24 你告訴以色列子民說:七月初一,為你是完全休息的日子,應吹號角,召集聖會,
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Isin guyyaa jalqaba jiʼa torbaffaatti sanbata boqonnaa qabaadhaa; yaaʼii qulqulluu sagalee malakataatiin ayyaaneffamus qabaadhaa.
25 任何勞工都不可做,應給上主獻一火祭。[贖罪節]
Aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa malee hojii idilee hin hojjetinaa.’”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
27 還有七月初十是贖罪節,是你們應召集聖會的日子,要克己苦身,並給上主獻一火祭。
“Guyyaan kurnaffaan jiʼa torbaffaa guyyaa araarri buʼuu dha. Wal gaʼii qulqulluu qabaadhaa; gad ofi deebisaa; Waaqayyoofis aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu dhiʼeessaa.
28 這一天,任何工作都不可做,因為是贖罪節,應在你們的上主天主面前,為你們自己行贖罪祭。
Sababii guyyaan sun Guyyaa Araarri Buʼu, yeroo itti fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti araarri isiniif buʼu taʼeef hojii tokko illee hin hojjetinaa.
Namni gaafuma sana gad of hin deebifne kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.
30 這一天凡做任何工作的人,我必由民間消滅這人;
Nama gaafa sana hojii tokko illee hojjetu kam iyyuus ani saba isaa gidduudhaa nan balleessa.
31 任何工作不可做:這為你們世世代代,在任何住處,是一永久法令。
Isin hojii tokko iyyuu hin hojjetinaa. Kunis lafa isin jiraattan hundatti dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu.
32 這是你們應完全休息的安息日,應克己苦身。這月初九傍晚,到次日傍晚,你們應守這安息日。「帳棚節
Kun isiniif sanbata boqonnaa ti; isinis gad of deebisuu qabdu. Galgala bultii saglaffaa jiʼa sanaatii jalqabaatii hamma galgala itti aanutti sanbata keessan ayyaaneffadhaa.”
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
34 「你告訴以色列子民說:七月十五是帳棚節,應為上主舉行七天:
“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatti Ayyaana Dunkaana Qulqulluu Waaqayyootu jalqabama; kunis bultii torba tura.
Guyyaan jalqabaa wal gaʼii qulqulluu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
36 七天之久,應給上主獻火祭;到第八天,又應召集聖會,給上主獻火祭;這天是盛大集會的日子,任何勞工都不可做。
Guyyaa torba aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; guyyaa saddeettaffaatti immoo wal gaʼii qulqulluu godhadhaatii aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu dhiʼeessaa; kun guyyaa wal gaʼiin qulqulluun itti xumuramuu dha; hojii idilees hin hojjetinaa.
37 以上是上主的節日,你們應召集聖會,照每日得規定給上主獻火祭、全番祭、素祭、祭獻和奠祭;
“‘Kunneen ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo isin aarsaa ibiddaan Waaqayyoof dhiʼeeffamu, aarsaa gubamu, aarsaa midhaanii, qalmaa fi dhibaayyuu guyyaa kamiif iyyuu barbaachisu dhiʼeessuuf wal gaʼiiwwan qulqulluu itti labsitanii dha.
38 此外,還有在上主的安息日,你們獻於上主的禮品、還願祭和自願祭。
Aarsaawwan kunneen kennaawwan isin Sanbata Waaqayyootiif dhiʼeessitanii fi kennaawwan keessan, kennaawwan wareega keessanii fi kennaawwan isin fedhiidhaan kennitan hunda irratti dabaltanii Waaqayyoof fiddanii dha.
39 七月十五日,你們收了那地方的出產,應七天舉行上午的節期:第一天和第八天應完全休息。
“‘Erga oomisha lafa keessanii walitti qabdanii booddee bultii kudha shanaffaa jiʼa torbaffaatii jalqabaatii bultii torba Waaqayyoof ayyaana ayyaaneffadhaa; guyyaan jalqabaa sanbata boqonnaa ti; guyyaan saddeettaffaanis akkasuma sanbata boqonnaa ti.
40 第一天,你們應拿著樹木結的美果、棕旅樹枝、葉密的大樹枝和溪邊的柳條;如此七天之久,應在上主你們的天主面前喜樂。
Guyyaa jalqabaa ija muka gaarii, damee meexxii, damee muka baala qabuutii fi alaltuu qabadhaatii guyyaa torba fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti gammadaa.
41 你們每年應七天之久舉行這上主的節日,且應在七月舉行這節日:這為你們世世代代是一永久的法令。
Wagguma waggaan ayyaana Waaqayyoo guyyaa torba ayyaaneffadhaa. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu; jiʼa torbaffaattis isa ayyaaneffadhaa.
42 七天之久,你們應住在帳棚內,凡以色列公民,都應住在帳棚內,
Bultii torba daasii keessa turaa; dhalataan Israaʼel hundinuu daasii keessa haa turu;
43 好叫你們的後代知道,當我領以色列子民出離埃及國的時候,曾使他們住在帳棚內:我,上主是你們的天主。」
ijoolleen keessanis akkasiin akka ani yeroo biyya Gibxiitii Israaʼeloota baasetti daasii keessa isaan turse ni beeku. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.’”
Museenis ayyaanota Waaqayyoo murtaaʼoo Israaʼelootatti labse.