< 耶利米哀歌 3 >
Namni ulee dheekkamsa isaatiin rakkina arge anaa dha.
Inni fuula isaa duraa na ariʼee akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
dhugumaan inni guyyaa guutuu, ammumaa amma harka isaa natti deebise.
Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera; lafee koo illee caccabseera.
Inni na marsee hadhaaʼummaa fi gidiraa natti naannesseera.
Akkuma warra dur dhumanii akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.
Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare; foncaa ulfaatus natti feʼe.
Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
Karaa koo dhagaa soofameen cufe; daandii koo illee ni jalʼisa.
10 上主之於我,像是一隻潛伏的狗熊,是一頭藏匿的獅子,
Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu, akkuma leenca dhokatee jiruu
daandii irraa na harkisee na ciccire; kophaatti na gate.
Inni iddaa isaa luqqifatee xiyya isaa natti qabe.
Korojoo isaa keessaa xiyya baasee onnee koo waraane.
Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe; isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise; hadhooftuu illee na quubse.
Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse; awwaara keessattis na dhidhiite.
17 他除去了我心中的平安,我已經忘記了一切幸福;
Ani nagaa nan dhabe; gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
18 於是我說:「我的光榮已經消逝,對上主的希望也已經幻滅。」
Kanaafuu ani “Ulfinni koo, abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.
Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo, hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi; na keessattis gad of qabdi.
Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha; kanaafuu ani abdii qaba.
Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu; gara laafinni isaa hin dhumuutii.
Isaan ganama hunda haaraa dha; amanamummaan kees guddaa dha.
24 我心中知道:上主是我的福分;因此,我必信賴他。
Anis, “Waaqayyo qooda koo ti; kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
Waaqayyo warra isa abdataniif, kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
Fayyisuu Waaqayyoo calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
Yeroo dargaggummaa isaatti waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.
Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu; Waaqayyo isa baachiseeraatii.
Amma illee abdiin ni jira taʼaatii, inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu; salphinaanis haa guutamu.
Gooftaan bara baraan nama hin gatuutii.
32 縱使懲罰,他必按照自己豐厚的慈愛,而加以憐憫。
Inni gadda fidu illee garaa ni laafa; jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
Inni itti yaadee rakkina yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi miilla jalatti dhidhiitaman,
yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti mirgi nama tokkoo dhiibamu,
yommuu murtiin qajeelaan dhabamu, Gooftaan waan akkasii hin arguu?
Yoo Gooftaan ajajuu baate eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
Wanni hamaanii fi wanni gaariin afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu maaliif yommuu cubbuu isaatiif adabamutti guunguma ree?
Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu; gara Waaqayyoottis haa deebinu.
Nu onnee keenyaa fi harka keenya gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
“Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras; atis nuuf hin dhiifne.
43 你藏在盛怒之中,追擊我們,殺死我們,毫不留情。
“Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite; gara laafina malees nu fixxe.
Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef ati duumessaan of haguugde.
Ati saboota gidduutti xurii fi kosii nu goote.
“Diinonni keenya hundinuu, afaan nutti banataniiru.
Sodaa fi kiyyoon, diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
48 為了我女兒──人民的滅亡,我的眼淚湧流如江河。
Sababii uummanni koo barbadaaʼeef lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.
Iji koo boqonnaa malee utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
kunis hamma Waaqayyo ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.
Warri sababii malee diina natti taʼan akkuma simbiraa na adamsan.
Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii dhagaa natti garagalchuu yaalan;
bishaan mataa koo irra gara gale; anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.
Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa maqaa kee nan waammadha.
56 你曾俯聽過我的呼聲,對我的哀禱,不要掩耳不聞。
Ati kadhannaa koo kan, “Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
57 在我呼號你的那一天,願你走近而對我說:「不要害怕! 」
Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee “Hin sodaatin” naan jette.
Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite; lubbuu koos ni baraarte.
Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta; dubbii koo naa ilaali!
Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi natti malachuu isaanii hundas argiteerta.
Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
62 你也聽見了反對我者的誹謗,和他們終日對我的企圖。
kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
63 你看! 他們或坐或立,我始終是他們嘲笑的對象。
Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii weedduu isaaniitiin natti qoosu.
Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
Onnee isaanii haguugi; abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
66 上主,求你憤怒地追擊他們,將他們由普天之下除掉。
Samiiwwan Waaqayyoo jalaa dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.