< 士師記 7 >
1 耶魯巴耳即基德紅和所有跟隨他的民眾一早起身,在哈洛得泉安營;米德楊的營幕就在他們北面,在摩勒山腳的平原裏。
Yerub-Baʼaal namichi Gidewoon jedhamu sunii fi namoonni isaa hundi ganama kaʼanii burqaa Harood bira qubatan. Qubanni Midiyaanotaa iddoo namoonni Gidewoon qubatan sanaan karaa kaabaatiin gaara Mooree bira sulula keessa ture.
2 上主對基德紅說:「跟隨你的民眾太多,我不能把米德楊交在他們手中,免得以色列對我自誇說:是自己的能力救了自己。
Waaqayyos Gidewooniin akkana jedhe; “Akka ani Midiyaanota dabarsee harka isaaniitti hin kennineef Israaʼeloonni si wajjin jiran akka male baayʼee dha. Akka sabni Israaʼel, ‘Jabina kootu na oolche’ jedhee natti hin koorreef,
3 現在你要向民眾宣告說:凡害怕恐懼的可以回去,急速離開這裏。」於是民眾中有二萬二千回去,只剩下一萬人。
‘Namni sodaatee hollate kam iyyuu Tulluu Giliʼaad dhiisee gara mana isaatti haa deebiʼu’ jedhiitii amma sabatti himi.” Kanaafuu namoonni kuma digdamii lama deebiʼanii kuma kudhan achitti hafan.
4 上主又對基德紅說:「民眾還是太多;領他們下到水邊去,我要在那裏為你檢驗他們。凡我告訴你說:這人可同你去,他就與你同去;凡我告訴你說:這人不可同你去,他就不可去。」
Waaqayyo garuu Gidewooniin akkana jedhe; “Amma iyyuu namoota baayʼeetu jira. Isaan fudhadhuutii gara bishaaniitti gad buʼi; ani achitti isaan gargari siif foʼa. Yoo ani, ‘Inni kun si wajjin ni deema’ jedhe, inni ni deema; yoo ani, ‘Inni kun si wajjin hin deemu’ jedhe garuu inni hin deemu.”
5 他就引民眾下到水邊;上主向基德紅說:「凡用舌頭舔水像狗舔水似的,將他們安置在一處;同樣,凡屈膝跪下飲水的,將他們安置在一處。」
Kanaafuu Gidewoon namoota gara bishaaniitti gad buuse. Waaqayyos achitti, “Warra akkuma sareetti arrabaan bishaan dhugan, warra jilbeenfatanii dhugan irraa gargari baasi” isaan jedhe.
6 用手捧到嘴邊舔水的共有三百人;其餘民眾都是屈膝跪下喝水。
Namoonni dhibba sadii konyee isaaniitiin waraabbatanii dhugan. Warri hafan hundi garuu dhuguuf jilbeenfatan.
7 上主對基德紅說:「我要用這三百舔水的人拯救你們,把米德楊交於你手中。讓其餘的民眾各回本地去。」
Waaqayyo Gidewooniin, “Ani namoota harka isaaniitiin dhugan dhibba sadan kanaan si furee Midiyaanota dabarsee harka keetti nan kenna. Warri kaan hundi gara qeʼee isaaniitti haa deebiʼan” jedheen.
8 基德紅便留下民眾的罐子和號角,打發眾以色列人各回自己的帳幕,只留下三百人。米德楊的營幕就在他們下面的平原裏。基德紅巧取米德楊營
Kanaafuu Gidewoon akka Israaʼeloonni hafan hundi gara dunkaana isaaniitti deebiʼan godhee namoota dhibba sadan garuu turfate; isaanis warra kaan irraa galaa fi malakata fudhatan. Qubanni Midiyaanotaas Gidewooniin gad sulula keessa ture.
9 當夜上主對他說:「起來,下去攻營! 我已將敵營交在你的手中了。
Halkanuma sana Waaqayyo Gidewooniin akkana jedhe; “Kaʼiitii qubata sanatti gad buʼi; ani dabarsee harka keetti siifin kennaatii.
10 如果你一人害怕下去,可帶你的隨從普辣一起下到營幕,
Ati yoo gad buʼuu sodaatte garuu tajaajilaa kee Fuuraa wajjin gara qubata sanaatti gad buʼiitii
11 聽他們說什麼;以後你的手就會堅強,敢下去攻營了。」於是他和他的隨從普辣便下去,來到營中駐軍的前哨。
waan isaan dubbachaa jiran dhagaʼi. Sana booddee qubata sana rukutuudhaaf jabina ni argatta.” Kanaafuu innii fi tajaajilaan isaa Fuuraan gara moggaa qubata sanaatti gad buʼan.
12 那時米德楊、阿瑪肋克和東方的子民都散佈在平原裏,多如蝗蟲;他們的駱駝不可勝數,多如海邊的沙粒。
Midiyaanonni, Amaaleqoonnii fi namoonni baʼa biiftuutii dhufan hundi akkuma hoomaa hawwaannisaa walitti gobbatanii sululicha keessa qubatanii turan. Baayʼinni gaalawwan isaaniis akkuma cirracha qarqara galaanaa lakkoobsa hin qabu ture.
13 基德紅來到時,正有一個人給他的同伴講夢說:「我作了一個夢:有一個大麥麵餅滾入米德楊營內,直滾向帳幕,將帳幕撞倒:翻轉朝上。」
Gidewoonis utuu namichi tokko waaʼee abjuu isaa michuu ofii isaatti himuu achi gaʼe. Namichi sunis akkana jedhe; “Ani abjuu tokko nan abjoodhe; kunoo maxinoon garbuu tokko gangalachaa dhufee qubata Midiyaanotaa irra buʼe. Innis dhufee akka dunkaanni jiguuf humnaan dhaʼe; dunkaanni sunis ni kufe.”
14 他的同伴回答說:「這不是別的,這是以色列人約阿士的兒子基德紅的刀劍;天主已把米德楊及其全營交於他手中。」
Michuun isaas deebisee, “Kun goraadee Gidewoon ilma Yooʼaash Israaʼelichaati malee waan biraa miti. Waaqnis Midiyaanotaa fi guutummaa qubata sanaa dabarsee harka Gidewoonitti kenneera” jedhe.
15 基德紅一聽見這夢的敘述和解釋,就朝拜天主;然後回到以色列營中說:「起來! 因為上主已將米德楊的營幕交在你們手中了。」
Gidewoon yommuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa dhagaʼetti Waaqaaf sagade. Gara qubata Israaʼelootaattis deebiʼee, “Kaʼaa! Waaqayyo qubata Midiyaanotaa dabarsee harka keessanitti kenneeraa” jedhe.
16 他於是把三百人分作三隊,把號角和空罐子交在每人手中,把火把放在罐子裏;
Innis namoota dhibba sadan garee sadiitti qooduudhaan, harka hunda isaaniitti malakataa fi okkotee guci keessa jiru qabachiise.
17 然後吩咐他們說:「你們看我怎樣行,你們便怎樣行;一到營幕邊上,我怎樣作,你們也要怎樣作。
Gidewoonis akkana isaaniin jedhe; “Na ilaalaa; waan ani hojjedhus hojjedhaa; yommuu ani qarqara qubatichaatti dhiʼaadhutti qalbeeffadhaatii waanuma ani godhu godhaa.
18 當我與跟隨我的人吹號角時,你們也應該在營幕四周吹號角,並且喊叫;為上主,為基德紅! 」
Yeroo anii fi warri na wajjin jiran hundii malakata keenya afuufnutti, isinis naannoo qubatichaa hundatti afuufaatii, ‘Waaqayyoof, Gidewooniifis’ jedhaa iyyaa.”
19 在三更之初,當哨兵換防的時候,基德紅領著他那一百人來到營幕邊上,吹起號角來,打破手中的罐子。
Gidewoonii fi namoonni isa wajjin turan dhibbi sun akkuma waardiyyoonni wal geeddaraniin jalqaba eegumsa walakkaa halkaniitti qarqara qubata sanaa bira gaʼan. Isaanis malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan.
20 同時三隊一齊吹號角,打破罐子,左手拿著火把,右手拿著號角吹,並喊叫說:「刀劍為上主,為基德紅! 」
Gareen sadanuu malakata isaanii afuufanii okkotee harka isaanii jiru caccabsan. Harka bitaatti guca, harka mirgaatti immoo malakata afuufan qabatanii, “Goraadee Waaqayyootii fi Gidewoon!” jedhanii iyyan.
21 眾人都在營幕四周,各站在自己的地方。那時敵營驚醒,亂喊亂竄。
Tokkoon tokkoon namaas naannoo qubatichaatti iddoo kennameef qabate; Midiyaanonni hundis iyyaa baqatan.
22 當那三百人吹號角的時候,上主使敵營互相撕殺。以後朝著責勒達逃往貝特史大,直到面對塔巴特的阿貝耳默曷拉。米德楊慘敗
Yeroo malakanni dhibbi sadan sun afuufametti Waaqayyo akka namni qubata sana keessa ture tokko tokkoon goraadee isaa walitti luqqifatu godhe; raayyaan waraanaas karaa Zereeraatiin gara Beet Shiixaatti, isa biras darbanii hamma daarii Abeel Mehoolaa ishee Xabaati bira jirtu sanaatti baqatanii deeman.
23 那時以色列人從納斐塔里、阿協爾和默納協全地集合,追趕米德楊。
Israaʼeloonnis Niftaalem, Aasheerii fi Minaasee hundumaa keessaa waamanii Midiyaanota of dura ariʼan.
24 基德紅又打發使者到全厄弗辣因山地說:「請下來攻打米德楊人,在他們前佔據約但河的渡口,直到貝特巴辣。」全厄弗辣因人就集合,佔據了約但河的渡口,一直到貝特巴辣。
Gidewoonis guutummaa biyya gaaraa Efreemitti ergamoota ergee, “Kottaa Midiyaanotatti duulaatii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos isaan dursaatii qabadhaa” jedhe. Kanaafuu namoonni Efreem hundi baʼanii bishaanota hamma Beet Baaraatti jiranii fi laga Yordaanos qabatan.
25 他們捉住了米德楊的兩個領袖,即敖勒布和則厄布,在敖勒布石上把敖勒布殺死,在則厄布醡酒池裏把則厄布殺死;以後繼續追趕米德楊人,並把敖勒布和則厄布的頭送到約但對岸基德紅跟前。
Akkasumas hooggantoota Midiyaanotaa lamaan jechuunis Hereebii fi Zeʼeebin qabatan. Hereeb kattaa Hereeb biratti Zeʼeeb immoo iddoo wayinii itti cuunfan kan Zeʼeebiitti ajjeesan. Isaanis Midiyaanota ariʼanii mataa Hereebii fi mataa Zeʼeeb gara gama laga Yordaanos Gidewoonitti fidan.