< 約書亞記 23 >

1 以後上主使以色列同四周敵人平安無事,這樣過弓很長的時間,若蘇厄已年老,上了年紀,
Erga barri dheeraan darbee Waaqayyos diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome;
2 便將全以色列人,他們的長老、首領、判官和官長召來,對他們說:「我已年老,上了年紀
innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera.
3 你們都親眼見了上主你們的天主,為了你們對有的民族所做的一切;因為是上你們的天主在替你們作戰。
Isin mataan keessanuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Waaqayyo Waaqa keessantu isiniif lole.
4 你們看,我己用抽籤方式,將由約旦河起,直到日落之處的大海之間,所消滅和所剩下的各民族的土地,按照你們各支派,都分了你們作產業。
Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa.
5 上主你們的天主入將他們由你們面前趕走,使他們離開你們,叫你們承受他們的土地,一如上主你們的天主向你們所應許的。
Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Waaqayyo Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.
6 因此,你們要更忠實謹守奉行梅瑟法律書上所記載的一切,不可偏左偏右,
“Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa.
7 不可與你們中間的異族往來,不可提起你們的神名,不可指著他們起誓,不可事奉那些神袛,也不可在你們面前跪拜。
Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa.
8 反之,你們應依照你們直到到今天所行的,依附上主你們的天主,
Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Waaqayyo Waaqa keessanitti maxxanaa.
9 因為是上主從你們中間趕走了那些強大的異族,直到今天,沒有人能抵抗你們,
“Waaqayyo saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye.
10 你們一人能趕走千人,是因為上主你們的天主,照衪所應許的,親自為你們作戰。
Sababii Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa.
11 你們要盡心盡力,愛慕上主你們的天主。
Kanaafuu Waaqayyo Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa.
12 如果你們背棄上主,依戀你們中間所剩餘的異族,同他們結婚,互相往來,
“Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan,
13 你們就當知道,上主你們的天主必不從你們面前,趕走這個異族,你們必將成為你們的羅網和陷阱,打你們腰的鞭子,扎你們眼的芒刺,直到從上主你們的天主所賜給你們的這福地上,全被消滅。
akka Waaqayyo Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
14 看我今天就要走世人必走的路,你們要一心一意地承認,上主你們的天主應許所賜給你們的話,沒有一句落空。
“Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
15 上主你們的天主對你們所應許的一切幸福,怎樣實行在你們身上,直到將你們從上主你們天主所賜與你們的這土地上消滅。
Garuu akkuma waadaan gaariin Waaqayyo Waaqa keessanii hundi guutame sana, Waaqayyo akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida.
16 如果你們違犯上主你們的天主與你們訂立的盟約,去事奉敬其他的神,上主必向你們大發忿怒,使你們迅速從你們的福地上消滅。
Yoo isin kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.”

< 約書亞記 23 >