< 約伯記 35 >

1 厄里烏又接著說:
Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:
2 你說過:「我在天主前是正義的。」你想這話合理嗎﹖
“Ati waan kana qajeelaa seetaa? Ati, ‘Ani fuula Waaqaa duratti qajeelaa dha’ jetta.
3 你還說過:「這與你何干﹖我若犯罪,我對你做了什麼﹖」
Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba? Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.
4 我今答覆你,以及和你在一起的友人。
“Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif deebii kennuu nan barbaada.
5 請你仰視上天,且要靜觀,細看高於你的蒼天。
Ol jedhiitii samiiwwan ilaali; duumessoota siin ol jiranis argi.
6 你若犯罪,為他有什麼害處﹖你若作惡多端,又能加害他什麼﹖
Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita? Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?
7 如果你為人正義,為他又有何益﹖或者他由你手中獲得什麼﹖
Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita? Yookaan inni harka kee irraa maal argata?
8 你的惡行只能加害與你類似的人,你的正義也只能有益於世人。
Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha; qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.
9 人因受暴虐過甚,必要哀號;因受強權的壓迫,必要呼籲。
“Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu; irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.
10 但是沒有人說:「那造成我們,使人夜間歡唱,
Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu; ‘Waaqni Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,
11 使我們比地上的走獸更聰明,使我們比天上的飛鳥更有智慧的天主在那裏﹖」
kan bineensota lafa irraa caalaa beektota, simbirroo samii caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’
12 他們雖呼喊,天主卻不答應,這是因為惡人傲慢的原故。
Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.
13 他們空喊亂叫,天主決不俯聽,全能者決不垂視。
Dhugumaan Waaqni iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.
14 何況你說過:「你看不見他;但你的案件已放在他面前,你應等待他!」
Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira; ani isa eeggachaan jira; garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette, inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!
15 你還說過:「他沒有發怒施罰,似乎不很理會罪過。」
Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef, sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,
16 的確,約伯開口盡說空話;由於無知,說了許多妄言。
Iyyoob oduu faayidaa hin qabneen afaan bana; beekumsa malees dubbii baayʼisa.”

< 約伯記 35 >