< 約伯記 30 >

1 但現今年紀小於我的人,都嘲笑我;這些人的父親,我都不屑於列在守我羊群的狗中。
“Amma garuu warri umuriidhaan naa gadii, kanneen ani abbootii isaanii saroota hoolota koo tiksitu wajjin iyyuu madaaluu tuffadhe, kunoo natti qoosu.
2 他們的精力已經喪失,他們手臂的力量,對我還有何用﹖
Warra humna dhaban, jabinni irree isaanii maal na fayyada?
3 他們因貧乏和饑饉而消瘦,咀嚼曠野裏的草根,以及荒山野嶺所生的荊棘。
Isaan rakkinaa fi beelaan laafan; lafa gogaa keessa, gammoojjii namni keessa hin jiraanne keessa halkaniin jooran.
4 他們由叢莽中採取鹹菜,以杜松根做自己的食物。
Daggala keessaa biqiltuu soogiddaa funaannatan; nyaanni isaaniis hidda mukaa kan hin miʼoofne ture.
5 人將他們由人群中逐出,在他們後面喊叫有如追賊;
Isaan namoota gidduudhaa ariʼaman; namoonnis akkuma waan hattuutti iyyaniitti itti iyyan.
6 他們只得避居於深谷,住在山洞和岩穴中;
Isaan akka laga gogaa keessa, kattaa gidduu fi boolla lafaa keessa jiraataniif dirqamaman.
7 在荊棘叢中哀歎,在葛藤下蝟縮。
Bosona keessatti ni halaaku; daggala keessattis walitti tuutaʼu.
8 這些人都是流氓的後代,都是無名氏之子孫,由本國驅逐境外的。
Isaan gowwoota maqaa hin qabne, kanneen biyyaa ariʼaman turan.
9 但現今我竟成了他們的歌謠,做了他們的話柄。
“Amma ilmaan isaanii sirba natti baafatan; ani isaan gidduutti waan kolfaa taʼeera.
10 他們因憎惡我而遠離我,竟任意向我臉上吐唾沫。
Isaan xireeffatanii narraa fagaatan; fuula kootti tufuu irraas duubatti hin deebiʼan.
11 他們解開了韁繩以攻擊我,在我面前除掉了轡頭。
Sababii Waaqni iddaa koo laafisee gad na deebiseef, isaan fuula koo duratti luugama baafatan.
12 下流之輩在我右邊起來,向我投擲石頭,築成一條使我喪亡的路。
Karaa mirga kootiin addaggeewwan kaʼaniiru; miilla kootiif kiyyoo kaaʼaniiru; biyyoos akka dallaa natti naannessan.
13 他們破壞了我的道路,使我跌仆,卻沒有人阻止他們。
Isaan karaa koo natti cufu; na galaafachuufis ni milkaaʼu; namni isaan dhowwu tokko iyyuu hin jiru.
14 他們由寬大的缺口進入,輾轉於廢墟之中。
Akkuma nama qaawwa balʼaan dhufuutti, ona diigamaa keessa gangalachaa natti dhufu.
15 恐怖臨於我身,我的尊榮如被風吹散,我的救恩如浮雲逝去。
Sodaan na liqimseera; ulfinni koo akkuma waan bubbeedhaan fudhatamuutti narraa fudhatameera; badhaadhummaan koos akkuma duumessaa bada.
16 現今我的心神已頹廢,憂患的日子不放鬆我。
“Amma lubbuun koo na keessatti dhumteerti; barri rakkinaas na qabateera.
17 夜間痛苦刺透我骨,我的脈絡都不得安息。
Halkan keessa lafeen koo ni waraanama; dhukkubbiin na nyaatus natti hin furu.
18 天主以大力抓住我的衣服,握緊我長衣的領口,
Waaqni humna jabaadhaan uffata koo qabeera; akkuma morma wayyaa kootti hudhee na qabeera.
19 將我投入泥中,使我變成灰土。
Inni darbatee dhoqqee keessa na buusa; anis akkuma biyyoo fi daaraa taʼeera.
20 天主啊! 我向你呼號,你不回答我;我立起來,你也不理睬我。
“Yaa Waaqi, ani sitti nan iyyadha; ati garuu deebii naa hin kennitu; ani nan dhaabadha; ati garuu calʼistee na ilaalta.
21 你對我變成了暴君,用你有力的手迫害我。
Ati gara jabinaan natti garagalta; irree kee jabaadhaanis na dhoofta.
22 你將我提起,乘風而去,使我在狂風中飄搖不定。
Ol na buttee fuula bubbee dura na oofta; bubbee hamaa keessas asii fi achi na aata.
23 我知道你要導我於死亡,到眾生聚集的家鄉。
Ani akka ati gara duʼaatti, gara mana warra lubbuun jiraatan hundaaf ramadameetti na geessitu nan beeka.
24 若窮人遇到不幸向我求救,我豈不伸手去援助他﹖
“Dhuguma iyyuu yeroo inni rakkatee gargaarsa barbaachaaf iyyutti, namni harka isaa isa irra kaaʼu tokko iyyuu hin jiru.
25 他人遭難,我豈沒有流淚﹖人窮乏,我的心豈沒有憐憫﹖
Ani warra rakkina keessa jiraniif hin boonyee? Lubbuun koos hiyyeeyyiif hin gaddinee?
26 我希望幸福,來的卻是災禍;我期待光明,黑暗反而來臨。
Garuu utuu ani waan gaarii abdadhuu, wanni hamaan natti dhufe; utuu ani ifa eeggadhuus, dukkanni natti dhufe.
27 我內心煩惱不安,痛苦的日子常臨於我。
Keessi koo jeeqamaa jira; gonkumaa hin qabbanoofne; barri gidiraas natti dhufeera.
28 我憂悶而行,無人安慰我,我要在集會中起立喊冤。
Ani jajjabina dhabee asii fi achi deemee nan booʼa; waldaa keessa dhaabadhees gargaarsaaf nan iyya.
29 我成了豺狼的兄弟,成了駝鳥的伴侶。
Ani obboleessa waangoo, michuu urunguus taʼeera.
30 我的皮膚變黑,我的骨頭因熱灼焦,
Gogaan koo gurraachaʼee qolli irraa kaʼeera; dhagni koos hoʼaan bobaʼeera.
31 我的琴瑟奏出哀調,我的簫笛發出哭聲。
Baganaan koo booʼichaaf, ululleen koo immoo sagalee iyyaatiif qopheeffameera.

< 約伯記 30 >