< 約伯記 17 >

1 我的氣息已斷,壽命已盡,而且墳墓已為我做好。
Hafuurri koo dadhabeera; barri koo gabaabbateera; awwaallis naa qopheeffameera.
2 我豈不是成了笑罵的對象﹖我的眼睛豈不是在酸苦中過夜﹖
Dhugumaan qoostonni na marsaniiru; iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.
3 求你將我的抵押放在你那裏! 誰還敢與我擊掌作保﹖
“Yaa Waaqi, qabsiisa naa taʼi; si malee eenyutu wabii naa taʼa?
4 因為你蒙蔽了他們的心,不叫他們明白,他們纔不敢舉起手來。
Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta; kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.
5 人請自己的朋友分享所有,但自己的子女卻餓的眼目昏花。
Yoo namni tokko faayidaa argachuuf michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.
6 我成了人民取笑的資料,人人在我臉上可吐唾沫。
“Waaqni nama hunda biratti nama kolfaa, nama namni fuula isaatti tufu na godheera.
7 我的眼睛因愁悶而昏花,我的肢體消失有如蔭影。
Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe; dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.
8 正直人因此而驚異,無罪者憤起攻擊惡人。
Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu; namni balleessaa hin qabnes warra Waaqatti hin bulle irratti kaʼa.
9 義人堅持自己的道,手淨的人倍增勇氣。
Qajeelaan garuu karaa isaatti cima; warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.
10 你們眾人,請你們再回來,但在你們中我找不到一個智者。
“Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa! Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.
11 我的時日已過去,我志所謀,我心所愛,都已落空。
Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera; hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.
12 他們將黑夜變為白天,使光明靠近黑暗;
Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru; utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.
13 若是我還有希望,即以陰府為我的家;在憂暗之處,舖設我的床榻。 (Sheol h7585)
Yoo manni ani abdadhu awwaala qofa taʼe, yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe, (Sheol h7585)
14 我對墓穴說:你作我父! 對蛆蟲說:你作我母,我妹!
yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’ raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’ yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,
15 我的希望究在何處﹖我的幸福,有誰注意﹖
egaa abdiin koo eessa jira? Eenyutus abdii tokko illee naa arga?
16 這一切只有和我一同降入陰府,一同安息在灰塵中。 (Sheol h7585)
Inni na wajjin awwaala buʼaa? Nus walumaan biyyoo seennaa?” (Sheol h7585)

< 約伯記 17 >