< 約伯記 12 >
Iyyoob akkana jedhee deebise:
2 的確,只有你們是有知識的子民;那麼,你們一死,智慧也與你們一同喪亡!
“Nama jechuun dhugumaan isin; ogummaanis isin wajjin duuti!
3 其實,我和你們有同樣的心理,我並不亞於你們! 誰不知道這些事﹖
Garuu anis akkuma keessan sammuun qaba; ani isinii gad miti. Namni waan akkanaa hin beekne eenyu?
4 我這呼籲天主而蒙應允的人,卻被他的友人所嘲笑,無辜的義人卻成了笑柄。
“Ani nama Waaqa waammatee deebii argate taʼu illee, michoota koo biratti nama kolfaa taʼeera. Ani utuun nama qajeelaa hirʼina hin qabne taʼee jiruu nama kolfaa taʼeera.
5 幸運的人心想:遭難的人應受蔑視,失足的人應再予以打擊。
Warri itti tole rakkinatti qoosu; nama kufuuf miilli isaa mucucaateenis kun hiree isaati jedhu.
6 但是,強盜的帳幕竟能安全,觸怒天主的人,以勢力為神的人卻享平安。
Dunkaanni saamtotaa hin jeeqamu; warri Waaqa isaanii harkatti baatanii jooran, warri Waaqa dheekkamsiisan nagaan jiraatu.
7 請你詢問走獸,牠們也會開導你;詢問天上的飛鳥,牠們也會告訴你;
“Mee horii gaafadhu; isaan si barsiisu; yookaan simbirroota samii gaafadhu; isaan sitti himu;
8 地上的爬蟲也會教訓你,海中的魚族也會給你說明。
yookaan lafatti dubbadhu; inni si barsiisa; yookaan qurxummiiwwan galaanaa sitti haa himan.
Akka harki Waaqayyoo waan kana hojjete, isaan kanneen hunda keessaa eenyutu hin beekne?
10 因為一切活物的生魂,一切血肉之人的靈魂,都握在他手中。
Lubbuun uumama hundaa, hafuurri nama hundaas harka isaa keessa jira.
Akkuma arrabni nyaata afaaniin qabu, gurris dubbii dhagaʼee addaan hin baasuu?
Ogummaan jaarsolii biratti, hubannaanis warra umuriin dheerate biratti argama mitii?
13 但智慧和能力同在天主內,智慧與見識是天主所有。
“Ogummaa fi humni kan Waaqaa ti; gorsii fi hubannaanis kan isaa ti.
14 他若拆毀,人不能再建;他若拘禁,人不得開釋。
Waan inni diigu eenyu iyyuu deebisee ijaaruu hin dandaʼu; nama inni hidhe eenyu iyyuu hiikuu hin dandaʼu.
15 他若制水,水便乾涸;他若放水,水便沖毀大地。
Yoo inni bishaan dhowwate, hongeetu buʼa; yoo inni gad dhiise immoo biyya balleessa.
16 力量與才能,為他所有;受騙者與騙人者,都屬於他。
Jabinnii fi ogummaan kan isaa ti; namni gowwoomfamuu fi inni gowwoomsus kanuma isaa ti.
Inni gorsitoota qullaa deemsisa; abbootii murtiis gowwoota godha.
18 他解除君王所繫的玉帶,將繩索捆在他們的腰間;
Inni mootota irraa hidhaa hiikee, mudhii isaaniitti sabbata hidha.
Luboota qullaa deemsisa; jajjabeeyyiis ni gaggaragalcha.
Gorsitoota amanamoo afaan qabachiisa; hubannaa jaarsoliis irraa fuudha.
Warra kabajamootti salphina fida; warra jajjaboo immoo hidhata hiikachiisa.
Inni icciitii dukkanaa keessaa ifatti baasa; dukkana limixiis ifatti geeddara.
Inni saboota ni guddisa; ni balleessas; saboota ni baayʼisa; ni bittinneessas.
Bulchitoota addunyaa hubannaa malee hambisa; gammoojjii daandii hin qabne keessas isaan joorsa.
Isaan dukkana ifa hin qabne keessa qaqqabannaadhaan deemu; inni akka isaan akkuma nama machaaʼeetti gatantaranis ni godha.