< 耶利米書 50 >
1 關於巴比倫和加色丁地上主藉耶肋米亞先知所說的話:
Dubbiin Waaqayyo karaa Ermiyaas raajichaatiin waaʼee Baabilonii fi waaʼee biyya Baabilonotaa dubbate kanaa dha:
2 你們該在民族間宣布傳揚,該樹起旗幟傳揚,不該隱瞞,說:「巴比倫已陷落了,貝耳遭受了羞辱,默洛達客傾倒了;她的偶像遭受了恥辱,她的神祇傾倒了。」
“Saboota gidduutti lallabaatii labsaa; faajjii ol qabaatii labsaa; utuu homaa hin hambisin akkana jedhaa; ‘Baabilon ni qabamti; Beel ni salphifama; Meroodak gooliidhaan guutama. Fakkiiwwan Baabilon ni salphifamu; waaqonni ishee tolfamoonis sodaan guutamu.’
3 因為有一民族從北方上來,向她進攻,使她的國土化為無人居住,人獸絕跡的荒野。
Sabni Kaabaa dhufu tokko ishee lolee lafa ishee duwwaa hambisa. Namni tokko iyyuu ishee keessa hin jiraatu; namaa fi horiin baqatee keessaa baʼa.
4 在那些日子裡和在那時期中──上主的斷語──以色列子民要與猶大子民一同歸來,且走且哭,尋覓上主他們的天主,
“Bara sana keessa, yeroo sanatti, sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa imimmaaniin Waaqayyo Waaqa isaanii barbaacha tokkummaadhaan ni dhufu” jedha Waaqayyo;
5 他們必詢問熙雍的所在,面朝往那裏的道路說:來,讓我們以永久不可忘的盟約依附上主! 」
“Isaan karaa gara Xiyoon geessu ni gaafatu; fuula isaaniis garasitti garagalfatu. Isaan dhufanii kakuu bara baraa kan gonkumaa hin irraanfatamneen Waaqayyotti of maxxansu.
6 我的人民是一群迷途的羊群,他們的牧人使他們流浪,在群山間徘徊,翻山越嶺地漫遊,忘掉了自己的羊棧。
“Sabni koo hoolota badan taʼaniiru; tikseen isaanii isaan dogoggorsee akka isaan tulluuwwan irra jooran godhe. Isaan tulluu fi gaara irra jooranii lafa boqonnaa isaanii illee wallaalan.
7 凡遇見他們的,將他們吞噬;他們的仇敵反而說:「我們並沒有過錯,因為是他們得罪了上主,正義的淵源和他們祖先的希望。」
Kan isaan argu hundi isaan liqimse; diinonni isaaniis, ‘Nu balleessaa hin qabnu; isaan Waaqayyo iddoo jireenya isaanii kan dhugaa taʼe, Waaqayyo abdii abbootii isaaniitti cubbuu hojjetaniiruutii’ jedhan.
8 你們該逃離巴比倫,走出加色丁地,如同羊群前領頭的公山羊。
“Baabilonii baqadhaa baʼaa; biyya Baabilonotaa keessaa baʼaa; akkuma korbeessa reʼee kan bushaayee qajeelchuu taʼaa.
9 因為,看,我必從北方,發動一群強盛的民族前來進攻巴比倫,列陣向她進攻,就地將她攻陷;他們的箭像是善戰的勇士,從不空手而歸。
Ani biyya kaabaatii garee saboota gurguddaa kaasee Baabilonitti nan ergaatii. Isaanis hiriiranii isheetti dhufu; isheenis karaa kaabaatiin ni qabamti. Xiyyi isaanii akkuma loltoota ogeeyyii harka duwwaa hin deebinee ti.
10 加色丁必遭劫掠,凡劫掠她的,必心滿意足──上主的斷語。
Baabilonis ni saamamti; warri ishee saaman hundis ni quufu” jedha Waaqayyo.
11 你們搶奪我產業的人,你們儘管喜樂,儘管歡欣:跳躍,好像踏青的小公牛;嘶鳴,有如獲偶的牡馬!
“Isin warri handhuuraa koo saamtan waan gammaddanii fi ililchitaniif, akkuma raadaa marga keessaa burraaqxanii akka korma fardaa imimsitan illee,
12 你們的母親已遭受極大的恥辱,生養你的,已滿面羞慚。看,她已成為民族中最卑下的,成了曠野、旱地和荒原;
haati keessan akka malee qaanofti; kan isin deesses ni salphatti. Isheen saboota hunda keessaa gad aantuu, lafa onaa, lafa gogaa fi gammoojjii taati.
13 在上主的盛怒下,她已無人居住,滿目淒涼:凡經過巴比倫的人,看見的種種慘狀,莫不驚異嗟嘆。
Isheen sababii dheekkamsa Waaqayyootiif guutumaan guutuutti ni onti malee namni ishee keessa hin jiraatu. Sababii madaa ishee hundaatiif namni Baabilon keessa darbu hundi ni dinqisiifata; itti qoosas.
14 一切開張弓弩的射手! 你們應列陣圍攻巴比倫,向她射擊,不要吝惜箭羽,因為她得罪了上主。
“Isin warri iddaa luqqifattan hundinuu, naannoo Baabilonitti hiriiraa. Sababii isheen Waaqayyotti cubbuu hojjetteef, xiyyawwan itti darbadhaa! Homaa hin hambisinaa.
15 你們四周圍繞,向她吶喊! 她必伸手請降,她的城樓必將陷落,她的城牆必要被攻陷,因為這是上主的報復。你們報復她,照她作的還報!
Karaa hundaan isheetti iyyaa! Isheen harka kennatti; gamoon ishee ni jiga; dallaan ishee diigameera. Kun haaloo Waaqayyoo waan taʼeef isheetti haaloo baʼaa; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheetti hojjedhaa.
16 你們要殲滅巴比倫播種和手持鐮刀收割的人! 面臨無情的刀劍,各人回歸自己的民族,各自逃往自己的故鄉。
Nama sanyii facaasuu fi kan yeroo midhaan haamamutti haamtuu qabatus Baabilon keessaa balleessaa. Sababii goraadee cunqursaatiin tokkoon tokkoon namaa gara saba ofii isaatti haa deebiʼu; tokkoon tokkoon namaa gara biyya ofii isaattis haa baqatu.
17 以色列是獅子追捕的亡羊,首先吞噬她的,是亞述君王;最後咬碎她骨骸的,是拿步高巴比倫王。
“Israaʼel hoolaa bittinnaaʼee dha; leenconni isa ariʼan. Kan jalqabatti isa nyaate mootii Asoor; kan dhuma irratti lafee isaa caccabse immoo Nebukadnezar mooticha Baabilon ture.”
18 為此,萬軍的上主,以色列的天主這樣說:「看,我要懲罰巴比倫王和他的國土,就如我懲罰了亞述君王一樣。
Kanaafuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Ani akkuma mootii Asoor adabe sana mootii Baabilonii fi biyya isaa nan adaba.
19 我要領以色列回歸自己的牧場,在加爾默耳和巴商牧放,使他們的心靈在厄弗辣因與基肋阿得山上,獲得滿足。
Israaʼelin garuu lafa tika isaatti nan deebisa; innis Qarmeloosii fi Baashaan irra ni dheeda; tulluu Efreemii fi Giliʼaad irra dheedee ni quufa.
20 那些日子裏和在那時期中──上主的斷語──要想尋求以色列的不義,卻一無所有;要想尋猶大的罪惡,卻一無所見;因為我必寬恕我留下的遺民。
Bara sana keessa, yeroo sanatti, yakki Israaʼel ni barbaadama” jedha Waaqayyo; “garuu tokko iyyuu hin jiru; cubbuun Yihuudaas ni barbaadama; garuu tokko iyyuu hin argamu; ani hambaan baraare sanaaf dhiifama nan godhaatii.
21 你們該向默辣塔因地推進,進攻培科得的居民,屠殺,徹底將他們消滅──上主的斷語──全照我吩咐的進行。
“Biyya Meraataayimii fi jiraattota Pheqood lolaa. Ariʼaa, ajjeesaa, guutumaan guutuutti isaan balleessaa,” jedha Waaqayyo. “Waan ani isin ajaje hunda godhaa.
Sagaleen waraanaa, sagaleen badiisa guddaas biyya sana keessa jira!
23 怎麼,威震全地的鎚子也被破碎毀壞了﹖怎麼,巴比倫在萬民中也變得如此悽涼﹖
Burruusni guutummaa lafaa akkamitti cabe! Akkamittis bullaaʼe! Baabilon saboota gidduutti, akkam onte!
24 我給你佈下羅網,你竟被捉住;而你,巴比倫,尚不自覺;你被尋獲,且被捉住,因為你竟敢違抗上主! 」
Yaa Baabilon, ani kiyyoo siif diriirseera; atis utuu hin beekin qabamte; ati sababii Waaqayyoon mormiteef, argamtee qabamte.
25 上主開了自已的武庫,搬出了自己洩怒的武器,因為吾主萬軍的上主,在加色丁地有事要完成。
Waaqayyo mankuusaa miʼa lolaa isaa banee miʼa lola dheekkamsa isaa gad baafateera; Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu waan biyya Baabilonotaatti hojjetu qabaatii.
26 你們從四面八方向她湧來,打開她的倉庫,堆積成堆,徹底消滅,不給她留下殘餘;
Biyya fagootii isheetti kottaa. Gombisaawwan ishee diigaa; akkuma tuullaa midhaaniitti ishee tuulaa. Guutumaan guutuutti ishee balleessaa; waan tokko illee isheef hin hambisinaa.
27 屠殺她的一切公牛,叫他們下入屠場! 卜們的災難臨頭,因為他們的日子到了,到了懲罰他們的時候。
Korommii ishee hunda qalaa; isaan gara qalmaatti haa geeffaman! Isaaniif wayyoo! Yeroon isaan itti adabaman, guyyaan isaanii dhufeeraatii.
28 聽從巴比倫地逃命出走的人,在熙雍報告說:「上主我們的天主在復仇,為自己的殿宇雪恥。
Akka Waaqayyo Waaqni keenya haaloo baʼe, akka inni mana qulqullummaa isaatiif haaloo baʼe, kooluu galtootaa fi baqattoota Baabilonii dhufanii Xiyoon keessatti lallaban irraa dhagaʼaa.
29 你們召集弓手,一切挽弓的人,來向巴比倫進攻,在她周圍紮營,不要讓她有人逃脫,該按照她的作為而報復她,照她所作的對待她,因為她傲慢反對上主,反對以色列的聖者。
“Namoota Xiyyaan lolan kanneen iddaa luqqifatan hunda Baabilonitti waamaa. Naannoo ishee hunda marsaa; namni tokko iyyuu hin miliqin. Gatii hojii ishee kennaafii; waanuma isheen warra kaanitti hojjette isheettis hojjedhaa. Isheen Qulqullicha Israaʼel, Waaqayyotti koorteertii.
30 為此,她的青年人要倒斃在她的廣場,她所有的戰士都要在那一天內滅亡──上主的斷語──
Kanaafuu dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu; gaafas loltoonni ishee hundi ni barbadaaʼu” jedha Waaqayyo.
31 你這驕橫的人! 看,我來對付你──我主萬軍上主的斷語──因為你的日子到了,到了懲罰你的時候。
“Yaa koortuu nana, kunoo ani sitti kaʼeera” jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda dandaʼu; “yeroon ati itti adabamtu, guyyaan kee dhufeeraatii.
32 驕橫的必要傾覆顛仆,再沒有人來使她復興;我必放火燒毀她的城市,火要吞滅她四周的一切。」
Koortuun sun gufattee lafa dhoofti; namni gargaaree ol ishee qabu tokko iyyuu hin jiru; ani magaalaawwan ishee keessatti ibidda warra naannoo ishee jiru hunda gubee fixu nan qabsiisa.”
33 萬軍的上主這樣說:「以色列子民與猶大子民一同遭受了壓迫;凡俘擄他們的,都扣留他們,不肯釋放。」
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Sabni Israaʼel cunqurfameera; sabni Yihuudaas akkasuma cunqurfameera. Warri isaan boojiʼan hundi jabeessanii isaan qabataniiru; isaan gad dhiisuus didaniiru.
34 但是他們的救贖者,名叫萬軍的上主,剛強有力,必要辯護他們的案件,使大地安寧,使巴比倫的居民惶亂。
Taʼu illee Furaan isaanii jabaa dha; maqaan isaas Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dha. Inni biyya isaaniitiif boqonnaa kenne; warra Baabilon keessa jiraatan garuu boqonnaa dhowwuuf dhimma isaaniitiif jabeessee ni falma.
35 刀劍加於加色丁人──上主的斷語──加於巴比倫的居民,她的公卿和她的謀臣;
“Goraadeen tokko Baabilonotatti dhufe!” jedha Waaqayyo; “warra Baabilon keessa jiraatanitti, qondaaltotaa fi namoota ishee ogeeyyiitti dhufeera!
36 刀劍加於她的巫士,使他們瘋狂;刀劍加於她的勇士,叫他們驚慌;
Goraadeen raajota ishee sobdootatti, dhufeera! Isaan gowwoota taʼu. Goraadeen gootota isheetti dhufeera! Isaanis sodaadhaan guutamu.
37 刀劍加於她的戰馬戰車,加於她境內所有的雜族,使他們柔弱如婦女;刀劍加於她的府庫,使人任意搶奪;
Goraadeen fardeenii fi gaariiwwan isheetti, Namoota Ormaa kanneen gidduu ishee jiraatan hundatti dhufe! Isaan dadhaboo taʼu. Goraadeen qabeenya isheetti dhufe! Isaan ni saamamu.
38 刀劍加於她的水源,叫水源涸竭,因為她偶像遍地,人們癡戀這些怪物;
Caamsaan bishaan isheetti ni dhufa! Isaanis ni gogu. Isheen biyya waaqota tolfamoo, kan waaqota tolfamoo sodaadhaan maraataniitii.
39 為此,她必成為野貓和野狗的巢穴,駝鳥的棲身地,永遠不會有人居住,世世代代不會有居民;
“Kanaafuu uumamawwan gammoojjiitii fi waraabeyyiin achi jiraatu; urunguunis achi jiraatti. Lammata namni ishee keessa hin jiraatu; yookaan dhalootaa hamma dhalootaatti namni keessa jiraatu hin jiru.
40 恰如天主滅亡了的索多瑪、哈摩辣及附近的城市一樣──上主的斷語──再沒有人居住,再沒有人留宿。
Akkuma Waaqni Sodoomii fi Gomoraa, magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleesse sana” jedha Waaqayyo; “namni tokko iyyuu achi hin jiraatu; sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
41 看,有一個民族,從北方來,有一個強盛的異邦和許多君王從地極興起,
“Kunoo! Gareen loltootaa tokko kaaba irraa dhufaa jira; sabni guddaan tokkoo fi mootonni baayʼeen moggaa lafaatii sosochoʼaa jiru.
42 緊握弓矛,殘忍無情,像海嘯般喧嚷,騎著戰馬,萬眾一心,嚴陣準備向你進攻,巴比倫女郎!
Isaan xiyyaa fi eeboo qabataniiru; isaan gara jabeeyyii namaafis naasuu hin qabnee dha. Yommuu isaan fardeen isaanii gulufanitti gigigsuun isaanii akkuma huursaa galaanaa ti; yaa intala Baabilon, isaan akkuma namoota duulaaf hiriiraniitti si loluuf dhufu.
43 巴比倫王聽到了他們前來的消息,束手無策,不勝憂慮,痛苦得有如臨盆的產婦。
Mootiin Baabilon oduu waaʼee isaanii dhagaʼe; harki isaas irratti duʼe. Dhiphinni isa qabateera; miixuunis akkuma dubartii ciniinsifattuu isa qabeera.
44 看哪,好像一隻雄獅,從約但的叢林上來,走向常綠的牧場;同樣,我也要轉瞬間將他們趕走,派我選定的人來統治。誠然,誰是我的對手﹖誰敢向我提出質問﹖誰能對抗我的牧人﹖
Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo dafee Baabilonin biyya isheetii nan ariʼa. Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu? Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa? Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
45 為此,請你們聽上主對巴比倫設下的計謀,對加色丁地策劃的策略:連最弱小的羊也一定要被人牽去,他們的牧場也必對他們戰慄。
Kanaafuu waan Waaqayyo Baabilonitti karoorfate, waan inni biyya Baabilonotaatti yaades dhagaʼaa; Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu; innis sababii isaaniitiif lafa dheeda isaanii guutumaan guutuutti ni barbadeessa.
46 巴比倫轟然陷落,大地為之震動;哀號之聲,直達萬邦。
Waca qabamuu Baabiloniitiin lafti ni raafamti; iyyi ishees saboota gidduutti ni dhagaʼama.