< 耶利米書 30 >

1 這是上主傳給耶肋米亞的話:
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha:
2 上主以色列的天主這樣說:「凡我對你說的話,你都要寫在一本書上,
“Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi.
3 因為,看,時日將到──上主的斷語──我必轉變我人民以色列和猶大的命運──上主說──使他們回去佔領我賜給他們祖先的土地。」
Barri tokko ni dhufa’ jedha Waaqayyo; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Waaqayyo.”
4 以下是上主論及以色列和猶大說的話:
Dubbiin Waaqayyo waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha:
5 上主這樣說:「人聽到了恐怖的喊叫:只有恐慌,沒有平安。
“Waaqayyo akkana jedha: “‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama; kun raafama malee nagaa miti.
6 你們且自問自究:是否男人要生產﹖為什麼我竟見人人兩手叉腰,像正在生產的婦女,個個面色顯得蒼白﹖
Mee iyyaafadhaa ilaalaa: Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa? Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu, harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee, fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?
7 噫! 這一天,真偉大,無可比擬,雖為雅各伯是痛苦的時期,但他們將由此而得救。
Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa! Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu. Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa; inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.
8 到了那一天──萬軍上主的斷語──我要折斷他們頸上所負的軛,粉碎他們的鎖鏈,他們不再作外方人的奴隸,
“‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu, ‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa; hidhaa isaanii illee nan kukkuta; ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.
9 只服事上主,他們的天主,和我給他們興起的君王達味。
Qooda kanaa isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.
10 為此,我的僕人雅各伯,你不用害怕──上主的斷語──以色列,你不要驚慌;因為,看,我必從遠方救出你來,從充軍之地救回你的後裔;使雅各伯歸來,居享安寧,無所恐懼,
“‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin; yaa Israaʼel hin rifatin’ jedha Waaqayyo. ‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa, sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii itti geeffamanii nan baasa. Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata; namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
11 因為有我與你同在──上主的斷語──作你的救援。誠然,對我使你流徙所到的各民族,我要執行毀滅;但對你,我卻不執行毀滅,只依正義懲罰你,不讓你全然免罰。」
Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’ jedha Waaqayyo; ‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu. Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba; utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’
12 不錯,上主這樣說:「你的創傷不可治療,你的傷口無法醫治;
“Waaqayyo akkana jedha: “‘Madaan kee hin fayyu; miidhamni kee waldhaansa hin qabu.
13 沒有人願意擔任調理你的創傷,無藥可使你的傷處收結。
Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru; madaa keetiif qorichi hin jiru; ati hin fayyitu.
14 你所有的愛人都忘掉了你,不再追求你,因為我像打擊敵人一樣,以殘酷的刑罰打擊了你,因為你太不義,你的罪惡,增添不已。
Michoonni kee hundi si dagataniiru; isaan dhimma kee hin qaban. Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee cubbuun kees baayʼateef ani akkuma diinaatti si dhaʼee akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.
15 為什麼你還要為你的創傷悲號﹖你的創傷已不可治療:因為你太不義,你的罪惡增添不已,我纔這樣對待了你。
Ati maaliif madaa keetii fi dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita? Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef, ani wantoota kanneen sitti fideera.
16 但是,凡吞滅你的,必被吞滅;凡與你為敵的,必被擄去充軍;凡劫掠你的,必遭劫掠;凡搶奪你的,我必使他們受人搶奪。
“‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu; diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu. Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu; warri si saaman hundis ni saamamu.
17 實在,我要使你的傷處收結,療愈你的創傷──上主的斷語──因為他們稱你為棄婦,無人過問的熙雍。」
Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa; madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Waaqayyo. ‘Ati Xiyoon gatamtuu kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’
18 上主這樣說:「看,我要轉變雅各伯帳幕的命運,憐憫他的家室,好使城市仍建在自己的山上,宮殿依然聳立在自己的原處,
“Waaqayyo akkana jedha: “‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba; iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa; magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti; masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.
19 從那裏發出頌謝的歌聲,歡樂的呼聲。我必使他們繁昌,人數不再滅少;我要顯耀他們,使他們不再受人輕視。
Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu isaan keessaa ni dhagaʼama. Ani isaan nan baayʼisa; isaaniis hin xinnaatan; ani ulfina nan kennaaf; isaanis hin tuffataman.
20 他們的子孫必要像昔日一樣,在 面前重新建立自己的集會;凡壓迫他們的,我必予以懲罰。
Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu; waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata; ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.
21 他們的元首,將是他們中的一個;他們的統帥,將出自他們之中;我要使他們前來接近我,他必與我接近,因為誰敢冒的危險,來與我接近──上主的斷語──
Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa; bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa. Ani isa ofitti nan dhiʼeessa; innis natti dhiʼaata; yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’ jedha Waaqayyo.
22 這樣,你們必作我的人民,我必作你們的天主」。
‘Akkasiin isin saba koo ni taatu; anis Waaqa keessan nan taʼa.’”
23 看,上主的憤怒如暴風怒號,如撗掃的暴風,在惡人的頭上施轉。
Kunoo, bubbeen Waaqayyoo, inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa; bubbeen hamaanis mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
24 上主的烈怒必不止息,直到衪執行完成了衪心裏的計劃;在末日你們必會明瞭。
Aariin Waaqayyoo, sodaachisaan sun hamma inni kaayyoo yaada isaa guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu. Isin bara dhumaa keessa waan kana ni hubattu.

< 耶利米書 30 >