< 耶利米書 21 >
1 上主傳給耶肋米亞的話:那時,漆德克雅王正派瑪耳基雅的兒子帕市胡爾,和司祭瑪阿色雅的兒子責法尼雅來見他說:
Yeroo Zedeqiyaa Mootichi Phaashihuur ilma Malkiyaatii fi Sefaaniyaa lubicha ilma Maʼaseyaa gara Ermiyaasitti ergetti dubbiin akkana jedhu Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Jarri ergamanis akkana jedhan;
2 請你替我們詢問上主:「巴比倫王拿步高既來與我們作戰,上主是否依照他所行的奇事來協助我們,叫他離我們遠去﹖」
“Sababii Nebukadnezar mootichi Baabilon nu waraanaa jiruuf Waaqayyoon nuu gaafadhu. Tarii Waaqayyo akkuma duraan godhe sana hojiiwwan dinqii nuuf hojjetee akka mootichi nurraa deebiʼu ni godha taʼaatii.”
3 耶肋米亞便回答他們說:「你們應這樣對漆德克雅說:
Ermiyaas garuu akkana isaaniin jedhe; “Zedeqiyaadhaan akkana jedhaa;
4 上主,以色列的天主這樣說:看,我必使你們手中所持,用以攻擊在城外圍攻你們的巴比倫王和加色丁人的武器,反回集中在這城的中心。
‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani miʼoota waraanaa harka keessan jiran, kanneen isin ittiin mootii Baabilonii fi Baabilonota isin marsanii dallaan ala jiran loluuf itti fayyadamtan kana isinitti nan garagalcha. Anis magaalaa kana keessatti isaan walitti nan qaba.
5 然後我要伸出手來,以強力的手臂、震怒、狂暴和憤恨痛擊你們,
Ani mataan koo harka diriirfamee fi irree jabaadhaan, aarii bobaʼuu fi dheekkamsa guddaadhaan waraana isinitti nan bana.
Ani waan magaalaa kana keessa jiraatu jechuunis namaa fi horii nan dhaʼa; isaanis dhaʼicha hamaadhaan dhumu.
7 此後──上主的斷語──我必將猶大王漆德克雅和他的臣僕,並這城中幸免於瘟疫、刀劍和饑饉的人民,交在巴比倫王拿步高和他們的仇敵,以及謀圖他們性命者的手中,叫敵人用利刃擊殺他們,毫不饒恕,毫不憐憫,毫不表同情。
Anis ergasii, jedha Waaqayyo, Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa, qondaaltota isaatii fi jiraattota magaalaa kanaa kanneen dhaʼicha jalaa, goraadee fi beela jalaa baʼan Nebukadnezar mooticha Baabilonii fi diinota isaanii kanneen lubbuu isaanii balleessuu barbaadanitti dabarsee nan kenna. Mootichis goraadeedhaan isaan fixa; inni isaaniif hin hilu yookaan hin naʼuuf yookaan garaa hin laafuuf.’
8 此外,你應對這人民說:看,我將生命的路和死亡的路,擺在你們面前:
“Amma illee akkana jedhii saba kanatti himi; Waaqayyo akkana jedha: ‘kunoo, ani karaa jireenyaatii fi karaa duʼaa fuula keessan dura nan kaaʼa.
9 凡留在這城中的,必死於刀劍、饑饉和瘟疫;凡出來向圍攻你們的加色丁人投降的,必保全性命,必有生命當作自己的勝利品。
Namni magaalaa kana keessatti hafu kam iyyuu goraadeedhaan, beelaan yookaan dhaʼichaan duʼa. Namni gad baʼee Baabilonota isin marsanii jiranitti harka kennatu kam iyyuu garuu ni jiraata; lubbuu isaas ni oolfata.
10 我所以轉面向著這城,是為降災,並不是為賜福──上主的斷語──這城必被交在巴比倫王手中,他要火燒這城。」
Ani magaalaa kanaaf waan gaarii gochuuf utuu hin taʼin ishee miidhuuf kutadheera, jedha Waaqayyo. Isheenis dabarfamtee harka mootii Baabilonitti ni kennamti; inni immoo ibiddaan ishee barbadeessa.’
11 對於猶大的王室,你應該這樣說:你們該聆聽上主的話,
“Akkasumas mana mootii Yihuudaatiin akkana jedhi; ‘Isin dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa;
12 達味家族! 上主這樣說:「你們應及早執行正義,從壓迫者手中解救被剝奪的人,免得我的忿怒,因你們行事邪惡,像火一般燒起,而沒有人能夠熄滅。」
Yaa mana Daawit, Waaqayyo akkana jedha: “‘Ganama hunda murtii qajeelaa kennaa; nama saamame tokko harka nama isa cunqursuutii baasaa; yoo kanaa achii sababii jalʼina isin hojjettaniitiif dheekkamsi koo buʼee akkuma ibiddaa bobaʼa; namni isa dhaamsu tokko iyyuu hin jiraatu.
13 至於你這居住在谷中和平原巖石上的人,看,我來對付你──上主的斷語──你們誇說:「誰能下來攻擊我們﹖誰能進入我們的巢穴﹖」
Yaa ishee sulula kanaan ol dirree kattaa qabu irra jiraattu, ani sitti kaʼeen jira, jedha Waaqayyo; isin warri, “Eenyuttu nutti dhufuu dandaʼa? Eenyutus daʼannoo keenya seenuu dandaʼa?” jettan,
14 我必按照你們行為應得的,來懲罰你們──上主的斷語──我要在她的樹林裏放火,吞滅她四周的一切。
ani akkuma hojii keessaniif malutti isinan adaba, jedha Waaqayyo. Ani ibidda waan naannoo keessan jiru hunda barbadeessu bosona keessanitti nan qabsiisa.’”