< 以賽亞書 1 >
1 在烏齊雅、約堂、阿哈次和希則克雅為猶大王時,阿摩茲的兒子依撒意亞,關於猶大和耶路撒冷所見的異象如下:
Mulʼata Isaayyaas ilmi Amoos bara bulchiinsa Uziyaan, bara Yootaam, bara Aahaazii fi bara Hisqiyaas keessa waaʼee Yihuudaatii fi Yerusaalem arge.
2 諸天,請諦聽!大地,請側耳! 因為上主有話說:「我把孩子撫養長大,他們竟背叛了我 !
Yaa Samiiwwan dhagaʼaa! Yaa lafa dhaggeeffadhu! Waaqayyo akkana jedhee dubbateeraatii: “Ani ijoollee horadheen guddifadhe; isaan garuu natti fincilaniiru.
3 牛認識自己的主人,驢也認識自己主人的槽,以色列卻毫不知情,我的百姓卻一點不懂。」
Qotiyyoon gooftaa isaa, harreenis gola gooftaa isaa ni beeka; Israaʼel garuu hin beeku; sabni koo hin hubatu.”
4 禍哉,犯罪的民族,惡貫滿盈的百姓,作惡的後裔,敗壞的子孫!他們離棄了上主,蔑視了以色列的聖者,轉身背棄了他。
Yaa saba cubbamaa, uummata balleessaan itti baayʼate, ilmaan warra waan hamaa hojjetuu, ijoollee xuraaʼummaadhaan guutamte isiniif wayyoo! Isaan Waaqayyoon dhiisaniiru; Qulqullicha Israaʼel sana tuffatanii dugda isaanii itti garagalfataniiru.
5 你們為什麼還繼續叛逆,再遭受打擊呢﹖整個頭已患了病,整個心已經焦悴;
Isin siʼachi maaliif rukutamtu? Maaliif fincila keessa jiraatu? Mataan keessan guutuun miidhameera; garaan keessan guutuunis dadhabeera.
6 從腳掌直到頭頂已體無完膚,盡是創痍、傷痕和新的傷口;沒有擠淨,沒有包紮,也沒有軟膏滋潤。
Faana miilla keessaniitii hamma gubbee mataa keessaniitti, fayyaa hin qabdan; madaa fi dirmammuun, madaan dhiigu, kan hin qulqulloofne yookaan hin maramne yookaan zayitiidhaan hin laafne.
7 你們的地區變成荒蕪,你們的城市被火燒盡,你們面前的莊田被異民吞併,變成一片荒涼,宛如索多瑪的廢墟;
Biyyi keessan duwwaa hafteerti; magaalaawwan keessan ibiddaan gubamaniiru; alagoonni fuuluma keessan duratti lafa qotiisaa keessan saamu; akkuma waan ormi ishee saameettis onti.
8 僅存的熙雍女兒,有如葡萄園裏的茅舍,胡瓜園中的草廬,被圍困著的城市。
Intalli Xiyoon akkuma daʼannoo iddoo dhaabaa wayinii keessaatti, akkuma daasii lafa qotiisa buqqee keessaatti, akkuma magaalaa marfame tokkootti dhiifamti.
9 若非萬軍的上主給我們留下些許殘餘,我們早已如同索多瑪,相似哈摩辣了。
Utuu Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu hambaa muraasa nuuf hambisuu baatee, nu silaa akkuma Sodoom taanee, Gomoraas fakkaanna turre.
10 索多瑪的統治者,請聽上主的話!哈摩辣的百姓,請聽天主的訓示:「
Yaa bulchitoota Sodoom dubbii Waaqayyoo dhagaʼaa; yaa saba Gomoraa, Seera Waaqa keenyaa dhaggeeffadhaa!
11 你們為什麼向我奉獻那麼多的犧牲﹖--上主說:我已飽饜了公羊的燔祭和肥犢的脂膏;牛犢、羔羊和山羊的血我已不喜歡;
Waaqayyo akkana jedha; “Baayʼinni aarsaa keessanii anaaf maali?” Ani aarsaa gubamu kan korbeeyyii hoolaatii fi horii gabbifamanii baayʼeen qaba; ani dhiiga korommii looniitti, kan xobbaallaawwan hoolaattii fi reʼeetti hin gammadu.
12 你們來見我的面時,誰向你們要求了這些東西﹖這簡直是蹂躪我的殿院。
Isin yommuu fuula koo duratti mulʼachuuf dhuftan, akka oobdii koo dhidhiittan eenyutu isin irraa barbaade?
13 不要再奉獻無謂的祭品!馨香已為我所憎惡,月朔、安息日、集會、齋戒和盛大的宴會,我已都不能容受。
Kennaa faayidaa hin qabne fiduu dhiisaa! Ixaanni keessan na jibbisiisa. Ayyaana Baatii, Sanbataa fi yaaʼii keessan jechuunis wal gaʼii keessan hamaa sana ani hin fedhu.
14 我的心痛恨你們的月朔和你們的慶節,它們為我是種累贅,使我忍無可忍。
Ayyaana Baatii keessanii fi ayyaanota keessan bebbeekamoo lubbuun koo ni jibbiti. Isaan baʼaa natti taʼaniiru; anis obsuu dadhabeera.
15 你們伸出手時,我必掩目不看;你們行大祈禱時,我決不俯聽,因為你們的手染滿了血!
Yeroo isin kadhannaaf harka keessan balʼifattan, ani ija koo isinan dhokfadha; yoo isin kadhaa baayʼee kadhattan illee ani hin dhaggeeffadhu. Harki keessan dhiigaan guutameera!
16 你們應該洗滌,應該自潔,從我眼前革除你們的惡行,停止作孽,
Dhiqadhaatii of qulqulleessaa. Hojii keessan hamaa sana fuula koo duraa balleessaa! Yakka hojjechuus dhiisaa;
17 學習行善,尋求正義,責斥壓迫人的人,為孤兒伸冤,為寡婦辯護。
waan qajeelaa hojjechuu baradhaa! Murtii qajeelaa barbaadaa; warra hacuucame jajjabeessaa. Ijoollee abbaa hin qabneef falmaa; haadha hiyyeessaatiif dhaabadhaa.
18 現在你們來,讓我們互相辯論--上主說:你們的罪雖似朱紅,將變成雪一樣的潔白;雖紅得發紫,仍能變成羊毛一樣的皎潔。
Waaqayyo akkana jedha; “Kottaa wal qorraa; cubbuun keessan yoo akka bildiimaa taʼe iyyuu, inni addaatee akka cabbii ni taʼa; yoo akka alalaa diimate iyyuu, akka suufii ni addaata.
Isin yoo fedhii qabaattanii ajajamtan, waan lafti baaftu filatamaa ni nyaattu;
20 假使你們拒絕反抗,你們將為刀劍所吞滅。」這是上主親口說的。
garuu yoo diddanii finciltan goraadeetu isin nyaata.” Afaan Waaqayyoo waan kana dubbateeraatii.
21 忠貞的城邑,怎麼變成了蕩婦! 昔日充滿著正義,寄居著公平的,現今卻住滿了謀殺的兇手!
Akka magaalaan amanamtuun sun sagaagaltuu taate ilaalaa! Isheen dur murtii qajeelaadhaan guutamtee qajeelummaan ishee keessa jiraata ture; amma immoo namoota nama ajjeesantu ishee keessa jiraata!
Meetiin kee ligidaaʼeera; daadhiin wayinii kee filatamaan bishaaniin makameera.
23 你的首領謀反作亂,成了盜賊的幫兇;他們都愛好賄賂,索取報酬,不為孤兒伸冤,不受理寡婦的訴訟。
Bulchitoonni kee finciltoota; michuu hattuuwwanii ti; isaan hundinuu mattaʼaa jaallatu; kennaas akka malee barbaadu. Isaan ijoollee abbaa hin qabneef hin falman; himata haadha hiyyeessaa hin dhaggeeffatan.
24 因此吾主,萬軍的上主,以色列的大能者說:「哎!我必向我的敵人雪恨,我必向我的仇人復仇。
Kanaafuu Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu, Jabaan Israaʼel sun akkana jedha: “Ani amajaajota koo irraa boqonnaa nan argadha; diinota koos haaloo nan baafadha.
25 我必向你伸出我的手,用爐火煉盡你的渣滓,除去你所有的鉛錫。
Ani harka koo sitti nan deebisa; ligidaaʼummaa kees akka malutti sirraa nan haqa; xurii kee hundas sirraa nan balleessa.
26 我要使你的民長復興如初;使你的參謀恢復如初;以後你將被稱為正義的城市,忠貞的城邑。」
Ani akkuma bara durii abbootii murtii iddootti, akkuma jalqabaatti gorsitoota kee illee siifin deebisa. Ergasii ati magaalaa qajeelummaa, magaalaa amanamtuu jedhamtee ni waamamta.”
27 熙雍將因正直獲得救贖,她的居民將因正義蒙受救恩;
Xiyoon murtii qajeelaadhaan, qalbii jijjiirrattoonni ishee immoo qajeelummaadhaan furamu.
28 然而惡人和罪人必將一同滅亡,背棄上主的人必要滅絕。
Finciltoonnii fi cubbamoonni garuu ni caccabu; warri Waaqayyoon dhiisanis ni badu.
29 你們必因你們所喜愛的橡樹而蒙羞,必因你們所選擇的花園而慚愧;
“Isin sababii muka qilxuu itti gammaddan sanaatiif ni qaanoftu; sababii iddoo biqiltuu filattan sanaatiif immoo ni salphattu.
Isin akka qilxuu baalli irraa harcaʼee, akka iddoo biqiltuu bishaan hin qabnee ni taatu.
31 強者將似麻絮,他的工作猶如火花:二者必要同時焚燒,無人予以熄滅。
Namni jabaan akkuma huubaa, hojiin isaas akkuma qaanqee taʼa; isaan lachuu walumaan gubatu; namni ibidda sana dhaamsus hin jiru.”