< 以賽亞書 38 >
1 在那些日期內,希則克雅害病要死,阿摩茲的兒子依撒意亞先知前來看他,並對他說:「上主這樣說:快料理你的家務,因為你快死,不能久活了!」
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha: Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii” jedheen.
Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate;
3 上主!求你記憶我如何懷著忠誠齊全的心,在你面前行走;如何作了你視為正義的事。」然後希則克雅放聲大哭。
“Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Isaayyaas dhufe:
5 你去對希則克雅說:上主,你祖先達味的天主這樣說:我聽見了你的祈禱,看見了你的眼淚;看,我要在你的壽數上加多十五年,
“Dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaasitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala.
6 且由亞述王手中拯救你和這座城,我必要保護這座城。
Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani magaalaa kana nan eega.
“‘Kun mallattoo Waaqayyoo kan akka inni waan waadaa gale sana guutu mirkaneessuuf Waaqayyo biraa siif kennamee dha:
8 看,我要使那射在阿哈次的日晷上的日影倒退十度。」果然,射在日晷上的日影倒退了十度。
Ani akka gaaddidduun aduu tarkaanfii kurnan gulantaa Aahaaz irraan gad buʼe sana dugda duubatti deebiʼu nan godha.’” Kanaafuu gaaddidduun tarkaanfii kurnan gad buʼee ture sun dugda duubatti deebiʼe.
Barreeffama Hisqiyaas mootichi Yihuudaa erga dhukkubsatee fayyee booddee barreesse:
10 我曾想過:「正當我的中年,我就要離去;我的餘年將被交於陰府之門。」 (Sheol )
Anis, “Walakkaa umurii kootiitti, ani siiʼool seenuun qabaa? Bara jireenya koo kan hafes dhabuun qabaa?” nan jedhe. (Sheol )
11 我曾想過:「我再不能在活人的地上看見上主,我再不能在世上的居民中看見世人。
Ani akkanan jedhe; “Ani biyya jiraattotaa keessatti, lammata Waaqayyoon hin argu; ani siʼachi sanyii namaa hin ilaalu, yookaan warra addunyaa kana irra jiraatan wajjin hin jiraadhu.
12 我的居所被拆除,由我身上撤去,彷彿牧童的帳幕;你好像織工,捲起了我的生命,由織機上將我割斷。白日黑夜你總想將我結束!」
Manni koo akkuma dunkaana tiksootaa buqqifamee narraa fudhatameera. Ani akkuma wayyaa dhooftuu jireenya koo marmareera; inni miʼa wayyaa dhooftuu irraa na kuteera; ati halkanii guyyaa na balleessita.
13 我哀號直到清晨,上主卻如獅子咬碎了我所有的骨骸。
Ani hamma bariitti obsaan nan eeggadhe; inni garuu akka leencaa lafee koo hunda caccabse; ati halkanii guyyaas na balleessita.
14 我呢喃好似燕子,我哀鳴有如斑鳩;我痛哭的眼睛向上仰視:「上主!我實在痛苦,求你扶持我!」
Ani akka simbirroo yookaan akkuma daalotee nan wace; akka gugee boossuus nan aade; iji koo gara samii ilaaluudhaan dadhabe; yaa Gooftaa ani rakkadheeraa kottuu na gargaari!”
15 我還有什麼話可說﹖因為是上主給我說的,因為是他行的;帶著我內心的痛苦,我要善度我的餘年。
Ani garuu maal jechuun dandaʼa? Inni natti dubbate; inni mataan isaas waan kana godhe. Ani waaʼee dhiphinaa lubbuu kootiif umurii koo guutuu gad of qabee nan jiraadha.
16 吾主!我的心唯有仰望你!求你使我的精神甦醒,使我復原,使我生存。
Yaa Gooftaa, namoonni waanuma akkasiitiin jiraatu; hafuurri koos isaanumaan jireenya argata. Ati na fayyiftee lubbuudhaanis na jiraachifte.
17 看,我的苦楚已變為安寧,是你保存了我的生命脫免滅亡的深淵,因為你將我所有的罪惡盡拋於你背後。
Dhugumaan akkas dhiphachuun koo faayidaa kootiif. Ati jaalala keetiin boolla badiisaa irraa na eegde; cubbuu koo hundas, dugda kee duubatti gatte.
18 誠然,陰府不會讚頌你,死亡也不會稱揚你;下到深淵的,也不會再仰望你的忠誠。 (Sheol )
Siiʼool si galateeffachuu hin dandaʼutii; duutis si jajachuu hin dandaʼu. Warri qileetti gad buʼan, amanamummaa kee abdachuu hin dandaʼan. (Sheol )
19 生者,唯有生者能讚頌你,如我今日一樣;為父的當使自己的兒女認識你的忠信。
Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa, yaa jiraataa jedhanii si jajatu; abbootiin waaʼee amanamummaa keetii ijoollee isaaniitti ni odeessu.
20 上主救了我,為此我們願以終生的歲月,在上主的殿內彈奏絃琴!
Waaqayyo na baraara; nus bara jireenya keenyaa guutuu, mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti miʼa ribuu irraa hojjetameen faarfanna.
21 依撒意亞曾吩咐說:「拿一塊無花果餅來,貼在他的瘡口上,他就會好了。」
Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaatii dhullaa isaa irra kaaʼaa; innis ni fayyaa” jedhee ture.
22 希則克雅曾問說:「有什麼憑據,我將登上上主的殿﹖」
Hisqiyaasis, “Akka ani gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee gaafate.