< 以賽亞書 33 >
1 禍哉,你這不受侵害而侵害人,不受劫掠而劫掠人的人!當你侵害完了,你將遭受別人的侵害;當你劫掠完了,你將遭受別人的劫掠。
Yaa barbadeessaa, ati kan hin barbadeeffamin siif wayyoo! Yaa gantuu, ati kan hin ganamin siif wayyoo! Ati yommuu barbadeessuu dhiiftutti ni barbadeeffamta; yommuu ganuu dhiiftuttis ni ganamta.
2 上主啊!憐恤我們罷!我們仰望你,每日清晨,請作我們的臂膊!在窘迫時,請作我們的救援!
Yaa Waaqayyo, nu maari; nu si eeggannaa. Ati ganama ganama jabina keenya, yeroo dhiphinaatti immoo fayyina keenya nuuf taʼi.
3 叫囂的聲音一響,民眾遂即逃遁;你一奮起,萬民便都潰散。
Sagalee kakawwee keetiitiin, namoonni baqatu; yeroo ati ol kaatutti, saboonni ni bittinnaaʼu.
4 人們收集掠物,有如拾取蚱蜢;急於劫掠,有如蝗蟲疾跳。
Yaa saboota, akkuma hawwaannisni walitti qabamu sana boojuun keessan walitti qabama; namoonnis akkuma tuuta hawwaannisaa irra uʼutaalu.
5 上主是崇高的,因為他居於高處;他以正義和公平充盈了熙雍。
Waaqayyo ol ol jedha; inni ol gubbaa jiraataatii; inni murtii qajeelaa fi qajeelummaadhaan Xiyoonin guuta.
6 他是你命運的保障,得救的府庫、智慧和明智;敬畏上主, 將是你的寶藏。
Inni bara keetiif hundee amansiisaa, kuusaa fayyinaa, kan ogummaatii fi kan beekumsaa taʼa; Waaqayyoon sodaachuun furtuu badhaadhummaa kanaa ti.
Kunoo gootonni isaanii sagalee ol fudhatanii daandii irratti iyyu; ergamoonni nagaas hiqqifatanii booʼu.
8 大路已經荒廢,行旅已經絕跡。他撕毀了盟約,藐視了證人,不顧及任何人。
Karaawwan gurguddaan onaniiru; namni karaa irra deemu hin jiru. Walii galteen diigameera; dhuga baatonni ishee tuffatamaniiru; namni tokko iyyuu hin kabajamu.
9 地域悽慘頹廢,黎巴嫩慚赧憔悴,沙龍變成荒野,巴商和加爾默耳搖曳凋零。
Lafti ni boossi; ni barbadoofti; Libaanoon ni qaanofti; ni coollagdi; Shaaroon akka gammoojjii taati; Baashaanii fi Qarmeloos baala isaanii harcaafatu.
10 上主說:「現在我要起來,現在我要奮發,現在我要受尊崇!
Waaqayyo akkana jedha; “Ani amma nan kaʼa; ani amma ol ol nan jedha; ani amma nan kabajama.
11 你們所懷的是枯草,所生的是碎湝;我的氣息有如火燄,必將你們焚盡!
Isin habaqii ulfooftu; cidii deessu; hafuurri isin baafattan ibidda gubee isin fixuu dha.
12 萬民將被焚燒,有如石灰,又如斬斷的荊棘燬於火中。
Namoonni akkuma nooraa gubamu; akkuma qoraattii cirameettis ibiddi itti qabsiifama.”
13 遠方的人要聽到我的作為,近處的人要嘗試我的能力!」
Isin warri fagoo jirtan waan ani hojjedhe dhagaʼaa; warri dhiʼoo jirtanis humna koo beekaa!
14 熙雍的罪人戰兢害怕,不法之徒為恐懼所攫:「我們中誰能與吞噬的烈火同居﹖我們中誰能與不滅的烈燄共處﹖」
Cubbamoonni Xiyoon keessaa ni sodaatu; warri Waaqatti hin bulles hollachaa, “Nu keessaa eenyutu ibidda waa balleessu wajjin jiraachuu dandaʼa? Nu keessaa eenyutu ibidda bara baraan hin dhaamne wajjin jiraachuu dandaʼa?” jedhu.
15 那行走正道,出言真誠的,鄙棄欺詐入息的,搖手不受賄賂的,充耳不聞流血陰謀的,閉眼不看邪惡的:
Namni qajeelummaan jiraatee dhugaa dubbatu, kan faayidaa karaa dabaatiin argamu lagatee harka isaa mattaʼaa fudhachuu irraa eeggatu, namni marii nama ajjeesuu irraa gurra isaa cuqqaallatee jalʼina ilaaluu irraa ija isaa dunuunfatu,
16 這樣的人要居高處,巖石上的保壘將作他的保障,他的食物有人供應,他的水可得保全。
iddoo ol kaʼaa irra jiraata; daʼannoon isaas kattaa jabaa taʼa. Buddeenni isaaf ni kennama; bishaanis isatti hin hirʼatu.
17 你必要舉目瞻仰具有華美的君王,要遙望幅員廣闊的地帶。
Iji kee mooticha miidhagummaa isaatiin arga; biyya fagoo jirtu illee ni ilaala.
18 你的心追憶起已往的恐怖時,要說:「登記的人員在那裏呢﹖量銀的人員在那裏呢﹖數點城堡的人又在那裏呢﹖」
Atis akkana jettee garaa keetti raafama durii sana yaadda: “Ajajaan ol aanaan sun eessa jira? Namichi gibira fuudhu sun eessa jira? Ajajaan itti gaafatamaan gamoowwanii eessa jira?”
19 你再見不到那野蠻的民族,即言語深邃而難以領悟,說話口吃而不易理喻的民族。
Ati siʼachi saba hamaa, kan haasaan isaa namaaf hin galle, kan afaan isaa haaraa taʼee fi hin hubatamne hin argitu.
20 你將觀看熙雍,我們集會的城邑;你的眼將見到耶路撒冷,安全的寓所,不動搖的帳幕;她的木樁永不能拔出,她所有的繩索也不能拉斷。
Xiyoon, magaalaa ayyaana keenyaa hubadhuu ilaali; iji kee Yerusaalemin, iddoo jireenyaa nagaa qabu, dunkaana hin buqqifamne arga; qofoon ishee hin buqqifamu; yookaan funyoon ishee tokko iyyuu hin citu.
21 榮耀的上主在那裏將作我們的巨川大河,沒有舟楫往來其間,也沒有遊艇划過。
Waaqayyo achitti Humna keenya taʼa. Iddoon sunis akkuma lageen gurguddaatii fi burqaawwanii taʼa. Dooniin waraanaa kan batoodhaan oofamu tokko iyyuu isaan irra hin deemu; dooniin jabaan tokko iyyuu isaan irra hin qaxxaamuru.
22 它的繩索鬆弛了,沒有穩固桅杆的力量,也沒有扯起船帆的力量。
Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii; Waaqayyo seera nuuf kenna; Waaqayyo mootii keenya; inni nu fayyisa.
23 因為上主是我們的判官,上主是我們的立法者,上主是我們的君王,他必拯救我們。
Funyoon kee laafeera; utubaan isaa jabaatee hin dhaabamne; sharaanis hin diriirfamne. Ergasii boojuun baayʼeen ni qoodama; okkolaan iyyuu boojuu ni fudhata.
24 那時,瞎子要分得許多戰利品,瘸子要取得擄獲物。 沒有一個居民再會說:「我病了。」住在那裏的人必將獲得罪赦。
Namni Xiyoon keessa jiraatu kam iyyuu, “Na dhukkuba” hin jedhu; cubbuun warra achi jiraatanis ni dhiifamaaf.