< 何西阿書 14 >
1 以色列! 歸向上主你的天主吧! 因為妳跌倒了,是因了你的罪孽。
Yaa Israaʼel, gara Waaqayyo Waaqa keetiitti deebiʼi. Ati sababii cubbuu keetiitiif gufatteetii!
2 準備你們的話,好在回來歸向上主時,對衪說:「求你我們一切的罪過,使我們重獲幸福,叫我們好給你獻上我們嘴脣的佳果。
Dubbicha fudhadhuutii gara Waaqayyoo deebiʼi. Akkanas jedhiin: “Cubbuu keenya hunda nuuf dhiisi; akka nu ija arraba keenyaa siif dhiʼeessinuuf, arjummaadhaan nu simadhu.
3 亞述不能拯救我們,我們也不再騎坐埃及的馬;我們也不再對我們雙手的作品說:「你是我們的天主。」因為孤兒只有在你那裏才得到憐恤。
Asoor nu oolchuu hin dandaʼu; nu fardeen lolaa hin yaabbannu. Nu siʼachi deebinee, waan harki keenya hojjeteen, ‘Waaqota keenya’ hin jennu; daaʼimman abbaa hin qabne gara laafina sirraa argatuutii.”
4 我要治療他們的不忠,我要從心裏疼愛他們,因為我的怒氣已遠離了他們。
“Ani gantummaa isaanii nan fayyisa, toluman isaan jaalladha; aariin koo isaan irraa deebiʼeeraatii.
5 我對以色列將如甘露;她將開花如百合,扎根如白楊;
Ani Israaʼelitti akkuma fixeensaa nan taʼa; inni akkuma daraaraa ni daraara. Inni akkuma gaattiraa Libaanoon hidda isaa gad fageeffata;
6 她的枝條必要茂盛,她的秀麗就如橄欖樹,她的芬芳就如黎巴嫩的馨香。
dameen isaa ni guddata. Miidhaginni isaa akkuma muka ejersaa taʼa; urgaan isaa akkuma gaattiraa Libaanoon.
7 他們必將歸來,坐在我的庇蔭下;他們必將繁殖有如五榖,滋生有如葡萄;她的聲譽將如黎巴嫩的美酒。
Namoonni ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala jiraatu. Inni akkuma midhaanii lalisa. Akkuma muka wayinii dagaaga; maqaan isaas akkuma daadhii wayinii Libaanoon beekama.
8 厄弗辣因和偶像還有什麼關係﹖是我折磨了她,我也要福佑她;我如一棵翠綠的松樹,由於我,她才結出了果實。
Yaa Efreem, ani kana caalaa waaqota tolfamoo wajjin dhimma maaliin qaba? Kan deebii siif kennee si eegu anuma. Ani akkuma muka birbirsa lalisaa ti; amanamummaan kee ana irraa dhufa.”
9 誰明智,就會明瞭,就會領會,因為上主的道路是正直的;義人在上面暢行,惡人反在上面跌倒。
Namni ogeessi eenyu? Inni waan kana ni beeka. Qalbii qabeessi eenyu? Inni waan kana ni hubata. Karaan Waaqayyoo qajeelaa dha; namni qajeelaan isa irra deema; finciltoonni garuu isa irratti gufatu.